Ameerikaan naannoo Affaar keessatti waaraanni deebi'ee eegaluutti yaaddahuu ibsite

Need Piraay, Dubbii Himaa Waajira Haajaa Alaa US

Madda suuraa, Reuters

Waajirri Haajaa Alaa US Kaaba Itoophiyaa daangaa naannoo Affaariifi Tigraayitti waraannii haaraan deebi'ee eegaluutti yaaddahuu beeksise.

Dubbii himaan waajirichaa Need Piraayis Kamisa darbe gaazexessitootaaf ibsa kennan keessatti ''naannoo Affaaritti waraanni akka haaraatti eegaluun akkaan yaachisaadha'' jedhan.

Guyyoota muraasa dura hoogganaan waajira kominikeeshinii mootummaa naannoo Affaar Zoon Hulet keessatti aanaaleen sadii humnoota TPLF'n to'atamuu BBC'tti himanii turan.

Humnoonnii TPLF gama isaaniin gama humnoota Affaariin haleellaa irra gahu qolachaa erga turaniin booda Wiixata darbe ''tarkaanfii waraanaa jabaa'' fudhachuu beeksiseera.

Need Piraay ibsa isaanii keessatti waraanni akka dhaabatuufi qaamolee maraan sarbamni mirga nammoomaa raawwatame qaama walabaan akka qoratamu Ameerikaan gaafachaa akka turte himaniiru.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa haaraan US Amaasaaddar Deeviid Saaterfiild daawwannaa isaanii Itoophiyaa isa jalqabaan MM Abiy Ahimadiifi aanga'aoota biroo waliin marii firii qabeessa gaggeessaniiru jedhan Need.

Waraannii kun Itoophiyaaf qofa osoo hin taane nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaaf yaaddoo ta'uu kan himan qondaalli kun, uummata naannoo waraanaa kana keessa jiraniif dhiyeessiin deeggarsaa danqaa hin qabne akka mijaahuufi waraannis mariin akka xumura argatu fedha mootummaa isaanii ta'uu himan.

Labsii yeroo Ariifachiisaa

Need Piraayis Manni Maree Ministirootaa labsii yeroo ariifachiisaa ji'oota jahaaf labsamee ture, ji'a sadaffaa isaarratti akka ka'u murteessuu isaa mootummaan Ameerikaa faara gaariin simata jedhaniiru.

''Murteen kun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan fudhatama ni argata jennee abdanna.''

Mootummaan Itoophiyaa waraannii Kaaba Itoophiyaa hammaatee humnoonni TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar hedduu to'atanii gara gidduugala biyyaa siiqaa wayita jiran ji'a Onkololessaa darbe ture kan labsii yeroo ariifachisaa labse.

Erga labsii kun labsamee namootni hedduun to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, Need Piraayis namootni labsii kanaan walqabatee hidhaman akka gadi lakkifaman ibsa isaanii keessatti gaafataniiru.

Itoophiyaa keessa nageenyi waaraan kan jiraatuufi sarbamni mirga namoomaa hamaan kan dhaabatu mariin yoo waraanni xumurame, namootni hidhaman yoo hiikaman, deeggarsi namoomaa yoo hayyamamuufi marii biyyaalessaa hunda hammataaf bu'uurri yoo kaahame jedhaniiru dubbii himaan waajira Haajaa Alaa US kun.