Waraana Tigraay: 'Humnooti alaa, adii fi gurraachoni Wallotti TPLF waliin lolaniiru' - MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, FBC

Lola adda waraanaa Wallotti finciltoota Tigraay fi humnoota mootummaa jidduutti taasifame irratti humnooti Itoophiyaan alaa finciltoota Tigraay waliin ta'uun loluu isaanii MM Abiy Ahimad dubbatan.

"Namootni lammummaa Itoophiyaa hin qabne irratti hirmaatanii, wareegama kafalaniiru" jedhan.

Eenyummaa namota kanaa ibsuu baatanis "namootni adiin, gurraachoonni lola Deessee irratti TPLF waliin hiriiranii du'aniirus," jedhan.

"Humnaa fi teekinooloojii nuti qabnuun ol humnoonni qaban, teekinooloojii fi odeeffannoon sadarkaa olaanaatti deeggarsa godhaafi jiru, kun homaa gaaffii hin qabu" jedhan.

"Namni lammii Itoophiyaa hin qabne tokko Itoophiyaa diiguuf dhufee Deesseetti yoo du'u, lammiin Itoophiyaa tokko biyya isaa eeguuf hagam qophiidha, hagam hojjetaa jira? kan jedhu hoji-manee hunda keenyaati" jedhan.

MM Abiy Ahimad kana kan jedhan marii ministirootaa fi deetaa ministirootaa waliin taasisan irrattidha.

Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa, MM Abiy humnooti alaa TPLF waliin lolaniiru jechuu isaanii soba jechuun tiwiitarii isaaniirratti barreessaniiru.

MM Abiy marii hogganoota olaanoo waliin godhan kana irratti hiikaan waraanaa fi kaayyoon waraana kanaa maal akka ta'e yoo ibsan, waraanni tooftaa isa dhumaa fedhii siyaasaa ittiin galmaan gahanidha, kaayyoon waraanaa garuu nagaa fiduudha jedhan.

Kanabooda Itoophiyaa keessatti humna qawweetiin mootummaa ta'uun akka hin danda'amne mirkaneessuudha fedhiin siyaasaa keenya jedhan.

Fedhiin siyaasaa fi galmi kun garuu mana taa'anii raayyaan ittisaa maal godhe?, humni addaa maal godhe? jedhanii gaafachuu qofaan hin milkaa'u jedhan.

Waraana waggaa tokkoof adeemaa jiru kana irra aanuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta'uu dubbatan.

"Waraanicha loluu/waraanuun haa hafu waa'ee waraanichaa dhagahuunuu ni nuffisiisa. Waa'ee waraanichaa karoorsuun, lotoota uffachiisuun, hidhachisuun ni nuffisiisa" jedhan.

Kanaaf haala kana madaaluun "kutannee yoo qophoofne qofa gareen kun waan barbaadu akka hin milkeessine gochuu kan dandeenyu" jedhan MM Abiy.

Uummatni Itoophiyaa yeroo gara garaa "lammata bitamuuf akka qophii hin taane, maallaqa buusuun, ijoollee isaa waraanatti erguun fi hiriiraan mirkaneessee jira, garuu gahaa miti" jedhan.

Gama mootummaan sosochii uummata mul'ate sirnaan qindeessuun bu'aa qabatamaa fiduurratti hanqinni akka ture himan.

Haala kana durarra fooyyee qabuun naannoleen hundi uummata dammaqsanii, gurmeessanii, hidhachiisanii sadarkaa biyyaatti haala qindaa'een akka qolachuu dandeenyu hojjechuu qabna jedhan.

'Lolli ni tarsa'a, ni hodhama'

Waraana waggaa tokko darbeef adeemsifamerraa muuxannoo fi ofitti amanamummaa argachuu kan himan MM Abiy, itti aansuun maal gochuu dandeenya kan jedhu hubannoo fooyyee qabu qabna jedhan.

Waraana kanarratti lola bakkaa fi yeroo adda addaatti gaggeeffameen loltoonni bittinnaa'aa, booji'amaa, gariin ammoo gootummaan lolaa turani jedhan.

"Diigamuu, deebi'anii ijaaramuun, al tokko tokko hidhanoo gatanii deemuun, hidhannoo gurgurachuun, al tokko tokko ammoo hidhannoon iddoo hin jirretti harkaa harkatti loluun ture" jedhan.

"Lolli ni tarsa'a, ni hodhama" kan jedhan MM Abiy, lolli bakka adda addaatti gaggeeffamu sababoota adda addaatiin baduu danda'aa, waraana waliigalaa garuu "shakkii tokko malee Itoophiyaan ni injifatti" jedhan.

Hogganoonni hojii idilee isaaniin alatti loltoota raayyaa ittisaa fi humnoota addaa naannolee gurmeessuu fi leenjisuurratti akka hojjetan gaafatan.

MM Abiy Lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaa fi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan gaafatanii turan.

Waraanichi baatilee saddeet jalqabaaf naannoo Tigraay keessatti daangeffamee turus, baatile afran darban naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'atee, guyyoota darban magaalotni akka Deessee fi Kombolchaa harka finciltootaa galaniiru.

Guyyoota muraasa darban ammoo mootummaan shororkeessitoota jechuun kan labse finciltoonni Tigraay fi Waraanni Bilisummaa Oromoo waliin ta'uun lolaa jiraachuu hogganoonni garee hidhattoota lamaanii himaniiru.

MM Abiy dhimma kanarratti yaada kennaniin, "TPLF Shaneefis hin tolu, [sababni isaas] diina isa jabaa uummata Oromooti" jedhan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa guutuuf guyyootni muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraanichi dhaabbatee mariin furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, humnoonni Tigraay waraana tibbana naannawa Deessee fi Kombolchaatti godhan akka dhaabanii fi naannoo Amaaraa keessaa akka bahan gaafatteetti.