Itoophiyaan anniisaa hangam biyyoota ollaatti gurgurti, fedhiin biyya keessaawoo?

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa 10 dura Jabuutiitti annisaa Elektiriikii gurguruu kan eegalte Itoophiyaan, waggoota 10 keessatti doolaara miiliiyoona 90 damee kanarraa galfachuu dandeesseetti.
Piroojektiin dhiyeessii anniisaa kanaa kan eegale deeggarsa doolaaraa biiliyoona 95 Baankii Misoomaa Afrikaarraa argameen ture.
Jabuutiitti anniisaa MW 22 dhiyeessuun gurgurtaa kan eegalte Itoophiyaan, Baha Afrikaatti qofa osoo hin taane guutuu Afrikaa keessatti gidduu-gala annisaa ta'uuf karoora waggoota 10 qopheessiteetti.
Kanaan bara 2022'tti Itoophiyaan hanga annisaa maddisiistuu GWH kuma 20 kan biyyyoota ollaatti gurgurtu ammoo 7,184 akka gahu karoorfame.
Ammaan tana Itoophiyaan Sudaaniifi Jabuutiitti anniisaa gurguraa kan jirtu yeroo ta'u, Keeniyaafis dhiyeessii anniisaa eegaluuf ijaarsi sarara ibsaa xumuramee, dhiyootti hojii akka eegalu eegama.
Karoorri ammatti jiru gurgurtaa anniisaa irraa waggaatti doolaara miiliyoona 70 argachuudha.
Daayireektarri kominikeeshinii Korporeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa Obbo Mogas Mokonniin, Sudaaniifi Jabuutiif MW 100 dhiyeessaafi kaffaltiin isaas bu'uuruma waliigaltee kanaan raawwatamaa jedhan.
Ji'oota sagal darbanitti kubbaaniyyaa Elektirikii Sudaaniif sa'aatiin Kiiloo Waattiin miiliyoona 774.2 ta'u kan karoorfamee turerra caalmaa dhibbeentaa afurii qabu dhiyaateera jedhan hoogganaan kun.
Gara Jabuutiittis akkasuma anniisaa Sa'aatiin Kiiloo waattiin miiliyoona 427.1 ta'u kan karooraan olitti caalmaa dhibbeentaa 11 qabu dhiyaateera jedhan.
Gurgurtaa ji'oota saglan kana keessatti biyyoota lamaan kana gidduutti raawwatame irraa galiin doolaara miiliyoona 67 argamuu obbo Mogas himaniiru.
Bara 2013 keessa gurgurtaa anniisaa irraa galiin argame doolaarri miiliyoonni 90 yeroo ta'u, galii isa olaanaa ta'uus himaniiru.
Waggaa lama dura hidhi biyyattii keessa turan bishaan gahaa hin arganne waan tureef dhiyeessii anniisaa biyyoota alaa keessumaa kan Sudaan irratti adda cituun mudatee ture.
Hidhoonnni akka Qooqaa, Malkaa Waakkannaafi Gibee sadii bishaan gahaa sababa hin arganneef galiin waggaa gurgurtaa kanarraa argamu miiliyoona 60 qofa ture.
Kanumaan walqabatee Sudaan kaffaltii anniisaa Itoophiyaaf hin raawwanne akka jiruufi Itoophiyaan kaffaltiin sun akka raawwatuuf Sudaanitti xalayaa barreessuun gabaafameera.
Hoogganoonni Sudaan tasgabbii dhabuu biyyattii mudate akka sababaatti kaasuun ''naa obsaa, dhiyeessiin anniisaas narraa hin dhaabbatiin'' deebii jedhu kennaniiru.
Kaffaltiin Sudaan Itoophiyaaf hin raawwanee kan ji'a jahaa akka ta'ullee Obbo Mogas himaniiru.
Gurgurtaan anniisaa Keeniyaa maaliif barfate?
Keeniyaatti anniisaa gurguruuf karoorri erga qophaayee waggootni lakkaawwamaniiru. Biyyoonni lameen dhimma kanarratti waliigaltee erga mallattesaaniis waggoonni 10 darbaniiru.
Waliigalteen Ministira Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa yeroo sanii Obbo Alamaayyoo Taganuufi gita isaanii Keeniyaa gidduutti mallatteeffameen dhiyeessiin anniisaa waggaa afur booda jechuunis waggaa jahaan dura eegalama jedhame ture.
Sarara humna ibsaa dhiyeessu kana Itoophiyaan waggaa darbe ijaartee kan xumurte yeroo ta'u, ijaarsi sarara kanaa gara doolaara biiliyoona 1.3 gaafata.
Obbo Mogas sararri kun daangaa Itoophiyaa keessa qofa km 412 kan dheeratu yoo ta'u walumaagalatti ammoo KM kuma tokkoo ol dheerata jedhan.
Baasiin piroojektii kanaa liqii baankii addunyaarraa argem doolaara miiliyoona 684 argameen hojjetame.
Baankiin Misoomaa Afrikaas hojii kanaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 350 ta'u raggaasee ture. Biyyootni lameenis bajata mataa isaaniin hojii kana milkeessuuf tumsaniiru.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Gama Itoophiyaan hojiin ijaarsa barbaachisuu xumuramus gama Keeniyaan kan hin xumuramne waan ta'eef yeroo eegaluun irra ture irraa waggaa tokkoon barfateera.
