Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee eegaluu malaa?

Madda suuraa, AFP
Ji'oottan 17 darbaniif waraanaan jeeqamaa kan ture naannoon Kaaba Itoophiyaa, humnootni Tigraay naannoo Affaar keessaa baaneerra jechuu isaanii booda tasgabbiin waan ture fakkaatus, dhuma torban darbeetti waldhabdeen deebi'ee hammaachuu akka danda'u mallattoon mul'ataa jira.
Humnootni Tigraay bakkeewwan Eertiraa daangessanitti haleellaa meeshaaa waraanaa gurguddoo bananii, yeroo gabaabaaf walitti dhukaasuun uumamee akka ture BBC'n maddeen isaa irraa mirkaneeffateera.
Haleellaan kun A.L.I Ebla 30/ 2014 waraana Eertiraa naannoo Raamaafi Baadimmee jiran irratti kan gaggeefame yoo ta'u, haleellaa kana booda humnoota Tigraay fi waraana Eertiraa gidduutti dhukaasi banamee akka ture ibsameera.
Qaamolee Eertiraa irraa dhukaasi jiraachuu isaa mirkaneessuun danda'amuu baatus, aanga'aan olaanaa mootummaa Itoophiyaa tokko waldhabdeen umamuu isaa mirkaneessaniiru.
Torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad humna waraanaa ittisaa biyyattii Ajaja Lixaa jala jiran deemanii kan daawwatan yoo ta'u, agarsiifni dandeetti waraanaa isaanii mul'isu daawwatameera.
Gaafa Roobis qophii magalaa Baahir Daaritti gaggeefame irratti qaamooleen nageenyaa adda addaa, miseensonnii fi hoggantoonni Faannoo, maatileen namoota waraanichaan ajjeefamaniifi hoggantoonni akkasumas mootummootni naannolee biroo MM Abiy Ahimadiin beekkamtiin kennameeraafi.
Yeroo sana haasaa kan taasisan itti-aanaa hogganaan buulchiinsa Naannoo Amaaraa, Dr Simaa Xiruunee, ''lammileen Itoophiyaa tasumaan yoomiyyuu biyya isaanii dabarsanii kennanii hin beekani, ammas kanneen Itoophiyaa diiguuf yaalan abdii kutatanii akka taa'an cimsinee itti himna," jedhan.
Dura taa'aan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Dr Dabratisyoon G/Mikaa'el guyyoota muraasa dura xalayaa dhaabbilee idil-addunyaaf barreessaniin waraana Kaaba Itoophiyaa jiruuf furmaata atattamaa barbaaduu akka gargaaran gaafataniiru.
Dabaluunis, Naannoo Tigraay irratti 'marfamuun' uumamee jira jechuun, yoo hin dhaabbatu ta'e, "filannoo biraa" barbaaduuf akka dirqaman ibsanii turani. Ta'us "filannoo" kan isaan jedhan kun maal akka ta'e xalayaa kana irratti hin ibsine.
Dhiyeenya kanas hoggantoonni olaanoo TPLF jiraattota naannichaa waliin marii adda addaa adeemsisaa jiru.
Dura Taa'aan TPLF Dabratsiyoon waltajjii tokko irratti, "haala kanaan itti fufuu hin dandeenyu. Kaaba Shawaa booda nagaa fi dippiloomaasiif carraa kennineerra. Waraana duraa fi yeroo waraanaatti carraa kennineerra. Rakkoon siyaasaa hundi nagaa fi dippiloomaasiin qofa hin xumuramu," jechuun dubbataniiru.
Dabaluunis, waltajjii kana irratti, "mirga keenya eegsisuuf rifarandamii gaggeessuu qabna, uummatni Tigraay carraasaa ofiisaa murteeffachuu qaba," jechuun ibsaniiru.
Dr Dabratsiyoon waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuun, yoo xiqqaate gargaarsi namoomaa akka seenuuf carraa keennuu isaanii ibsuun, ta'us garuu gargaarsi ga'aan akka seenaa hin jirre dubbataniiru.
"Ummatni keenya beela'aa qofa osoo hin taane dhukkubsachaa fi du'aa jira, yeroon darbaa jira, haala kanaan turuun hin danda'amu. Waan hundaaf garuu carraa keenninee qaama ilaallatu hundaaf ergaa erguu qabnu ergineerra. Kanaaf nuti fixneerra," jechuun dubbataniiru.
