Waraana Tigraay: Hidhattoonni TPLF Dasee to'achuun himamus mootummaan garuu harkumakoo jirti jedhe

Madda suuraa, Dessie city communication/fb
Magaalaan Dasee kan guyyoota hedduuf hidhattoonni TPLF fi humnoonni mootummaa Itoophiyaa irratti wal waraanaa turan harka hidhattootaa galuun maddeen hima illeen, motummaan garuu ammalleen magaalattiifi naannoowa ishee harka koo jirti jedhe.
Jiraattoonni magaalattii BBC har'a dubbise, humnoonni motummaa magaalattii gadhiisanii bahuufi hidhattoonni TPLF kalattii garaa garaatiin magaalaa Dasee seenaa jiraachu mirkaneessaniiru.
Kana malees jiraattoonni kunneen Sanbata har'aa ganama keessa waraanni cimaan akka tureefi humnoonni motummaa federaalaafi naannoo Amaaraa gara kibbaatti dhiibamaa jiraachuu akka argan BBCtti himan.
Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Itoophiyaa ibsa sa'aa booda kenneen ''dargaggoonni Dasee fi qaamoleen nageenyaa haala qindaayeen yaalii humnootni TPLF magaalicha qolachuuf godhan ofirraa qolchaa jiruu,'' jedhe.
Magaalichi ammallee harka mootummaa jiraachuu kan hime ibsi kun, dargaggonni magaalittii akkuma eegalaniin magaala isaanii baandaarraa ittisuu cimsanii itti fufuu qabuu jedheera.
BBC'n Jimaata kaleessaa aanga'oota olaanoo mootummaarraa yeroo iyyaafatu, miseensonni waraanaa Itoophiyaa ''tarsiimoof jecha'' adda waraanaa dhiyeenya magaalaa Dasee jiru gadhiisanii bahaa akka jiran mirkaneeffateera.
Rooyitarsi dubbii himaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaa bakka adda hin baanerraa bilbila saataaayitiin yoo dubbisu, humnoonni isaanii humnoota mootummaa magaalota Dasee keessaa baasuun gara magaalaa Kombolchaatti qajeeluu himaniiru.
Torban darbee kaasee humnoonni TPLF fi waraanni mootummaa Federaalaa dhiyeenya magaalaa Dasee fi Kombolchaatti waraana cimaa gaggeessaa akka turan mootummaafi hidhattoota mootummaan shororkeessaa jedhuun ibsaa turan.
Mootummaan naannoo Amaaraa kan irra deddeebiin hunduu gara adda waraanaa Wallootti akka duulu labsaa ture. Kutaalee naannoo Amaaraa hundarraa dargaggeessi gara adda waraanaa Kibba Wallootti duulaniiru.
Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Dasee guyyaa Kamisaafi Jimaataa hidhattoonni TPLF meeshaa waraanaa gurguddaa gara magaalaa Daseetti dhukaasuun yoo xiqqaate namoonni sadii du'anii ,10 ol madaa'u BBC'tti himanii turan.
Magaalaan Kombolchaafi Dasee akkasumas naannoon kun waraana kana keessatti bakka faayidaa guddaa qabu akka ta'e himama.
Magaalaan Kombolchaa paarkii Indaastirii guddaa kan of keessaa qabu yeroo ta'u, magaalaan uummata walakkaa miiliyoonaa qabdu Daseen ammoo Kaaba fi Kibba Wallootti naannolee humnootni TPLF to'atan keessaa lammiilee buqqa'an kumoota dhibbaan lakkaawwamaniif dahoodha.
Mootummaan Itoophiyaa to'atamuu magaalaa Dasee ilaalchisee hanga ammaatti ibsi kenne jiraachuu baatus Ministeerri tajaajila Komonikeeshinii mootummaa Federaalaa ibsa Sanbata ganama baaseen adda waraanaa Kibba Wallootti uummatnifi humni waraanaa Itoophiyaa duula jabaa godhaa jiruun injifannoo argachaa akka jiru hima.
Kantiibaa Itti aanaan magaalaa Dasee obbo Sayiid Yooseef Jimaata BBC'tti yoo himan ''guyyaa har'aa naannoo sa'aa saddeetitti humnoonni TPLF magaala Dasee to'ataniiru oduun jedhu tamsa'ee ture'' jedhanii jiraattota magaalittii irratti naasuun uumamuu himaniiru.
Uummanni magaalichaa baqachuu eegalee akka tureefi ammaan tana garuu haalli guutummaan tasgabbaa'aan akka jirus dabalanii himaniiru.
Humni TPLF dhiyeenya magaalaa Dasee ture barbadeeffameera jedhanii, ammaan tana humni kutamee hafe asittis achittis sagalee dhukaasaa dhageessisaa jira,'' jedhan.
Obbo Getaacho Raddaa Rooyitarsitti yoo himan humni waraanaa mootummaa hedduun booji'amaa akka jiruufi uummatni magaalittii gadhiisee bahaa jiraachuullee dabalanii himaniiru.
Tajaajilli oduu Firaans AFP jiraattota magaalaa Daseerraa iyyaafadhe akka jedhee gabaasetti humnoonni mootummaa federaalaa adda waraanaa dhiyeenya Daseerraa bahaniiru.















