Waraana Tigraay: Buqqaatota Kombalchaafi Dassee loltoota gama lamaan gidduutti muddamaa jiran

Loltoota meeshaa waraanaa qabatanii tooraan imalan

Madda suuraa, AFP

Waraanni Tigraay erga jalqabamee waggaa ta'uuf guyyoonni muraasni hafu gidduun waan qabbanaa'e fakkaatus tibba kana akka haaraatti deebi'ee hammaateera.

Mootummaan Itoophiyaa jalqaba haleellaa qilleensarraan magaalaa guddoo Tigraay Maqaleetti raawwachuu haalus boodarra garuu amaneera.

Humnoonni TPLF waraana mootummaa Federaalaatu uummata siiviliirratti haleellaa raawwataa jira jechuun yoo komatu, himannaa kana mootummaan Fedheraalaa kuffiseera.

Erga waraanni kun naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'atee lammiileen hedduun qe'eerraa buqqa'anii rakkoo namoomaa hamaa keessa jiru.

Magaalota Kombolchaa fi Dassee keessatti yeroo ammaa sodaan waraanaa kan hammaateefi lammiileenis yaaddoo qabanirraa buqqa'aa jiraachuutu himama.

Magaalaa Dasseerraa gara Kibbaatti fageenya kiilomeetira 25 irratti kan argamtu Kombolchaa bakka loltoonni Itoophiyaa heddumminaan qubatanii jiran keessatti uummanni rakkoo keessa jiraachuu gabaasonni ba'aa jiru.

Raadiyoo biyya Ameerikaa National Public Raadiyoo(NPR) jedhamuuf baha Afriikaarraa kan gabaasuuf Eyder Peralta, haala Kobolchaa keessa jiru Raadiyoo BBC sagantaa Focus on Africa jedhamuuf ibseera.

Kombolchaa fi Dasseen waraana adeemaa jiruuf iddoo murteessoo fi qaamni walwaraanu hunduu to'achuuf hedu ta'uu dubbate gaazexeessaan kun.

''Finciltoonni magaalota kunneen qabachuuf baayyee ifaajaa jiru. Mootummaan ammoo michoota isaa waliin ta'uun finciltoota ittisaa jira. Loltoonni Itoophiyaa hedduun asitti argaman gara qarqaraatti achi ba'uun dirree irratti finciltoota haleelaa jiru,'' jedhe.

Milishoonni hedduun kanneen baay'inaan dargaggoota ta'an waan qabaniin, kaan meeshaa waraanaa, kaan ammoo gajaraa qabachuun konkolaataa guutanii gara dirree waraanaa naannawa Dassee fi Kombolchaa akka imalan ijaan arguus hime.

Yeroo yaada kana BBC'f kennu gama waraana mootummaa Itoophiyaa jiraachuu kan hime gaazexeessaan kun, dargaggoota hedduu adda waraanaatti guuraman akka dubbise hima.

''Dargaggoota hedduu waliin guyyoota darban dubbataa turre, hanga Gondar deemnee haala isaanii gaafachaa turre. Hunduu gara waraanaatti galaa waan jiran fakkaatu. Lubbuusaanii baraaruuf jecha waraanaatti akka galanitti amanu. TPLF dhufanii nu ajjeesu jedhanii waan yaadaniif. TPLF'illee akkasumatti yaada.''

Lameenuu jiraachuuf jecha waan walwaraanaa jiran fakkaatu kan jedhu gaazexeessaa Eyder Peralta, ''naannoo Amaaraa bakki arge hundatti dargaggoonni waan qabaniin gara dirree waraanaatti duulu, TPLF bakka isaan jiranitti ittisuuf waan humnasaanii godhu,'' jedhe.

Jiraattonni kombalchaa sababa waraanaan rakkoo hamtuu keessa galan, beelaan gidirfamaa jiru. Hedduunsaanii kanneen Maqalee fi kutaalee Tigraay kaanirraa buqqa'aniidha. Namoota kunneen argatee dubbisuu kan himu gaazexeessaan kun, ''waan hunda caalaa waan garaa nama nyaatuudha,'' jedhe.

Namoonni kunneen naannoo Amaaraa bakkeewwan TPLF to'atanirraa buqqa'uu kan hime gaazexeessaan kun, ammas waraanni babal'achaa waan jiruuf soda qabanirraa ka'uun bakka biraatti godaanaa jiru jedha.