Dhimma gargaarsa namoomaa seenaa jiru ilaalchisee hogganaan Dhabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihanoom fuula Tiwiitaraa isaanii irratti, mootummoonni Itoophiyaa fi Eertiraa dhorkaa naannoo Tigraay irra ka'aan jedhan akka kaasanii fi gargaarsi akka seenuuf akka eeyyamaniif gaafatanii ture.
Mootummaa fi humnootni Tigraay dhukaasa erga dhaabanii torbanoota 10 akka ta'eeru kan ibsan Dr Teedros, hanga ammaatti gara naannoo Tigraay gargaarsi seeneeru garuu %5 qofadha jedhan.
Dr Dabratsiyoon gama isaaniin, mootummaan gidduu galeessaa dhukaasa dhaabeera jechuun naannicha marsuu isaa itti fufeera jechuun himataniiru.
"Meeshaa waraanaa funaannachuuf, loltoota ijaaruu fi qindeeffachuuf, rakkoo siyaasaa biroo salphisuuf yeroosaa fayyadamaa weeraraaf qophaa'aa jira," jechuunis marii irratti dubbataniiru.
Waraanni irra deebiin ni hammaataa?
Xiinxalaan siyaasa Gaanfa Afrikaa Dr Adam Kaasee dhiyeenya humnootni Tigraay gara Eertiraatti dhukaasa meeshaa waraanaa guddaa bananiiru isa jedhame yemmuu ibsan, gama Tigraayiin xiyyeeffannoo idil-addunyaa barbaachisaa ta'e hin arganne kan jedhuun ta'uu akka danda'u himu.
Kanarra dabrees "abdii kutachuun, kanaan achi filannoo biraa hin qabnu jechuun humna waraanaa fayyadamuu qabna yaada jedhu keessa seenanii ta'uu danda'a," kan jedhan Dr Adam, carraan naannichatti waraanni deebi'ee ka'uu akka jiru BBC'f ibsaniiru.
Hammaachuullee danda'a jechuun yaada isaani kennan.
Balaan waraanni deebi'ee ka'uun waanuma turedha jedhu. Dabaluunis, dhimma kana karaa nagaa hiikuuf tattaaffiin hin godhamu taanaan inumaa ittuu hammaachuu danda'a yaaddoo jedhu qabu.
''Waraanni barbaadamu baatus itti galamuunsaa waan hin hafne dha,'' jedhu.
Dr Adam Kaasee lola kana kara nagaan hiikuuf yaaliin gahaa taasifameera jedhanii hin amanan. Kanaaf immoo akka ragaatti kan dhiyeessan Naannoo Tigraayitti ammallee deeggarsi namoomaa haala gahaa taheen qaqqabsiisuun hin danda'amiin hafuusaati.
Kana malees, qaamota wal-lolan gidduu wal-himannaan mul'atu daandii nagaatti fiduurra waldhibdee biraatti nama geessa jedhu.
'Nagaan filannoo moggaatti dhiibamu miti'
Akka Dr Adam jedhanitti humnoonni Tigraay karaa Ertiraa waraana banu taanaan, ''qaamni mo'u, qaama mo'amu balleesuufi,'' erga jedhaniin booda qaamoti lamaan immoo seenaa keessatti mufiin walirraa qaban kanarratti dhiibbaa ni qabaata jedhan.
Haa tahu malee jedhu Adam, siyaasni wal-balleesuu kuni kana duras yaalamee kan ture gatii taheef, ''waliin jiraachuun garuu dhimma hin geeddaramne, haala kamiin waliin haa jiraannu, rakkoo keenya hamma ammaa jiran akkamiin furra,'' kan jedhu gama Ertiraan qofa osoo hin taane, gama Mootummaa Federaalaa, Naannoo Amaaraafi Affaariin itti yaadamuu akka qabu kaasu.
Xiinxalaan siyaasaa kuni nagaa filachuun qaamota waraana irratti hirmaatan hundaaf dhimma cinatti dhiibamu miti jedhu.

Madda suuraa, Abiy Ahimad
Dabaluunis waraanni ji'oota 17f adeeme miidhaan diinagdeefi hawaasa irratti geessise itti caalee akka hin fufneef, hojiin tarsiimawaa tahe, kan qaamota mara himaachisu, kutannoodhaan hojjetamuu qaba jechuun gorsu.
