Keeniyaa fi US waraana Itoophiyaa saffisaan xumuruuf marii godhamu jabeessuuf waliigalan

Madda suuraa, State House Kenya
Biyyi ollaa Keeniyaa fi US waraanni Itoophiyaa saffisaan furamee arguudhaaf warreen waraanatti jiran waliin marii godhan cimsuuf waliigaluu beeksisan.
Biyyooni lameen waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalatee waggaa tokkoo oliif dubbii ijoo addunyaa ta'e saffisaan xumura akka argatu waamicha kan godhan yeroo ta'u marii araaraafis tattaafachaa jiru.
Waajirri Pireezidantii Keeniyaa ibsa Wiixata baaseen Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US haaraan Amaasaaddar Daviid Saaterfiild fi pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaattaa qaamaan wal arganii dhimma waraana Itoophiyaarratti mariyachuu beeksiseera.
Marii masaraa mootummaa Keeniyaatti gaggeeffame irratti hogganoonni lameen ''Itoophiyaa keessatti nageenya buusuun tasgabbii naannichaaf barbaachisaa ta'uu irratti xiyyeefataniiru'' jedha ibsi mootummaa Keeniyaa.
Waraana Itoophiyaa keessatti adeemaa jiruuf furmaata karaa nagaa barbaadaa kan jiran ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa Olisegoon Obasaanjoon cinaatti pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaattaas tattaaffii gochaa jiru.
Adeemsi Keeniyaa kanneen waraana kana keessaa qooda qaban mara hirmaachisaa waan jiruuf caalatti abdachiisaadha ogeeyyiin jedhan jiru.
Amaasaaddar Saaterfiild tattaaffii Pireezidant Uhuruun gochaa jiran kana jajjabeessaniiru.
''Itoophiyaa gargaaruutti isin abdanna. Hojiin hanga ammaatti biyya sanaaf hojjette bilaasha akka ta'u hin feenu'' jedhan Ambaasaadarichi.
Waraana Itoophiyaa xumuruuf gaheen kee akkaan guddaa ture akkasuma ta'ee itti fufa jennee abdanna jechuun shoora Keeniyaan naannoo Gaanfa Afrikaatti bahaa jirtus dinqisiifataniiru akka ibsa mootummaa Keeniyaatti.
Pireezidant Uhuuruun gama isaaniin hojiilee misoomaa Itoophiyaa waliin itti jiran kaasuun waraanichi itti fufee waan hanga ammaatti hojjetan akka duraa balleessuu kan hin hayyamne ta'uu himan.
''Itoophiyaa cimtuun nu barbaachifti. Itoophiyaa tasagabbooftuun nu barbaachifti. Kanaafi waan dandeenyu mara goonee waraanicha furuuf kan kutanneef'' jedha pireezidant Uhuuruun
Aanga'oonni lameen dhimma Itoophiyaan cinaattis waayee nagaafi tasgabbii Sudaaniifi Somaaliyaas mariyataniiru.
Mariin Aanga'aa US kanaafii Pireezidnt Uhuuruu kun kan dhagaahame Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez waraana Kaaba Itoophiyaattti adeemsifamu dhaabuufi nagaa buusuuf carraaqqiin taasifamaa jiru akka isaan gammachiise torban darbe keessa ibsuu isaanii hordofeeti.
Gutereez gaafa Roobii darbe Gaanfa Afrikaatti Bakka Bu'aa Olaanaa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Oliseguun Obasaanjoo haala Itoophiyaa keessa adeemaa jiruurrati erga bilbilaan mari'atanii booda ibsa baasaniinin kan kana jedhan.
Dippilomaatonni Ol-aanoo Ameerikaas torban darbee kaasee daawwannaa hojiii guyyoota afuriitiif gara Finfinnee, Kaartumiifi Riyaaditti imalaniiru.
Gaanfa Afrikaatti ergamaan haaraa US, Daaviid Saatarfiild fi Assistaan Sakireetaarii Molii Fii aanga'oota ol-aanoo torban darbee kaasanii Itoophiyaa, Saawud Arabiyaafi Sudaan daawwataaa jiran keessati.
Kaayyoon daawwannaa aanga'oota Ameerikaan kunneen taasisaniifis Itoophiyaan akka walitti bu'insa biyyattii keessa jiru dhaabduuf gargaaruuf jedhameera.













