Liqiin Itoophiyaarra jiru hangam, akkamiin deebisuu dandeessi?

Alaabaa Itoophiyaa fi maallaqa biyya alaa

Madda suuraa, Getty Images

Liqiin Itoophiyaarra mootummoota addunyaa fi dhaabbilee liqii kennan irraa fudhate yeroo jalqabaatiif kan doolaara biiliyoona tokko caalee bara 1981tti ture. Amaan tana ammoo haalaan dabalaa jiraachu maddeen ni mul'isu.

Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti, sirni Dargii aangoorraa yeroo kufu liqiin biyyattiirra jiru doolaara biiliyoona sagal ture. Bara 2006tti ammoo liqiin kun gadi bu'uun doolaara biiliyoona 2.2 gahee ture.

Haata'u malee bara 2018 wayita Ministirri Mummee Abiy aangootti dhufan, liqaan biyyattiirra ture doolaara biiliyoona 28 gaheera jedha Baankiin addunyaa.

Ammaan tana ammoo liqiin biyyattiirra jiru kan dhaabbilee biyya keessaafi alaarraa liqeeffatame biiliyoona 56.6 gahusaa gabaasni himu Ministeera Maallaqaa Itoophiyaarraa bahaa jira.

Mootummaan Itoophiyaa dabalaa dhufuu liqii kanaa hubachuun bajata biyyattii bara dhufuu keessatti liqii deebisuu waan dursa kennuuf akka ta'e ibseera.

Liqiin biyyattiirra jiru walakkaa oomisha waliigalaa ishee ta'uu isaa hordofees liqii kana ilaalchisee dhaabbilee maallaqaa wajjin mariin gaggeeffamuutti jira.

Walgahicha kan hoogganu liqeessitoota Itoophiyaa gurguddoo kan ta'an Faransaayiifi Chaayinaa fa'i.

Mariin haala liqii Itoophiyaa fooyyessuu (loan restructuring) irratti erga eegalee bubbulus sababa waraana Kaaba Itoophiyaan gidduutti harkifateera.

Dhaabbileen akka Fandii Maallaqa Idil- Addunyaa (IMF) fi Baankiin Addunyaa, Chaayinaafi biyyoonni liqii kennan kan biroos, liiqaa Itoophiyaa, Chaadiifi Zaambiyaa irraa jiruuf ilaalcha akka godhan gaafachaa jiru.

Daayireektarri IMF Kiristaaliin Joorjiyoovaa, biyyoota qormaanni isaan mudachaa jiruuf furmaata barbaaduun ni barbaachisa jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

'Liqii kaffaluun duruu ulfaataa ture ammammoo ni hammaate'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2018 wayita Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanitti liqaan biyyoonnifi dhaabbileen maallaqa idil-addunyaa Itoophiyaa irraa qaban gara doolaara biiliyoona 28 kan gahu akka ta'e Baankii Addunyaa waabeffachuun ogeessi diinagdee Dr. Ayyelee Galaan BBC'tti himan.

Akka ogeessi kun jedhanitti, ergasisii jijjiirama siyaasaafi rifoormii godhaman deeggaruuf dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni dhuunfaan karaa arjoomaa fi liqaatiin doolaara biiliyoonaan lakkaawwamu Itoophiyaaf kennaniiru.

''Erga bara 2018 booda wanti bade abdii guddaa turerraa kan ka'e mootummaanis hangan barbaade liqeefadheen biyya ittiin guddisa jedhe. Warri biyya alaas Itoophiyaan karaa sirrii deemaa jirti jedhanii biiliyoona danuu takkumatti gadi naqani. Sun homaarra hin oolle.''

Liqaa mootummaan MM Abiy dura ture liqeeffatee osoo hin deebi'iin, erga MM Abiy aangootti dhufanis doolaarri biiliyoona 10 ol ta'u ida'amuun, ''liqaa biyyattiirra tuulamee turetti dabalameera,'' jedhu.

''Liqii kaffaluun isa kan duraa caala amma rakkisaa ta'aa dhufeera. Duruu badaa ture ammammoo ni hammaate.''

Liqeessitoota Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroo guddoo kan ta'e Fandiin Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF), bara 2020 keessa doolaara biiliyoona sadii raggaaseera.

Ejensiiwwan fi Baankiin Addunyaas akkasuma maallaqa biiliyoon sadi sadii liqeessaniiru kan jedhan Dr Ayyeleen, ammaan tanas liqqaan Itoophiyaarra jiru biiliyoona 38 gadi akka hin taane kaasu.

IMF liqii kana Itoophiyaaf raggaasuu isaatiin dura bara 2019 keessa gabaasa baaseen, biyyattiin liqaa deebisuuf rakkoo keessa jirti jedhee ture.

