Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Badhaafamaan Noobeelii waraana keessatti hirmaachuun waan baratame miti' - Koree Nobeelii

Madda suuraa, Getty Images
Koreen Badhaasa Nobeelii badhaafamaan Noobelii Nagaa waraana keessatti hirmaachuun waan baratame miti jechuun himan.
MM Aby Ahimad badhaasa Nobeelii Nagaa fudhatanii waggaa isaatti waraana Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti jalqabee waggaa tokko caalaaf ture keessatti hirmaataa jiru. Kanas dirqamanii akka itti seenan himan.
Walitti qabduun Koree Badhaasa Noobeli Berit Reiss-Andersen, gaaffiifi deebii miidiyaa CNN wajjiin guyyaa Wiixataa taasisaniin waan jedhan, ''carraa dhabuu tahee MM Abiy waraana keessatti hirmaate,'' jedhan.
Haatahu malee, wayita badhaasni kun waggaa sadiin dura kennamutti ''haala tahuuf deemu beekuu hin dandeenyu,'' jechuun haalli Itoophiyaa keessaa haalaan walxaxaadha jedhan.
Aadde Berit badhaasa addunyaarratti isa olaanaadha jedhamuun beekamu kana bulchaa Itoophiyaaf kennuu isaanitti yoo gaabbu ta'e gaafatamaniiru.
Deebii isaaniin, ''koreen keenya murtoo wayita sana MM Abiy Ahimad badhaasuuf murteessine itti hin gaabbinu yookaan ammas ni deeggarra,'' jechuun deebisan.
Sagantaa CNN irratti kan dhiyaatan walitti qabduun kun yeroo hedduu koree isaaniitiif qeeqni 'badhaasicha ariifannaan kennitu' jedhu irra deddeebiin akka dhiyaatuuf himanii, ''badhaasni nageenyaa kan kennamu beekamtii carraaqqii nageenyaa milkaa'aa taheefi,'' jechuun deebisan.

Madda suuraa, Getty Images
Ji'uma kana keessa badhaafamaa Noobelii Nagaa bara 2019 kan tahan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa miidhaa jiru xumura akka itti tolchan Koreen Noobelii kun gaafatee ture.
Badhaafaman Noobelii Nagaa Abiy Ahimad, waraana dhiiga dhangalaasaa jiru kana dhaabuuf, ''itti gaafatamummaa addaa'' qabu jedhee ture korichi ibsa baaseen.
Dhimma ibsi baasan kun hin barfannee jedhamuun gaafatamaniifis Aaddee Berit wayita deebisan, ''waaraanni [kaaba Itoophiyaa] waan cimeefi akkasumas rakkoon namoomaaa waan hammaateef,'' jechuun haala hin baramneen badhaafamaan badhaasa Nobeelii waraanatti seenuu isaaniitiin jedhan.
MM Abiy waraana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waggoota 20'f turetti xumura gochuun biyyoota lamaan gidduutti araara buusuuni badhaasa Noobelii Nagaa kan mo'atani.
Ta'us, waggaa tokko booda waraana federaalaafi humnoota TPLF gidduutti waraanni gara biraan baname.
Waraanichi sarbama mirga namoomaa hamaa, ajjeechaa fi rakkoolee deeggarsa namoomaa hamaan akka dhaqqaban waan godheef hawaasni idil-adunyaa nagaan akka bu'uuf watwaataa ture.
Kana duras Dubbii Himtuun MM Abiy Billanee Siyyuum Badhaasni Noobeli Nagaa ''yeroo biyyi rakkoo keessa jirtutti cancala akka hin hojjenne harka si hidhu miti,'' jedhanii turan.
Ibsi koree Badhaasa Noobelii kun akka nagaan bu'uuf dhiibbaa ni taasisa jedhamee amanama.
Erga Sadaasa bara 2020 as Kaaba Itoophiyaa keessatti waraanni cimaan deemaa ture.
Buufatni Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humnoota TPLF'n erga haleelamee booda ture MM Abiy Ahimed loltoota isaanii gara naannichaatti kan ergan. TPLF dursee ofirraa ittisuuf haleellaa raawwatuu hime.
Waraanichaan kumi hedduu ajjeefamuun miliyoonaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Waraanni kuni mariin akka xumuramu sochiin taasifamu itti fufeera.















