Waraana Kaaba Itoophiyaa: Mootummaan 'qoccolloo TPLF'f deebii kennuuf kallattii kaa'e

Loltuu Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni nageenyaa mootummaa Kaaba biyyattiitti finciltoota TPLF waliin wal lolaa turani

Kaaba Itoophiyaatti haleellaa humnoonni Tigraay raawwatan qolachuuf Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni nageenyaa naannolee 'tarkaanfii qorannoorra hundaa'e' karaatti fudhatan kallattiin kaa'amu ibsame.

Manni Maree Nageenyaa Federaalaa guyyaa har'aa MM Abiy Ahimad walitti qaban ta'ameera.

Marii kanarratti ajajoota waraanaa, tikaa, poolisii federaalaa akkasumas bulchitoonni naannolee Amaaraa, Afaar fi Oromiyaa hirmaataniiru.

Daarektarri Olaanaa Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) Obbo Tamasgeen Xirunaa dhimmoota mariirratti ajandaa ta'an keessaa inni ijoo dhimma TPLF ta'uu miidiyaa biyyaalessaa EBC'f himan.

Waraanni waggaa tokko oliif Kaaba Itoophiyaatti hammaate xiqqoo qabbanaa'us tibbana humnoonni TPLF gara daandaa Afaaritti ce'uun lola bananiiru. Affaaris federaalli akka isa tumsu gaafate.

Ameerikaanis sochii waraanaa Naannoo Affaar keessa akka haaraatti eegaleen yaaddoo qabaachuu ishee ibsiteetti.

''Qoccoolloo gareen shororkeessaa TPLF asiifi achi raawwatu ni jiru. Naannoo Affaaritti dhihoo haleella raawwate qaba.

''Qoccoolloo kanammoo Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni naannolee hunduu qorannoorratti hundaa'un tarkaanfii barbnaachisaa akka fudhatan kallattiin ka'ameera,'' jedhan Obbo Tamasgeen.

Gama kaaniin, sababa duula waraanaan daddabarsi meeshaa waraanaa seeraan alaafi gartuuleen al-idilee ijaaramuu dhimmoota irratti mari'atame ta'u ibsameera.

''Waraana adeemsifamaa tureen walqabatee daddabarsi meeshaa waraanaa olaanaa ta'e ni jira. Meeshaan waraanaa harka namoota hedduu seenee jira.

''Kanaan ala garuu caasaaleen al-idilee uumamaniiru. Kunneen maal goona kan jedhuurratti mari'atameera,'' jedhan bulchaan duraanii Naannoo Amaaraa yeroo ammaa tika hoogganan.

Caasaa al-idilee ijaarame jedhameerrattis qorannoo bu'uura gochuun kallattiin akka fudhatamu murtaa'uu ibsan.

''Daldala meeshaa waraanaa golgaa duuba hojjetanifi qarshii kuufachuuf warri barbaadan, gibira hin malle daldaltoota irratti warri kaa'an, hawaasa kan rakkisan waan ta'aniif,''' jechuun ibsan.

Kanaafis, ''humnoonni nageenyaa naannoo, caasaan bulchiinsaa naannoo, humnoota kana adaba qabsiisu qabu jedhuurratti dubbanneerra,'' jechuun himan.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan lamiileen miiliyoona 7 ol deeggarsa midhaan nyaataa atattamaaf saaxilamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan lamiileen miiliyoona 7 ol deeggarsa midhaan nyaataa atattamaaf saaxilamaniiru

Paarlaamaan Itoophiyaa baatii Caamsaa darbe walgahii taa'een TPLF akkasumas WBO kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu galmee shororkeessitootatti galcheera.

Gareewwan lamaan lola Kaaba Itoophiyaarratti ka'en mootummaa loluuf wal-tumsuu isaanii ifatti labsaniiru.

Gamaggama TPLF, 'ABO-Shanee'

Manni Maree Nageenyaa Federaalaa marii guyyaa har'aa gaggeesseen haala sochii gareewwan hidhatanii Itoophiyaa keessa sosso'aniirrattis gamaaggama gaggeessuu hime.

''Sadarkaa amma irra jiruufi maal dalaguu qabna kan jedhu gamaggamneerra. Gama kaaniin, garee shororkeessaa kana waliin walhubachuufi qindaa'un humnoonni hidhatanii dalagan jiru.

''Gareen shororkeessaa Shanees bal'inaan Oromiyaa keessa sosso'uus gamaggamameera,'' jedhan qondaalli olaanaa tikaa Itoophiyaa miidiyaa biyyaalessaaf yoo dubbatan.

Ministirri Ittisaa Itoophiyaa Dr Abirahaam Balaay gama isaaniin hariiroo biyyoota ollaa cimsuurratti mari'atamuu dubbachuun isaanii gabaafameera.

Kanneen hidhatanii biyya keessa sosso'an alattii manni maree kuni gareewwan paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessummaan labseefi maddi isaanii ala ta'eerrattis mari'ateera.

''Al-Shabaab, ISIS, ilaalamaniru. Gareewwan kuni mootummaan oppireeshinii erga gaggeesse booda gara biyyoota ollaa deemu.

''Haala biyyoota ollaafi hariiroo keenya irratti mari'atameera. Dhimmoota kana irratti cimsinee hojjechuu qabna,'' jedhan Obbo Tamasgeen.

Waraana Kaaba Itophiyaatti eegaleen lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo du'an miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqiseera. Kan beelaaf saaxilamaniis lakkoofsi isaanii dabalaa jira.

Lolli kuni biyyarra kan darbe biyyoota ollaas kan yaaddesse yoo ta'u lolichi mariin akka xumuramu sochiin taasifamu itti fufeera.