''Akeekkachiifni kun kan bahe liqaan Itoophiyaarra jiru doolaara biiliyoona lamaan wayita hiri'setti. Kun ammoo ergasii haalli jiru ittuu hammaachuu agarsiisa,'' jedhu Dr Ayyeleen.

Baasiifi galii mootummaa miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiheenya kan ibsan Minsitirri Muummee Abiy Ahimad, ji'oota 11 keessa darban birrii biiliyoona 330 sassaabuufi baasiin biyyattii ammoo biiliyoona 500 gahuu himan.

Baasiin fi galii biyyaa gidduu qaawwi hanga kanaaf kan sababa ta'e liqii ta'uus dubbatu.

Muummichi Ministiraa ''waggaa kana keessa liqii doolaara biiliyoona 1.7 kaffalleerra. Kun ammoo gara birrii biiliyoona 100 ta'a,'' jedhan.

Bajata bara dhufuu (ALI 2015)f kan raggaasifame birrii biiliyoona 786.6 keessaa harki caalu liqii deebisuu, deebisanii ijaaruu fi ijaarsa humna ittisaaf akka oolu ibsameera.

Ogeessi diinagdee Abdul Mannaan Mohaammad rakkoolee guddina Itoophiyaa boodatti harkisan keessaa ijoon liqii ta'uu dubbatu.

MM Abiy dhimma bajataarratti miseensota mana maree wajjin yeroo mari'atan, yaadota dhiyaatan keessaa bajata akka malee qisaasuufi dandeettiin galii walitti qabuu biyyattii laafuun akka ijootti ka'aniiru.

Guddiinni diinagdee Itoophiyaan ALI bara 2011- 2013 gidduu galmeessite 7.1 karooraan gadi.

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Getty Images

Liqii Itoophiyaarra jiru kan kaffalu eenyu?

Liqii Itoophiyaan fudhatte keessaa dhibbeentaan 97 liqii yeroo dheeraa (long term) fi liqii uummataa (public and publicly guaranteed) akka ta'e Dr Ayyeleen ni dubbatu.

''Liqiin yeroo dheeraa kan agarsiisu kaffaltiin isaa waggoota 30-50 keessatti kan raawwatamu ta'uu isaati. Kana jechuun liqii kana deebisuun yaaddoo mootummaa liqicha fudhatee hin ta'u.''

'Public and Publicly Guaranteed' kan jedhamu ammoo yeroon liqaan kun itti kaffalamuu gahutti deebisuuf gaafatama kan qabu ''uummata Itoophiyaa sanuummoo dhaloota amma jiru hin ta'u jechuudha,'' jedhu.

Dhaabbileen idil-addunyaa Itoophiyaaf liqeessan kan akka Baankii Addunyaafi IMF wayita liqii kennan yeroo jedhame keessatti maallaqicha yoo deebisuu baatan wanta akka wabiitti qabatan fudhatu.

Ofii Itoophiyaan maal qabsiifattee liqeeffatti?

Ogeessi diinagdee Dr. Ayyeeleen Itoophiyaan maal qabsiiftee liqeeffachaa akka jirtu ifatti wanti beekamu hin jiruu jedhu.

Biyyoonni kaanis akkasuma maal qabsiisanii akka liqii fudhatan ifa hin godhan jedhanii, wanti kun kan ifa ta'u kan liqeessee fi liqeeffate giddduu rakkoon dhalatee wal himachuun yeroo eegaluu ta'u himu.

''Mootummaan yeroo liqeeffatu qabeenyuma harka isaa jiru qabsiisee liqeeffata. Garuu maali inni kan jedhu iccitiidha. Yeroo baayyees kan beekamu waldhabanii gara seeraa yoo wal geessanidha.''

Akka fakkeenyaatti mootummaan Keeniyaa liqii Chaayinaarraa fudhatee ture irratti yeroo waldhaban Chaayinaan buufata doonii Mombaasaa fudhachuuf yeroo jettu, ''wabiin liqaa fudhateef qabame buufaticha ta'uun beekame,'' jechuun fakkeenya kaasu.

''Zaambiyaanis akkasuma humna ibsaa ishee qabsiiftee ture kan liqeeffatte, Liqiin sun kaffalamuu didnaan Chaayinaan kan kooti jechuu jalqabde.''

Liqii Itoophiyaan fudhatte wajjin walqabatee hanga ammaa dhibdeen waan hin dhagaahamneef qabdii qabame irratti maal akka ta'eef ragaan akka hin jirre himu.

Garaafii hanga liqii Itoophiyaa agarsiisu

Gaaffiin Itoophiyaan liqeessitootaaf dhiyeessite Loan restructuring maali?

