Waraana Tigraay: US humnootii TPLFn waraana Daseefi nannoosheetti babal'isaa jiran dhaabaa jette

Dubbii Himaa Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayiis

Madda suuraa, KEVIN LAMARQUE

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaa Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayiis

Ameerikaan humnootiin TPLF waraanaa Dasee, Kombolchaafi nannawichatti babal'isan dhaabuu dabalatee, naannoolee Amaaraafi Affaar keessaa akka bahaniif waamicha taasifte.

Dubbii Himaan Isteet Dippaartimentii Ameerikaa, Need Piraayis ibsa Sanbata galgala baasaniin, waraana kaabaa Itoophiyaatti babal'achaa jiru Ameerikaa baayyee akka yaaddeesse himan.

''TPLF magaaloota irratti meeshaa waraanaa akka hin fayyadamnee gaafanna. Akkasumas, Humni Raayyaa Ittisa Biyyaaleessaa Itoophiyaa haleellaawwan qilleensaa Maqaleefi Tigraayiitti bakkeewwan birootti fudhachuun lubbuu baayyee obbaase irra deebiin cimsinee ni mormiina,'' jedheera.

Walitti bu'insa kanaaf waraanni furmaata fidu waan hin jirreef, qaamooleen hundinuu haaldureewwan malee marii dhukaasa dhaabuu akka jalqabaniif yaadachiiseera.

Dubbii himaan kun ibsa isaanii kanaan, Ameerikaan naannoo Tigraay, Amaaraa ykn Affaar lammiilee Itoophiyaa gargaarsi barbaachisu hundaaf gargaarsa namoommaa dhiyeessuun lubbuu baraaruufi rakkiina furuuf dhimmite hojjachu itti fufti jedhan.

''Gabaasaaleen Kaaba Itoophiyaatti gargaarsi namoomaa ta'e jedhamee dhorkamu jedhan nu yaaddeessuu itti fufeera,'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Qoricha, boba'aafi maallaqa callaa dhaabbilee gargaarsaaf barbaachisan dabalatee dhiyyeesiwwan gargaarsa namoomaa atattamaan barbaachisan wayita mootummaan dhowwaa jirutti, naannoo Tigraay keessatti namoonni kuma 900 ta'an haala beela cimaa fakkaatu keessa jiraataa jiru jedhan dubbi himaan kun ibsa isaaniitiin.

Kanaaf, qaamoolee waraanicha keessatti qooda fudhatan hundinuu gargaarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka qaqqabuuf hayyamuufi haala mijjeessuu akka qaban irra deebiin waamicha taasisaniiru.

Dabalataanis, qaamooleen hundinuu namoota nagaaf eegumsa akka taasisaniifi mirgoota namoomaa sarbamuu akkasumas seera namoommaa idil-addunyaa cibsuu akka dhaabaniif gaafateera.

Kana malees, kanneen mirgoota sarbanni fi miidhaa qaqabsiisan itti gaafatamu qabus jedheera Dubbi himaan kun.