Waraana Kaaba Itoophiyaa: Mootummaan Ertiraa TPLF waraana biraaf qophaa'aa jira jechuun hime

Agarsiisa waraanaa kabaja guyyaa yaadannoo waggaa 25ffaa Mootummaa Biyyaalessa Eertiraa irratti

Madda suuraa, Yemaanee G/masqal

Humnoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) waraana biraaf qophaa'aa jiru jechuun motummaan Ertiraa hime.

Mootummaan Ertiraa gama Ministeera Beeksisaa A.L.I har'a Caamsaa 09/2014 ergaa dabarseen TPLF gama daangaa Ertiraafi gama Lixa Tigraayiin lola banuuf jiru jechuun ibse.

Ibsi Ertiraa kuni kan dhagahame yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti deebi'ee ka'uu mala yaaddoon jedhu jabaateettidha.

Guyyoota muraasa dura Mootummaan Naannoo Amaaraa 'weerara gama TPLF banamuu mala' jedheen caasaan nageenyaa naannichaa akka qophii godhu ajaja dabarseera.

Xumura torban darbees Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduu muddamni dabalu eeruun yaaddoo ibseera.

Akka komishinichaatti gabaasi walitti bu'iinsi mudatu akeekan dhagahamaniiru.

Muddamni kuni dhalachuu torban tokko dura humnoonni Tigraay daangaa Ertiraa bakkeewwan Raamaafi Baadimmeetti haleellaa yeroo muraasaaf ture bananii akka turan BBC'n gabaasee ture.

Taatullee humnoonni TPLF kana raawwachuu waakkataniiru.

Dhimmicha irratti yeroos gama mootummaa Ertiraa wanti jedhame hin jiru ture.

Mootummaan Ertiraa maal jedhe?

Mootummaan Ertiraa bakkeewwan seerri idil-addunyaa lafa Ertiraa ta'u mirkaneesse warri TPLF deebi'ee weeraruu qophaa'aa jiru jedheera.

Kanaanis, xiyyeeffannoon jalqabaa isaanii ''Ertiraafi ummata Ertiraati'' jedheera.

Dabalataan, TPLF gama Lixa Tigraay Walqaayit, Xagadeefi Humaraa deebisee qabachuufi bakkee Sudaan waliin isaan daangessu banuuf karoorsaniiru jedheera.

Mootummaan Ertiraa ibsa isaa keessatti haleellaa TPLF irraa banamuu danda'u mootummaafi ummatni Ertiraa ofirraa ittisuu danda'a jedheera.

Waraanni baatiiwwan 18'f ture Kaaba Itoophiyaatti taasifameen badiin guddaa dhaqqabeera.

Lubbuun lammiilee kumaan lakkaa'aman darbuu kan amanamu yoo ta'u miiliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru. Qabeenyi guddaas manca'eera.

Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lola naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessa jiruun namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'aniiru

Lola humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaarratti bananiin eegale kanarratti waraanni Ertiraas qooda fudhateera.

Gara jalqabaa lola kanaatti humnoonni TPLF gara Ertiraatti rokkeetii dhukaasaa turan.

Qooda fudhattoonni waraana kanaa garaagartee gidduu isaanii jiru mariin akka furan Gamtaa Afrikaafi Ameerikaa dabalatee biyyoonni Lixaa sochi taasisaa turan.

Ji'a muraasa dura mootummaan federaalaafi humnoonni Tigraay deeggarsa namoomaa ummata biraan gahuuf jecha dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.

Deeggarsi namoomaa kuni hanga eegame gara Tigraay seenaa hin jiru jechuun humnoonni Tigraay himu.

Booda kana garuu deeggarsi namoomaa bal'inaan seenaa jira. Taatullee hanga UN jalqaba karoorse hin gahu.

Mariin taasifamaa ture qaamoleen waraana keessa jiran lola dhaabanii mariin akka xumura tolchan hin goone.

Dura taa'aan TPLF Dr Dabratisyoon G/Mikaa'el guyyoota muraasa dura xalayaa dhaabbilee idil-addunyaaf barreessaniin waraana Kaaba Itoophiyaa jiruuf furmaata atattamaa barbaaduu akka gargaaran gaafataniiru.

Dabaluunis, uggurri Tigraayirratti ka'ameera jedhan akka xumura argatu yoo hin taasifamne ''filmaata biraa'' barbaaduuf akka dirqaman ibsanii turan.

Ta'us, ''filmaati'' kuni maal akka ta'e xalayaa isaaniirratti hin ibsine.

Humnoonni TPLF dargaggoota waraanaaf filataa jiraachuufi warra didan immoo maatii isaanii hidhaa akka jiran jiraattonni kana dura BBC'n dubbise himanii turan.

Qondaaltonni dhaaba TPLF garuu kana ni waakkatu.