Waraana Tigraay: Kaaba Kombolchaa fi Daseetti dargaggoonni 'adda waraanaatti duulaa jiru'

Milishoota adda waraanaatti duulan

Madda suuraa, Eyder Peralta

Naannoo Amaaraa dhiyeenya magaalaa Kombolchaatti sochiin waraanaa jabaan jiraachuufi dargaggoonni meeshaalee akka qottoo fi gajaraan osoo hin hafiin adda waraanaatti duulaa akka jiran gabaafame.

Torban darbe waraanni mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF gidduutti hammaatee erga itti fufee, magaalota naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa keessa jiran tokko tokko to'achuu finciltoonni Tigraay ni himu.

Humnoonni mootummaa federaalas adda waraanaa hundatti hidhattoota irratti miidhaa geesisaa akka jiran mootummaan ibseera.

Naannoo Amaaraa dhiyeenya magaala Kombolchaa fi Daseetti guyyoota darban waraanni magaalota kana to'achuufi of irraa faccisuurratti xiyyeefate gaggeefamaa akka ture gaazexessaan miidiyaa US, NPR damee Baha Afrikaa kan magaala Kombolchaa jiru Eyder Peraaltaa BBC'tti himeera.

Gaazexessaan kun magaala Kombolchaa keessa yeroo jiru loltootni mootummaa Itoophiyaafi milishoonni humnoota mootummaa waliin lolan dhibboota hedduun lakkaawaman konkolaatotatti fe'amanii gara adda waraanaa imalaa jiraachuu taajjabuu himeera.

Milishoonni waraana mootummaa deeggaran meeshaa waraanaa idilee malee imalaa akka jiran taajjabuu isaas himeera.

''Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa atoobisiin fe'amanii yoo deeman... milishoonni konkolaattota duubatti fe'amanii, dargaggoonni gajaraa, qottoofi waanuma harkatti qabatamu mara qabatanii gara waraanaa yoo deeman argeera'' jedha gaazexessa Eyder.

Viidiyoo gaazexessaan kun waraabee tiwitara isaa gubbaatti maxxanse irratti dargaggoonni hedduun konkolaattota akka siinootiraakiifi Ayisuuzuu duubatti fe'amanii yoo imalan agarsiisa.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Bulchiinsi Godina Walloo Kibbaa lola akka haaraatti eegale hordofee hunduu humna qabuun akka gumaacha taasisu waamicha dhiheessuun ni yaadatama.

Sabaa himaan Waltainfo.com ammoo dargaggoonni aanaa naannawa Dasee waraana mootummaa deeggaruuf gara adda waraanaa duuluu gabaaseera.

Guyyaa har'aa(Roobii) gara adda waraanaatti kan duulan dargaggoota aanichi leenjisaa ture kan dabalatu akka ta'es gabaasaeera.

Gaazexessaan kun guyyoota dura dargaggoota magaala Kombolchaa fi Dessee wayita dubbisetti imala TPLF magaalota kana to'achuuf godhu yoo ittisuu baatanii magaalotni isaanii yoo to'ataman ''nu ajjeesu'' sodaa jedhuun akka duulan itti himuu ibseera.

Waraana kana dhimma jiraachuu isaanii waliin walqabsiisanii akka hubatan gaaffiifi deebii dargaggoota naannolee Amaaraa keessa jiran waliin godheen hubachuu ibseera.

BBC dhugummaa odeeffannoo gaazexessaan kun kenne ofiin qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Waraana naannoo Amaaraa keessatti hammaate hordofee magaalonni Kombolchaa fi Daseen buqqaatota hedduun kan guutaman yeroo ta'u dhiyeenya magaalota kanaatti waranni hammaachuun rakkoo namoomaa ittii hammeessa sodaa jedhu uumeera.

Guyyoota darban lolli meeshaa gurguddaa magaalota kana to'achuuf gaggeeffamaa ture loltootni mootummaas hidhattootni kun gara magaalota kanaa akka hin seenne lolaa turan jedhamus, dubbii himaan TPLF Getaachaw Raddaa magaala Kombolchaatti dhiyoo hin jirru jedhan.

Gaazexessaa Eyder magaalota Dasee fi Kombolchaa keessa baqattootni kumoota kudhaniin lakkaawwaman haala dahoofi nyaata gahaa hin arganne keessa jiru jedha.

''Hedduun isaanii ala bulaa jiru, nyaata xiqqoos argatu'' kan jedhu gaazexessaan kun, yaaddoon guddaan waraanichi bakka amma qubatanittis yoo hammaate bakka biraa itti baqatan kan hin qabne ta'uu isaati jedha.

Namoota yeroo saadaffaaf baqatan dubbisuu kan himu Eyder, namni dubbise tokko waraanni kun akka dhaabatu fedha qabu himee, ''tarii bakki itti duunu as ta'a'' jechuun dubbachuu gabaaseera.

Kantiibaan magaalaa Dasee BBC'n dubbise Obbo Abbebe GabraMasqal yaaddoo nageenyaarraa kan ka'e naannolee adda addaarraa gara magaalaa Daseetti lakkoofsi namoota baqatanii akkaan dabalaa jira jedhaniiru

''Dubartootni, daa'immaniifi jaarrolii dabalatee lakkoofsi namoota buqqa'anii gara kuma 500 tilmaamama. Dhugaatti lakkoofsi buqqaatotaa hin beekamne'' jedhaniiru.

Sagantaa BBC Focus on Africa waliin gaaffiifi deebii kan taasisan obbo Getaachew Radddaa dhiyeenya magaala Kombolchaatti haleellaan meeshaa waraanaa gurguddaan raawwatan akka hin jirreefi dhiyeenya magaala saniis jiraachuu baatan, duula isaanii keessatti guyyoota dhufan keessatti magaalota lameen qabachuu akka malan akeekaniiru.

Warri TPLF yaaddoowwan gaaga'ama namoomaa kana hanqisuuf mootummaa Itoophiyaa waliin mariin waraana kana xumuruuf ammas fedhiin jiraachuu obbo Getaachoon himaniiru.