Waraana Tigraay: Haleellaan qilleensaa lammataa Maqaleetti raawwatamuun gabaafame

Madda suuraa, AC
Haleellaan qilleensaa lammataa guyyaa Roobii ganama Magaalaa Maqaleetti raawwachuu gabaasaaleen mul'isan.
Televijiniin Tigraay kan dhaaba paarlaamaa Itoophiyaan shororkeessaa jedhamee labsame, TPLF'n, to'atamu aarri magaalaa keessaa yoo ol ba'u fagoodhaa mul'iseera.
Maddeen hospiitaalaa BBC Tigraay odeeffannoo kennaniin dubartii ulfa ji'a sagalii dabalatee namootni saddeet haleellaa qilleensaan miidhamanii waldhaansa fayyaa argachaa jiru.
Hospitaala Aydeer magaala Maqalee jirutti daayireektara tajaajila yeroo balaa kan ta'an dubartii ulfa ji'a sagalii dabalatee namoota madaa'an keessaa shan hospitaal isaaniitti yaalamaa akka jiran himaniiru.
Kanneen hafan sadii Hospitaala Maqaleetti geeffamuus dabalanii himaniiru.
BBC'n maddeen irraa akka odeeffateetti haleellaan kun naannoo Masfin Industiryaal Injinaringiifi naannoo buufata konkolaataa duriitti dhaqqabe.
Dubbii himaan TPLF Getaachoo Raddaa namoonni miidhamuufi qabeenyi manca'uu Tiwiitara irratti barreessaniiru.
Waa'ee haleellaa raawwate jedhame BBC'n Dubbii Himaa Raayyaa Itoophiyaa iyyaafatus deebii hin arganne.
Ethiopia Current Issues Fact Check garuu ergaa haleellaa kana ilaalchisuun tiwiitara irratti baaseen, akka jedhamu osoo hin taane haleellaan xiyyaaraa Humni Ittisa Biyyaa (ENDF) bakkewwan TPLF meeshaa waraanaa itti omishuufi suphaturratti kan xiyyeeffatedha jedheera.

Madda suuraa, DT
"Oppereeshiniin ENDF bakkeewwan kuusaaleen meeshaa waraanaa gurguddoo seeraan alaa filatamoo barbadeessuu kan kaayyeeffatedha."
Haleellaan kun torban kana keessa yoo raawwatu yeroo lammataafi. Wiixata darbe haleellaa raawwateen daa'imman sadii lubbuu dhabuu, akkasumas kan madaa'anis akka jiran UN gaafa Kibxataa ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa haleellaan Wiixataa 'bu'uuraalee kominikeeshinii' TPLF itti dhimma bahuurratti akka xiyyeeffateefi lubbuun namaa akka hin dabarre of eeggannoo gochuu hime.
Isa Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii maddeen mana yaalaa eeruun namoonni sadii du'uu dubbateerratti garuu gama mootummaa wanti jedhamu hin jiru.
Lola Kaaba Itoophiyaa Maqaleetti waggaa darbe TPLF Izzii Kaabaa Itoophiyaa haleeluu booda jalqabe gara Naannoo Affaariifi Amaaraatti babal'ateera.
Torban darbe immoo lolli akka haaraatti eegaleen jiraattonni qe'eerraa buqqa'aa akka jiran BBC'n odeeffateera.
Haleellaa TPLF Affaariifi Amaaraatti raawwate jedheen lammiileen nagaa 30 ajjeefamuu mootummaan himeera. Himannaa kana irratti gama TPLF wanti jedhame hin jiru.
Sababa lola Kaaba Itoophiyaan Lammiileen nagaa hedduufi miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni gurguddoo lolli dhaabatee nagaan akka hiikamu carraaqqii taasisaniis ammatti waan milkaa'e miti.
Sababa lola kanaan walqabatee Naannoo Tigraay keessatti qofa ummanni 400,000 ta'u fiixee beelaarra jira jechuun UN kana dura dubbatee ture.
Haleellaa TPLF baneen lolli naannolee ollaa Affaariifi Amaaraatti ce'u isaan immoo walumaagala ummanni miiliyoona 7'tti siqu gargaarsa kan barbaadu ta'u UN ibseera.














