Waraana Itoophiyaa: Waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagaan akka furamuuf maaltu ta'u qaba?

Loltoota

Madda suuraa, AFP

Motummaan Itoophiyaa humnootii TPLF injifachuu isaa ibsun gara naannoo Tigiraayitti seenuuf duula waraanaa bal'aa taasisuuf karoora akka hin qabne kaasuun eddoowwan qabate keessatti murtaa'ee akka turu erga beeksisee bubbuleera.

Humnooti TPLF gama isaaniin, nagaaf carraa kennuuf jecha nannoolee Amaaraa fi Affaar keessa ba'uu isaanii ibsu.

Ta'us mootummaan naannoo Affaar, finciltoonni TPLF namoota nagaa naannichaa irratti haleellaa banuu isaanii fi bakkeewwan tokko tokko deebiisanii to'achuu isaanii beeksiiseera.

Kana boodas, mootummaan federaalaa qoccollaa humnooti TPLF gaggeessu ittisuuf jecha humnooti raayyaa ittisaafi qamooleen nageenyaa naannolee tarkaanfii akka fudhataniif kallatii kaa'u kan beeksiise dhuma torban kanaa ture.

Naannoo Tigraayi fi eddoowwan daangaa adda addaa keessatti waraanni gaggeeffamaa jiraachuu kan himu Dhaabbatni Biyyoota Gamtooman (UN) gama isaatiin, haallii Kaaba Itoophiyaa keessa jiru yaaddessaa fi tilmaamamuu kan hin danda'amne taasiseera jedha.

Xiinxaltootni siyaasaa BBC'n dubbise, qaamni inni tokko isa kaaniin dadhabsiisuuf yaaliin akka jiru ibsuun, garuu gama lamaaniinu fedhiin waraanatti fufuuf jiru hir'achu ibsaniiru.

Wal-dhabdee muraasa

Humnoonni Tigraay nannoolee lamaan keessaa ba'uunsanii, mootummaan Itoophiyaas gara Tigiraayitti hin duulu jechuun isaa hanga tokko waraanicha kan tasgabbeesse fakkaata.

Daangaalee tokko tokkorra waldhabdeen jiru garuu yaaddoo dabalataa uumaa akka jiru UN fi xinxaltoonni siyaasaa ni ibsu.

"Mallattoon nagaa kan jirtu fakkatus, yaada guduunfaa dogoggorsaarra ga'uun garuu hin barbaachisu. Sababiin isaas, waraanichi tasgabbaa'us, daangaalee Tigraay tokko tokkotti waraanni itti fufee jira.

''Keessumaa kibba Tigraay Raayyaatti fi Allaamaaxaa akkasumas lixa Tigraay Maay Tsebrii fi Addi Arkaayitti waraanni cimaa akka adeemsifamaa jiru dhageenyeerra," jedha qorataan olaanaa dame Itoophiyatti dhaabbata Crisis Group International, Wiiliyaam Deevisan.

Yaada Deevisaniin kan walii galan xinxalaan siyaasa Adam Kaasee (Dr) gama isaaniin, walitti buu'iinsi daangaalee tokko tokkoorratti mul'ataa jiru abdii nagaa jiruu akka hin balleessineef yaaddoon jiraachu dubbatu.

"Waldhabdee kana eenyu jalqabe kan jedhu baruun cimaa ta'us, gama humnooti Tigraayiin gara marii nageenyatti seenuun isaanii waan hin oolleef, hanga dandeenye humna isaa haa laaffisnu yaadni jedhu jiraachuu danda'a," jedhu.

"Kana ta'us sana qamooleen lamaanuu kayyoon waraanaan milkaa'usaanii kan hir'ate fakkaata. Inni lammataa, hanga waligalteen mallatteefamutti hanga danda'anitti inni tokko humna isa kaanii dadhabsiisuuf yaalaa jiru jedheen yaada."

Gama mootummaa federaalaatiin hanga ammatti wanni dhaga'ame jiraatu baatus, carraan nagaa jiraachuu isaa Dr Addaam ni himu.

''Yaada guduunfaa kennuuf sardamuun nu hin barbaachisu. Sababii gama Tigraayiin kan jiru dhaabbata tokko qofaa yoo ta'u, gama federaalaatiin hirmaattootaafi fedhii hedduutu jira. Gama paartileen adda addummaa adeemsaafi ilaalchaatu jira'' jechuun ibsan.

Mallattoowwan nagaa qaqalloo

Wiiliyaami Deevisan, qamoolee lamaan gidduutti fedhiin nagaa jiraachuu isaa wantoonni agarsiisan akka jiran amanu. ''Humnootiin Tigraay naannoo Amaaraafi Affaar keessaa bahunsaaniifi fedhiin motummaa federaalaa tokko guutameera jechuun ni danda'ama.''

Xinxalaan siyaasaa Adam Kaasee gamasaatiin gama lamaaniinu kaayyoosaanii waraanaan guutachuuf fedhiin qaban dhiisaa dhufuu kaasa.

Wiiliyaam dabaluun, humnootni Tigraay nannolee Amaaraa fi Affaar keessaa ba'uu isaanii hordofee Dr Debretsiyoon Gabremikaa'el xalayaa UN'f barreessaniin, humnootni Amaaraa fi Eertiraa lixa Tigraay keessaa akka ba'anii fi tarkaanfiin akka fudhatamuuf gaafachuun isaanii, ilaalchi bulchiinsa Tigraay geeddaramuu isaa kan agarsiisudha jedhu.