''Gama qaamota Tigraayiin amma filannoon hin jiru, ni mo'anna yadni jedhu jiraatus carraan kana galmaan gahuu garuu bal'aa dha jedha hin yaadu. Muffiin isaanii garuu waanuma sirrii dha,'' jechuun himu.
Dhimma kanas yoo ibsan, keesumaa deeggarsi namoomaa foyya'uu dhabuun, karaa nagaarra deemuuf kutannoon ifatti himame jiraachuu dhabuun, muffii isaanii akkatti abaasee fi obsa isaanii qoruu hin oolle jedhan.
Namni otoo beela'uufi otoo du'uu haala kanaan itti fufuun yaaddessaa tahuu kan hubachiisan Dr Adam, garummoo,''suuta dubbii obsaan ilaaluun barbaachisaa dha,'' jedhu.
Haa tahu malee, Naannoo Affaar, Amaaraa, Mootummaa Federaalaa fi humnoota Ertiraa irraa hawaasa rakkateef deeggarsii akka qaqqabu haala mijeesuu qabu jedhu.
Waraana kanaan humnoonni Tigraayis tahe hirmaattonni lola kanaa galmi isaanii maal tahuu danda'a jedhamuun kan gaafataman Dr Adam Kaasee humnoonni Tigraay, ''tattaafii gochuu itti fufun isaanii hin hafu,'' jechuun ibsaniiru.
Haalli Tigraay keessa jirtu, deeggarsi namoomaa qaqqabuu dhabuu fi ilmaan namaa beelaan du'uu fa'i gatii taheef, yoo isaaniif milkaa'uu baatellee akka yaalaniif sababa dhiibbaa taasisu dha jedhu Dr Adam.
Mootummaan Federaalaa deeggarsi namoomaa saffisaan akka qaqqabuuf tarkaanfii murteessoo gochuun akka barbaachisu Dr Adam ni himu.
Humnoonni Tigraayis naannoo Affaar irraa guutummaan bahuun akka isaanirra jiru kan himan Dr Kaaseen. Naannoo Affaariifi Amaaraan illee deeggarsa namoomaaf tumsa gochuun waraanni marsaa biraa akka hafu gargaara jedhu.
Kana malees marii nagaa buusuu ifatti akka hin deemsifamne kan godhu TPLF shorokeessaa jedhamuun labsamuu tahuu kan kaasan xiinxalaan siyaasaa kuni maqaan kunis irraa ka'uu qaba jedhan.
TPLF tarree shorokeessummaa jalaa haquun mariin nageenyaa danqaa malee akka adeemsifamuuf karra bana kan jedhan DrAdam, tajaajiloonni bu'uuraalee misoomaas haala murteessaa taheen akka deebi'u carraa akka kennu kaasu.
Nagaa waaraa tahe fiduun maaliif hin danda'amne?
Akka Dr Adam jedhanitti lola Tigraayiifi furmaata nagaa waaraa tahe fiduuf qormaata kan tahan dhiimmoota lamatu jira.
Siyaasni biyyaalessaa wal-xaxaa kan taheefi addunyaan immoo waraanni Yukreen, akkasumas Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa ka'uun dhagahamuu himaniiru.
Jibbi waraana kana jalqabsiise yeroo waraanaa hammaachuusaa kan kaasan DrAdam, tokko, humnoonni Mootummaa Federaalaa keessa jiran dhiibbaan irra jiraachuu, gidduu isaanii wal-amanteen dhabamuufi xiyyeeffanoo dhabuun dhimma ijoo dha jechuun kaasu.
Inni kaan immoo, waraanni Raashiyaafi Yukreen kallattii xiyyeeffannoo geeddaruufi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa akka ka'an dhagahamuun adeemsi nagaa buusuu kuni akka laaffatu taheera jedhu.
Itoophiyaan deebitee waraanatti kan galtu yoo taheef, rakkoo diinagdee guddaa akka fidu kan eegamu yoo tahu, dabalataan deebiin hawaasni addunyaa kennuu danda'u miidhaa malee dhimma isa ijoo akka hin taane himu, Dr Adam.
Naannichattis yoo tahe Sudaan tasgabbaa'uu dhabuun, Somaaliyaafi Keeniyaan adeemsa filannoorra tahuu xiyyeeffannoo hawaasa idila-addunyaa gatii qooduuf lola kana hammeessuu mala jechuun yaada isaanii goolabu.
















