Siyaasa Itoophiyaa: Manni Maree Ministerootaa guutummaa Itoophiyaatti labsii yeroo muddamaa labse

Madda suuraa, FBC
Manni Maree Ministerotaa Itoophiyaa guutummaa biyyattiitti hojiirra kan oolu labsii yeroo muddamaa akka labsamu murteesse.
Manni marichaa wal gahii ariifachiisaaa har'a gaggeesseen labsiin yeroo muddamaa akka labsamu karaa ministera Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos beeksiseera.
Labsiin yeroo muddamaa karaa mana maree ministerotaa darbe kun sa'a 48 keessatti mana maree bakka bu'oota uummataan raggaasifamuu kan qabu tahus har'a Kibxata 2,2021 irraa eegaluun hojiirra kan oolu taha.
Manni marichaa haala waktaawaa biyya keessa jiru madaaluun labsichi akka hojiirra oolu murteessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Itoophiyaan kan Kaaba Itoophiyaa dabalatee waraanni babal'achaa dhufuu hordofee labsii yeroo mudamaa babsuu beeksifte.
Kaayyoo guddaan labsii kanaa lammiilee biyyattii irra ''haleellaa gareen shororkeessaa geessisu ittisuu,'' yoo tahu, har'aa jalqabee hojiirra oola jedhameera.
Manni marichaa murtoo kana guyyoota lamaan itti aanan keessatti Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuun akka ragga'u godha.
Labsiin Yeroo Muddamaa kun maal of keessatti hammaata?
Qaamni labsii yeroo muddamaa raawwachisuufi olaantummaan hogganuu Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaan yoo ta'uu, Itti waamamni isaas Ministaraa Muummee Ityoophiyaaf ta'a jedhan.
Izziin kun iddoo kamittuu kan too'atuufi kan ajajuu yoo ta'u, dargaggoota hidhatanii jiran leenjisuun gara waraanaatti ajajuu danda'a.
Iziin kun sa'aa daanga'ee magaaloota kessatti murteessuu danda'a.
Tajaajila geejjibaa iddoo barbaadeefii akkaataa yaadeen daangessuu danda'a.
Qaamoolee hidhata shororkessaa waliin qabu jedhee shakkee ajaja tokkoo malee sakatta'uu, gaafachuufi meshaalee argamee to'achuu ni danda'a.
Bakkeewwan tajaajila mootummaa adda addaattis shakkii yoo qabaate dhaabsiisuuf aangoo qaba.
Kallattiniis al-kallattiniis qaamoolee humna shoroorkessaaf dhaabbilee hamileefii meeshaan deeggaran eeyyamnii isaa akka haqamuu gochuu danda'a.
Midiiyaafi Gaazexeessaa dhimma biyyaarrati dhiibbaa uumman hayyama isaanii haquufi saamsuufi too'achuu danda'a.
Dhimmoonni yeroo labsii muddamaa kanatti qaama aangoon kennameef raawwataman:
• Dhimma kana mormuus ta'ee uummata jeequu jiraannaan murtoo fudhachu danda'a.
• Qaamoolee Izzii kanaan beekkamtii argateen alatti qaamooleen walga'ii taa'uu kamuu dhorkaadha.
• Eeyyaamaafi beekkamtii qaamolee kanneeniin alatti qaamnii meshaa waraanaa qabatee deemuu kamuu dhorkaadha.
• Hawaasni kamuu waraqaa Eenyummaa mana hojiifi gandaa qabatee socha'uufi yoo hin qabaannee gandaafii Aanaa jirutti imaluun guyyoota 15 dhufan kessatti galmaa'ee waraqaa eenyummaa yeroo qabaachuu qaba.
• Kenniinsa tajaajilaafi meeshaalee bu'uuraarratti gatii hin mallee dabaluun waan hin malleefi faayidaafi taayitaa fayyadamuun labsii kanaan dhorkaadha.
• Qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuu dhabuun tarkaanfii sirreeffama hanga waggaa 10 tti yoo xiqqaatee hanga waggaa 3 adabsiisuuf labsichii baheera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture bababl'achuun gidduu kana naannoo Amaaraa keessaa magaalotni akka dassee fi Kombolchaa harka humnoota TPLF galuu ibsameera.
MM Abiy Ahimed Dilbata namni humna qabu hunduu bahuun haleellaa finciltootaan dhaqabaa jiru ittisu qaba jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo Amaaraa fi naannoleen kaanis jiraattotni isaanii duula kana irratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Kun kanaan osoo jiruu jiraattotni magaala Finfinnee guyyoota lama keessatti buufata poolisii naannoo isaaniitti argamutti dhiyaachuun meeshaa waraanaa qaban akka galmeessan jedhameera.
Dabalataan jiraattonni magaala Finfinnee nageenya magaalattii dhimmanii akka eeganiif Koreen Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee gaafate.
Koreen nageenyaafi tasgabbii magaalaa Finfinnee eegsisuudhaaf hundeeffame kun kanneen deeggartoota garee shororkeessaa TPLF jedhurratti tarkaanfii seera-qabeessa fudhachuu cimsee akka itti fufu beeksiseera.