Akkasumas gama mootummaa federaalaan miseensotaa fi hoggantoota paartilee mormituu gadhiisuun isaa, hokkorri biyyattii keessa jiru marii nagana akka xumuramuuf fedhii jiru kan agarsiisu akka ta'e himu.

Dr Addam gama isaaniin, "ta'us garuu haala seera qabeessaa fi ifa ta'een waligalteen dhukaasa dhaabuu hanga hin labsamneetti wanta mirkanaa'aa miti," jechuun haala jiru ibsaniiru.

Loltoota TPLF

Madda suuraa, Getty Images

Yaddoo fi danqaalee dabalataa

Kaaba Itoophiyatti waraana uumameen wal qabatee, lakkoofsi namoota gargaarsa hatattamaa barbaadanii miiliyoona 9.4 akka ga'u dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii ibsee ture.

Wiiliyaam, yeroo gabaabaa keessatti waligalteen nagaa yoo hin eegalamu ta'ee, humnootiin Tigraay 'dhorkii gargaarsa namoomaa' kana bansiisuufi bulchiinsa nannoo Tigraay haala waraanicha dura turettu deebisuuf, keessumaa lixa Tigraayitti waraana banuun isaani hin oolu jedhu.

"Humnootiin Tigraay yeroo dubatti deebi'an miidhaan guddaa irra ga'ee ta'uu danda'a," tilmaama jedhu kan qaban Wiiliyaam, ammayyuu garuu humna waraanaa cimaa akka qaban ni amana.

Dabaluunis qamoolee lamaan gidduu "haala wal shakkii fi amanamummaa dhabuu jiru yoo ilaallu, Tigraay humnootii isaanii diiguuf waan walii galan natti hin fakkaatu," jedhu.

Dr Addaam gama isaaniin, keessumaa gama Amaaraa fi Affaariin waraanni jiru karaa nagana hin xumuramu taanaan, haleellaan deebi'ee irratti uumamuu akka danda'u irratti yaddoon akka jiru tilmaama.

Gama Tigraayiinis, mootummaan federaalaa gara Tigraayitti dhiibee "hin duulu" jedhus shakkiin akka uumamu ibsaniiru.

Marii nageenyaaf hidhamtoota hiikuu

Tibbana namootni siyaasaa bebbekamoon akka Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa fi Iskindir Nagaa mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

Wiiliyaam Daavinsan MM Abiy Ahimed hidhamtotni siyaasaa akka hiikaman gochuun isaanii mariin biyyaalessaa karoorfame akka hirmaachisaa tahuuf qooda ol aanaa qaba jedhe.

Hoggantootni gameeyyiin TPLF jaha akka Sibi'aat Naggaa fa'aa hiikamuun garuu homaa hiikaa siyaasaa guddaa hin qabu jedha.

''Miseensota siyaasa cimaa TPLF warra hin taane kanneen hiikuun akka dhimma guddaatti hin ilaalu. Gufuuwwan akka mariin nageenyaa hin gaggeeffamne godhan xiqqeessu jedhees hin ilaalu.''

Kana qofa osoo hin taane paarlaamaa Itoophiyaatiin shororkeessummaan kan farrajaman kan mootummaan 'ABO Shanee'' jedhuu fi TPLF marii jedhame kanaaf gufuu tahuu akka danda'an nxaltootni isyaasaa waliigalu.

Dhaabbilee kunneen galmee shororkeessummaa jalaa yoo hin baane mariin nageenyaa akka hin godhamne gufuu guddaa tahuu mala jedhu.

Kana irratti Wiiliyaam Daavinsan dhaabbileen kunneen galmee kana jalaa bahanii, dhukaasa dhaabuun marii hundagaleessa biyyaa keessatti akka hammataman yoo hin taasifamne, mariin biyyaalessaa jedhame bu'aa jedhame fidu hin amantaa jedhu akka qabu hima.

Carraan nageenyaa jala bahuuu hin qbau

Biyyootni Lixaa waraanni naannoo Tigiraayitti eegalee rakkoo namoomaa guddaa fide akka karaa nagaa xumuramu gaafachaa turan

Haa tahu malee mootummaa Itoophiyaa fi Ameerikaa giduu garaagarummaa guddaatu ture.

Amma hariiroo isaanii haaressaa akka jiran mallattooleen agarsiisan jiru. Kunis mariin nageenyaa kun akka milkaa'uuf qooda gaarii qabaata jedhamee amanama.

Wiiliyaam Daavinsan adeemsi marii nageenyaa kun bu'aa gaarii akka fiduuf, waraanicchi akka dhaabbatuuf, dhorkaan deegagrsa namoomaa Tigiraay keessaa ariitiidhaan furamuu qaba jedha.

''Qaamolee lamaaniyyuu carraan nageenyaa kun isaan miliquu hin qabu,'' kan jedhu Wiiliyaam tajaajilli bilbilaa, baankii, fi kana fakkaatan banamuu akak qaban hima.

Addaam Kaasee [PhD] waa'ee Lixa Tigiraay kaasuun qaamolee siyaasaa lamaan gidduutti ''falmii siyaasaa rakkisaa'' tahuu akak danda'u hima.

''Lmaan isaanii iyyuu adeemsa seeraa hordofuu qabu. Adeemsi seeraa ammo dursa kan kennu furmaata siyaasaa fiduu waan taheef gara wal amantaa fooyyee qabuutti waan isaan geessu natti fakkata,'' jedhe.