Waraana Kaaba Itoophiyaa: Manni Maree ministerotaa labsii yeroo muddamaa akka ka'uf murtee dabarse

Madda suuraa, Waajjira MM Itoophiyaa
Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa har'a taa'een labsiin yeroo muddamaa ji'a jahaaf labsamee hojiirra jiru yeroo isaa dursee akka ka'uuf marii gaggeessuun murtee dabarse.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti jalqabee gara naannoo Amaaraafi Affaaritti babal'atee, yeroo humnootni TPLF magaalota akka Dasseefi Kombolchaa qabachuun hanga Shawaa Roobit gahan mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa labse.
Kunis 'ol-antummaa biyyaa kabachiisuufi eegsisuu' jechuun Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu ji'a Sadaasaa gara jalqabaa keessa dabarsitee ture.
Labsiin yeroo muddamaa 5/2024 kun ''balaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyattii irratti aggaamame ittisuuf'' jedhame kan bahedha.
Ergasii MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti imaluun waraanicha hogganaa turanii humnootni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa baafaman.
Ibsa waajjirri MM har'a baaseen ''TPLF fi deeggartootni isaa ol aantummaa fi jiraachuu biyyaa irratti balaa waan geesissaniif hojii seera kabachiisuu idileen ittisuun waan hin danda'amneef manni maree Ministerotaa labsii yeroo muddamaa labsee ture,'' jedhe.
Labsiin kunis Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'uun hojiirra jira.
Garuu ''haalli labsicha akka baasnuuf dirqiisaa ture amma waan jijjiirameefi sodaa jirus adeemsa seera kabachiisuu idileen to'achuun waan danda'amuuf yeroo labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf labsame gabaabsuun barbaachisaa tahee argame,'' jedha ibsi har'a bahe.
Manni Maree ministerotaas labsiin kun yeroon isaa gabaabbachuun akka ka'uuf erga murteessee akka ragga'uuf gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biyyattiitti qajeelcheera.
Gochaawwan Labsichaan dhorkamaniifi ittigaafatamummaawwan
- Namni hundi qaajeelfamoota Izziin Qajeelcha Yeroo Muddamaa haaluma labsichaatiin baasuufi ajajawwan kennu fudhachuf dirqama qaba.
- Sochii Izzii qajeelfama labsii yeroo muddamaa fi kaayyoo labsii yeroo muddamaatiin mormu fi kan kaayyoo gareewwan shororkeessaa fiixaan baasuuf gummaachu, kan garee shororkeessaa jajjabeessu, haasaa lammiilee nagaa burjaajessu karaa kamiinu gochu ykn tamsaasuun dhorkamaadha.
- Karaa kamiinuu, kallattiin ta'e al-kallattiin gareewwan shororkeessaatiif deeggarsa maallaqaa, odeeffannoo, meeshaa ykn hamlee gochuun dhorkaadha.
- Qaamoolee waljalaa duubaan Izziin Qajeelcha Labsii yeroo Muddamaa bakka bu'iinsaafi hayyama kenneefiin alatti walgahii dirree ykn hiriira nagaa kamu taasisuun dhorkamaadha.
- Beekkamtii Raayyaa Ittisa biyyaa, poolisii federaalaa ykn qaamoolee nageenyaa hayyama kennaniin alatti ykn beekkamtii fi hayyama qaamoolee kanneen alatti meeshaa waraanaa kamu qabatanii socho'uun dhorkaadha.
- Naannawa magaalaatti jiraattoonni waraqaa eenyuummaa, hayyama konkolaachisummaa, waraqaa enyummaa hojjataa, paaspoortii ykn waraqaa eenyummaa kanaan wal gitu osoo hin qabatiin socha'uun dhorkaadha. Kanneen hin qabne torban lama jidduutti akka baafatan.
- Adeemsa omishaa fi tajaajila damee murteessaa ta'e kamuu danquu ykn daba diinagdee kamu raawwachuun dhorkamaadha.
- Labsii yeroo muddamaa raawwachisuu sababii gochuudhaan bu'aa dhunfaa argachuuf seeraan ala aangootti fayyadamuun, osoo shakkiin sababii qabeessa ta'e hin jirre itti yaaduun lammiilee hidhuun ykn tarkaanfiiwwan walfakkaatan fudhachun dhorkamaadha.
Humnootni TPLF ammas irra deebiin naannoo Affaar keessaa aanolee sadii qabachuu tibbana himamus, mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraay seenuun waraanicha akka itti hin fufne himee ture.
Ameerikaa dabalatee biyyootni kaanis Gaanfa Afrikaatti nagaan akka bu'uuf waraanni Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru dhaabbachuun karaa marii akka furamuuf hojjechaa jiru.