Fulbaana 2021 aanga'aan Keeniyaa dhimma kana mariyachuudhaaf gara Itoophiyaa imalanii waliigaltee amma duraa jabeessuun, hojii pirooketii kanaa goolabuuf waliigaluu Obbo Mogas himaniiru.
Gama kaaniin Itoophiyaan tibba kana Sudaan Kibbaaf anniisaa dhiyeessuuf waliigalteerra geesseetti.
Biyyoonni lameen waggoota sadan dhufan keessatti dhiyeessii anniisaa eegaluuf waliigalan.
Sararri humna ibsaa kun waggaa tokkoo booda waggoota lamaaf misoomee xumuramuuf waliigalame.
Waliigalteen kun hojii boqonnaa lamatti qoodame kan qabu yeroo ta'u inni jalqabaa ijaarsa sarara ibsaa km 357 dheeratu kan magaalaa Gaambeelaa ka'ee magaalaa Sudaan Kibbaa Malaakal kana gahuudha.
Inni lamata ayeroo dheeraa fudhata jedhame ammoo Teeppii irraa gara Baaroo Jubaa adeemuu sarara km 700 dheeratuudha.
Ijaarsi sarara kanaa erga xumuramee booda waggaa jalqabaatti Itoophiyaan annisaa Meggaa Waattii 100 Sudaan Kibbaaf dabarsiti.
Hanga kanaan jalqabama malee akkuma bu'urri misoomaa annisaa Sudaan Kibbaa wayyaa'aa adeemeen hangi anniisaa dhiyaatuuf dabaluu akka danda'u Obbo Mogas himaniiru.
Rakkoolee gurgurtaa anniisaarratti mul'atan
Yeroo dheeraa keessa Itoophiyaan Somaalilaand, Ruwaandaa, Taanzaaniyaafi Burundiif anniisaa dhiyeessuuf karoora qabdi.
Haata'u malee mariin godhamee bu'uurri misoomaa dhiyeessii anniisaaf oolu diriirsuun waggoota fudhataa jedhu Obbo Mogas.
''Biyyootni ollaa keenyaa fedha qabaachuu isaanii nuuf ibsaniiru'' kan jedhan Obbo Mogas, biyyootni akka Sudaan anniisaa bitachuu eegalaniis anniisaa dabalataa akka barbaadan ifa godhaniiru jedhan.
Sudaan ammatti anniisaa hanga MW 200 Itoophiyaarraa argachaa kan jirtu yeroo ta'u, anniisaa dabalataa MW 1,200 akka barbaaddu ibsite.
Amma MW 1,200 gara Sudaanitti erguuf akka biyyatti humni hin jiru. Kana keessummeessuu hin dandeenyu. Bu'uura misoomaa amma jiruun ammoo waan ta'uu danda'u miti. Kanaaf inni fuula duratti waan deebii argatu ta'a.''
Gurgurtaa anniisaa biyyoota alaa wajjin walqabatee inni ijoon fedhii biyya keessaa guutuu akka ta'e kan dubbatan Obbo Mogas fedha biyya keessaa guutuun yoo dadhabame guutummaatti gurgurtaa alaa dhaabuuf murteen ni fudhatamaa jedhan.
Kanaafis akka fakkeenyaatti ALI bara 2011'tti hanqinni anniisaa waan mudateef Sudaaniif dhiyeessii kennamaa ture adda cituu yaadataniiru.
Ejjennoon fedha biyya keessaaf dursa kennuu kun biyyoota anniisaa Itoophiyaarraa bitachuu fedha hedduu akka hin gammachiifnes dubbataniiru.
Bakka fedhiin anniisaa lammiilee Itoophiya hin guutamnetti al-ergii anniisaa
Itoophiyaa keessatti uummatni miiliyoonaa hedduun lakkaawamutajaajila anniisaa elektirika amalee jiraata. Bakka tajaajilicha argatanittis adda ciccituun irra deddeebiin mudata. Magaalaaleen dabareen anniisaa argatu.
Kun ta'ee osoo jiruu gabaa alaaf anniisaa gurguruun akkamiin ilaalama gaaffii jedhuuf deebii kan kennan obbo Mogas, Warshaalee dabalatee fedhiin anniisaa warra biyya keessaa osoo hin guutamiin daldalli akka hin raawwatamne dubbatu.
Qajeelfama gurgurtaa anniisaa biyyoota alaa qophaaye keessatti anniisaan Itoophiyaan gurgurtu kan omishtu keessaa dhibbeentaa 10 qofa akka ta'u eeramuu himu.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa MW 6,000 omisha jedhame yeroo xumuramu hangi anniisaa gurguramuus ni dabalaa jedhu.
''Anniisaa guddaa omishneerra jennee wanna omishine alatti hin erginu. Fedhiin anniisaa biyya keenyaa iddoo hunda jira. Uummatni anniisaa fedhu hedduudha. Bu'uura misoomaa elektirikaa babal'isuu gaafata. Kanaaf hangi omishame hunduu hin gurguramu.''
Gurgurtaan gaggeefamu fayyadama anniisaa biyya keessa jiru hubannoo keessa galchuuni jehdu obbo Mogas.
Itti fayyadamni anniisaa guddaan kan galmaahu ganama fi galgala sa'aa 12- 4 ta'uuf isaa booda akkaan akka xiqqaatus dubbataniiru.
Gurgurtaan anniisaa biyya alaa amala fayyadama kanaa hubannoo keessa galchuus himaniiru.















