Qarshii Chaayinaan Afrikaaf liqeessitu pirezidantii Baankii Addunyaa yaaddesse

Madda suuraa, ANADOLU / GETTY
Pirezidantiin Baankii Addunyaa liqaa Chaayinaan biyyoota Afrikaaf kennitu irratti yaaddoo akka qaban BBC'tti himan.
Deeviid Maalpaas ulaagaaleen liqaa kana itti kennitu kan amma jiru caalaa 'ifatti beekamuu qabu,'' jedhan.
Waan isaan jedhan kuni Gaanaa fi Zaambiyaa dabalatee biyyooti Afrikaa biroo liqaa isaanii Chaayinaaf deebisuuf yeroo rakkataa jiranitti dhagahame.
Chaayinaan gamasheen liqaa taasiftu kamiyyuu seera idila-addunyaan adeemsifama jetti.
Biyyoonni guddataa jiran biyyoota ykn dhaabbilee idila-addunyaarraa qarshii liqeeffachuun seektaroota diinagdee isaanii guddisan kanneen akka bu'uuraalee misoomaa, barnootaa fi qonna ittiin deeggaru.
Haa tahu malee, qarshiin dolaara Ameerikaan ykn immoo Yuroodhaan waan liqqeeffatamuuf, gatiin dhalaa waggaa darbe keessatti Ameerikaafi biyyoota kaaniitti akkaan dabaluun biyyoota liqeeffatan, liqaa isaanii deebisanii kaffaluun qaalii jalaa ta'a.
Biyyoota guddataa jiran kunneeniif gatiin maallaqaa kanneen akka dolaaraa dabaluun gatiin qarshii isaanii yeroo hir'ataa adeemu, qarshii dabalataa garaagarummaa kanaan dhufu kaffaluun akkaan isaan rakkisa.
''Rakkoo dachaa taha, kuni guddinni [diinagdee] biyyoota kanaas akka tiratu taasisa,'' jedhan Obbo Maalpaas.
Morkii US-Chaayinaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii Ameerikaa fi Chaayinaa kanarratti furmaata barbaaduun sababa pireezidantiin itti aantuu Ameerikaa gara biyyoota Afrikaa imalan keessaati.
Imala kanaan booda Ameerikaan Taanzaaniyaa fi Gaanaadhaaf deeggarsa maallaqaa taasisuuf kutannoo qabaachuu ibsiteetti.
Ameerikaafi Chaayinaan ardii sibila nikeelii kan baatirii konkolaataa elektiriikii tolchuuf oolu keessaa argamu kan leecalloo uumamaaa baay'een badhaate kana irratti dhibbaa taasisaniin wal-dorgomu.
Pirezidantiin itt-aantuu Ameerikaa Kamaalaa Haariis Gaanaatti yeroo haasaa taasisan, ''Ameerikaan kan qajeelfamtu michoota keenya Afrikaaf maal goonaaf kan jedhuun qofa osoo hin taane waliin maal hojjenna kan jedhuunis,'' jedhan.
Waa'ee warshaa haaraa Taanzaaniyaatti nikeelii oomishuuf dhaabbate yeroo dubbataniis 2026 irraa eegalee gabaa Ameerikaafi addunyaaf oomisha dhiyeessuu jalqaba jedhan.
''Kunis rakkoo jijjiirama qilleensaa ni gargaara, akkasumas cancala dhiyeessii jabaa tahe fiduun ala, carraa hojii haaraa uuma,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Baankii Addunyaa waan Kamaalaa Haariis jedhan jajuun biyyoonni jajjaboo addunyaa lamaan dorgomuun immoo ''biyyoota guddataa jiraniif gaarii dha,'' filannoo gargaraa kennaafii jedhan.
''Ani kanan jajjabeessu biyyooti kunneen lameen waliigaltee biyyoota Afrikaa wajjiin taasisan irrattii iftoomina akka qabaatanidha.
''Iftoominni rakkoo tahee tureera, waliigaltee barreessitee, garuu eenyutiyyuu hin agarsiisiin jechuun, waan tahu miti irraa fagaachuu qabu, '' jedhan.
Mootummoota Afrikaas akeekkachiisan pirezidantiin kuni.
''Liqaa argachuuf jecha qabeenya biraa qabsiisuu hin qabanii kuni dhaloota danqaa keessatti hambisa,'' jedhan.
Waggoota dhihoon asitti Chaayinaan madda liqaa biyyoota guddataa jiranii taatetti.
Qorannoon dhiyeenya Institiyuutii Ki'eeliin dalagame akka agarsiisutti Chaayinaan akka addunyaatti doolaara biiliyoona 185 tahu bara 2016-2021'tti biyyoota 22'f liqeessiteetti.
Chaayinaan deeggarsa maallaqaan biyyoota saamuuf fayyadamti jechuun himannaa irratti ka'u ni balaaleffatti.
Torbee darbe keessa Dubbii Himaan Haajaa Alaa Chaayinaa Maa'oo Niing, ''Chaayinaan fedhii biyyootaa ni kabajji, eenyuniyyuu dirqamaan qarshii akka liqeeffatan hin gaafanne, akka kaffalanis hin gaafanne, waliigaltee liqaa irrattis fedhii siyaasaa hin galchitu,'' jedhan.
Rakkoon addatti akkaataa Chaayinaan qarshii liqeessitu hin ilaallatu garuu dubbiin fooyya'aa jira jedhan.
''Akkaataa biyyoonni lixaa qarshii liqeessan yoo ilaalte yeroo tokko tokko faayidaa uummata biyya liqeessaniifiif jecha miti.
''Liqaan Baankiin Addunyaa kennullee yeroo hunda foyya'insa biyyoota qarshiin kennameefi sanaa fiduu dhiisuu mala,'' jedhan.
''Kanaaf waan gochaa jirru, hundi keenya kan hojjechuu qabnu, akkaataa qarshii liqeessinu fooyyessuun tahuu qaba,'' jedhan.
''Malli inni duraa baaqqessuu dha. Fakkeenyaaf piroojektiin tokko kan akka geejiba baaburaa hojjechisuu yoo jiraate qarshii hojii kanaaf barbaachisu qofa kennuun, al tokkotti maallaqa guddaa kennuu fooyya'aa dha,'' jedhu.
Qarshii gargar hin bahu taanaan garuu, rakkisaa dha jedhu.
Pirezidantiin Baankii Addunyaa yeroo isaanii xumuraa jiran, waraana Yukreeniin booda gatiin nyaataa, xaa'oo fi aannisaa akkaan dabaluun baajata biyyoota guddataa jiranii irratti hudhaa tahaa jira jedhaniiru.
Qaal'ainsi amma hir'achaa adeemuun garuu rakkoo hidda jabeeffate salphisaa adeemuu mala jedhan.












