Pirezidant Isaayyaas waraana Raashiyaafi Yukireeniif Ameerikaatu sababa jedhan

Madda suuraa, Eritrean Ministry of Information
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiin guyyaa kabaja Walabummaa Ertiraa waggaa 31ffaa sababa gochuun dubbii taasisaniin waraana Raashiyaafi Yukireeniif Ameerikaa himataniiru.
Akka ibsa isaaniitti, xumura waraana ololaa booda ''humni warra Lixaa Ameerikaan hoogganamu, adeemsa hamaa ummatas ta'e warra lixaa bakka hin buune hordofuu eegaleera.''
''Addunyaan kan keenya ta'eera. Gama kamuu dorgomaa hin qabnu,'' jechuun warri Lixaa akka ka'an ibsan. Qoqqobbii Ertiraarratti ka'ame qeeqaniiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti yaa'ii Raashiyaan Yukireen waan weerarteef balaaleeffachuuf waamame biyyoota morman keessaa tokko Ertiraadha.
Pirezidant Isaayyaas dubbii taasisaniin Ameerikaan humnoota ishee morkatan irratti imaammata ''hacuucuu'' akka hordoftu himuun kanas Raashiyaa ''to'achuuf'' akka hojiirra oolchite eeraniiru.
Ummanni Yukireen imaammata kanaaf saaxilamuu ibsan.
Dubbii isaaniin biyyoonni Baha Awurooppaa ollaa Raashiyaa ta'an ''harka wayyaa jalaan'' qaami kaan itti fayyadamaa jira jedhan.
Pirezidant Isaayyaas adeemsi akkanaa waggoota 30 darbeef ''hin dalagne'' jechuun himan.
''Doorsisuun, adabuun, weeraruun, maqaa balleessuun, qoqqobbii kaa'uun, mirga namoomaa akka meeshaatti fayyadamuun hin dalagne,'' jedhan.
Dhiibbaa diinagdee uumuun Raashiyaan ala Chaayinaarratti ''xiyyeeffateera'' jechuunis dubbatan.
Pirezidant Isaayyaas kabaja wagga 31ffaa walabummaa Ertiraarratti dubbii taasisaniin ''Gaanfi Afrikaa tasgabbaa'uu isaa mirkaneessuun'' xiyyeeffannoo ijoo Ertiraa ta'uu ibsaniiru.

Madda suuraa, Eritrean Ministry of Information
Qabxiilee haasaa isaaniitiin kaasan keessa nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa, waraana Raashiyaafi Yukireen akkasumas ''dhiibbaa biyyoota lixaa'' argamu.
''Qaxanicha tasgabeessuun, walitti dhufeenya cimsuu fi biyyoota walabaa jidduutti hidhataafi guddina mirkaneessuun dhimmoota ijaarsi biyyaa irratti hundaa'udha, ta'us itti fufa,'' jedhan.
Dhimmoota "ajandaawwan diigumsaa keessaafi alaa'' qabaniin, lammiileen biyyoota ollaa akka qoramanis kaasaniiru.
Qaxanicha bira darbuunis Afrikaan akka ardiitti walitti dhufeenya qaxanaa cimsuu akka qabaattu kaasuun, ''kunis dhimma filmaataa osoo hin taane baay'ee barbaachisaadha'' jechuun cimsanii himaniiru.
Mootummaan Ertiraa ''walitti dhufeenya qaxanichaatiif gumaacha akkuma taasise'' kanaan alattis, guddina diinadgee waloo, qabsoo farra shororkeessuummaa fi yaaddoo nageenya biyyaaleessaa qolachuuf akka cimanii hojjatan pirezidaantichi dubbataniiru.
Pirezidanti Isaayyaas haasaa guyyaa bilisummaa sababeeffachuun taasisaniin, ayyanichi kan ''haalli biyyattii ammaa, kan duriifi kan gara fuuldurra itti ilaalamuudha'' jedhan.
Haalawwan qaxanichaafi kan sadarkaa idil-addunyaatti argaman hubannoo keessa galchuun, qabsoo walabummaa fi bilisummaa Ertiraa eegsisuuf taasifameen bira darbee, bara waan biyyattiin gara fuulduraatti galmaan gahuuf barbaadduu kan ittiin ilaalamuu akka ta'e kaasan.
Waa'ee Ertiraa
Pirezidantichi ummanni Ertiraa bilisummaa isaa gonfachuuf qabsoo waggoota 50f gaggeessee leellisaniiru.
Ertiraa amantaan qooduuf, qabeenya dinagdeeshee dadhabsiisuuf akkasuma yaaliiwwan biraas taasifaman, ummata Ertiraa kan ''hubannoo siyaasaa isaanii cimsan'' malee kan burjaajeessan akka hin turre dubbatan.
''Muxannoofi barnooti waggoota 50n qabsootti argaman'' dhalootaa gara dhalootaatti kan ce'e ta'u dubbataniiru.
Haguuggii Ertiraan ''shororkeessaa deeggarti'' jechuun dhorkaawwan irra kaa'aman osoo hin balaaleeffatiin hin dabarre.
Ertiraa keessatti dhaabbileen sabaa himaa, amantaa, bilisummaan siyaasaa hir'achaa fi tarkaanfiiwwan mirgoota namoomaa sarban mootummaan akka raawwataman gabaasawwan eeru.
Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii dabalatee qaamooleen mirgaaf falman garaa garaa kana qeeqanilleen, mootummaan Ertiraa garuu himannaawwan kanneen hin fudhatu.