''Namoonni kumaatamatti lakkaa'aman torbeewwan lamaan darban keessa buqqa'anii gara Dassee fi Kombolchaa akka seenan aanga'oonni naannoo nutti himaniiru.

Waraana ammas bakka isaan qubatanii jiranitti ni dhalata jedhanii sodaatu. Kanaafuu ammas baqachuuf jiru. Namoonni an itti dubbadhe hedduun Kanaan dura yeroo lama baqachuu natti himan. Kan itti aanee dhufu yeroo sadaffaa ta'a. Kaanimmoo bakki kun iddoo hundi isaaniiyyuu itti dhuman ta'uu akka danda'utti amanu.''

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa erga gaafa Wiixataatii haleellaan qilleensaa akka hin turre himee, naannoo Amaaraatti garuu waraana itti fufanii jiraachuu dubbate.

Dargaggoonni hedduun meeshaa waraanaa fi gajaraa waan harkaa qabaniin dirree waraanaa Kombolchaatti wayita duulan isin hin yaaddessuu jedhamanii kan gaafataman Obbo Geetaachoon, ''ijoollee leenjii hin qabne dirree waraanaatti erguu isaaniitu nu yaaddessa,'' jedhan.

''Kan loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjii fi meeshaa ammayyaa qaban hin dandeenye, dargaggooti gajaraa qabatan milkeessu jedhanii yaaduun akkaan nama yaaddessa,'' jedha Obbo Geetaachoon.

Qondaalli TPLF kun gareensaaniis dargaggoota ol-adeemoo waraanaaf itti fayydamaa jiraachuu hin haalle.

''Eeyyeen dargaggoota dantaa Tigraayiif qabsaa'an qabna.''

Humnoonni TPLF Kombolchaatti siqanii akka hin jirree fi Kaaba Dasseetti raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa waraanaa jiraachuu kan eeran Obbo Geetaachoon, uummata Kombolchaarratti TPLF haleellaa baneera kan jedhu garuu haalaniiru.

Bakka yaaddoo waraanaa keessa jiru Dassee fi Kombolchaa keessatti jiraattonnii fi buqqaatonni achi qubatan haleellaa guyyuu mudatuun dararamaa jiru.

Waraana kana gidduutti kan miidhamaa jiru uummata siivilii yoo ta'u isaanis garee wal waraanan lamaanuu komataa jiru.

Kanaaf maaltu furmaata ta'a jettu jedhamanii kan gaafatamaniif Obbo Geetaachoon akkas jedhan.

''Waraana kana karaa nagaa dubbannee furuuf ejjennoon nuti qabnu yeroo mara jijjiiramee hin beeku. Nageenya buusuuf jecha nama akka Abiy Ahmad-waraana uummata Tigraay irratti labe-waliinuu teenyee dubbachuuf qophiidha.''

Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin waraana Tigraa akka haaraatti deebi'ee eegale kana kan jalqabe TPLF jechuun himateera.

Ministeerri Ittisaa ibsa Kamisa darbe baaseen, finciltoonni TPLF Wiixata irraa qabee adda waraana banan maratti, miidhaan cimaa irra gahaa jira jedhe.

Waa'ee haleellaa qilleensarraa mootummaan maal jedhe?

Haleellaan Qilleensarraa magaalaa guddittii Tigraay, Maqaleetti raawwate 'meeshaalee qunnamtii TPLF itti fayyadamaa ture barbadeessuufi' jechuun haleellicha raawwachuu mirkaneesseera mootummaan Itoophiyaa.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti meeshaaleen qunnamtii barbadeeffaman, taaworii Raadiyoo Faanaa fi 'INSA' qabeenyummaan isaanii kan mootummaa federaalaa ture, TPLF 'biyya diiguuf itti fayyadamaa' jirudha.

Ergama kanas namoota nagaa irratti miidhaan osoo hin dhaqqabiin milkaa'inaan raawwachuu himeera.

Wixata waaree dura haleellaan qilleensarraa raawwatamuu gabaasaaleen bahuu hordofee ibsa kan kennan dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) haleellaan kun raawwatamuu haalanii turan.

TVn Tigraay kan Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) jalatti bulu gabaasa baaseen haleellaa qilleensarraa magaalaa Maqalee keessatti raawwatameen namoota nagaarra miidhaan gahuu hime.