Waggoota muraasa darban Itoophiyaan liqaa dhaabbileen idila addunyaa Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroorraa qaban itti deebisan ilaalchisee fooyya'iinsi akka jiraatu irra deddeebiin gaafachaa jirti.

Tibba kanas dhimmicha irratti mariin godhamaa ture.

Liqii deebisuu irratti gaaffiin loan restructuring dhiyaate irratti kan gaafanneen Dr. Ayyeleen, bajata bara kana mootummaan qabate keessatti kan sadarkaa jalqabaarra jiru liqii kaffaluudha jedhan.

Waraanni kaaba Itoohphiyaa jalqabuu dura liqaa deebisuu irratti ilaalchi akka godhamuuf gaafataa kan turte Itoophiyaan waraana keessa dhaabbilee liqeessan waliin hariiroon qabdu laafuun amma liqaa akka deebistu dhiibbaa keessa ishee galcheera jedhu.

''Bajata mootummaa bara baraan qabatu keessatti liqaa kaffaluun sadarkaa jalqabaarra yeroo ta'u argee hin beeku,'' kan jedhan ogeessi kun, kunis dhiibbaa jiru agarsiisa jedhan.

Gaaffiin amma Itoophiyaan dhiyeessite, Loan restructuring jechuun ''salphaatti yeroo ibsamu yeroon itti deebisu naatursi humna koon oli naa fooyyessi jechuudha,'' jedhu Dr. Ayyeleen.

Gaaffin kun bifa adda addaa kan qabu yeroo ta'u, ''liqiin kun humna koon ol ta'e naaf haqi ykn naaf dhiisi, dhala liqii kanaa naaf xiqqeessi ykn yeroon itti deebisu naaf dheeressi,'' kan jedhan ta'uu himan.

Liqeeffatanii deebisuu dhabuun sadarkaa idila adddunyaatti yakka kan jedhan ogeessi kun, dubbiin gagegeffamu liqeessitoota amansiisanii tarree biyyoota 'black list' keessa jiran akka hin galle yaalii godhamu jedhu.

Yeroo hedduuf dhaabbileen maallaqaa fi biyyoonni liqeessan, Itoophiyaarraa liqii haqaniiru.

Yeroo baayyee marii 'Loan restructuring' keessatti kan milkaa'u yeroo itti deebisan dheeressuudha jedhan.

''Ammas wanti ta'uuf jiru yeroo itti deebisan dheeressuudha.''

Kun gama Itoophiyaan akka oduu gaariitti yeroo dubbatamu dhagenya garuu balaa qabaa jedhu.

''Fala yeroo ta'ee afura baafachuuf yoo gargaare malee dhalli yeroo barri isaa dheeratu dhalatu baayyee guddaadha.''

''Yeroon dheerachuu isaa warri mootummaa akka mo'annaa guddaatti dubbatu, garuu biyya hiyyoomsaa deema. Short term gain long term pain dha.''

Liqaan biyyoota Afrikaa biroorra jiru maal fakkaata?

Dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaa biyyoonni Sahaaraa gadii dhibbeentaan 40 liqii hammaataa keessa jiruu jedhu.

IMF gabaasa bara 2018 baaseen lakkoofsi biyyoota Afrikaa liqii kaffaluu dadhaanii dachaan dabaluu ibseera.

Mootummoota Afrikaa keessaa 20 kan ta'an liqii Chaayinaan irraa qabdu itti cimeera jedha.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti bu'uuraalee misoomaa gurguddaa ijaaraa kan jirtu Chaayinaan dhaabbilee maallaqaa akka Baankii Addunyaatti aanee liqeessituu guddoo biyyoota Afrikaati.

Liqaan guddaan Chaayinaa irraa gara biyyoota Afrikaa kan dhufu gama ijaarsa daandii konkolaataa, kan baaburaa, buufata doonii fa'iin.

Bara 2015'tti gabaasa John Hopkins University baaseen biyyootni 17 liqii Chaayinaan irraa qabdu sadarkaa kaffaluu hin dandeenyerra gahaniiru jedhee ture. Biyyoota kana keessa Jabuutii, Koongoo Rippaablikiifi Zaambiyaan ni argamu.

Akka fakkeenyaatti liqii Jabuutii irra jiru keessaa dhibbeentaan 70 kan Chaayinaadha.

Bara 2017'tti ammoo Eertiraa, Sudaan Kibbaa, Zimbaabiwee fi Chaad fa'a itti dabalamaniiru.

Daandii qilleensaa Zimbaabiwee liqii Afrikaa Kibbaaf deebisuu qabu waan hin deebifneef hojjettoota isaa walakkaa ol ari'achuuf dirqameera.