Waraana Tigraay: Jiraattonni naannoo waraanni itti hammaatee buqqa'an maalitti jiru?

Buqqaatota dahoo keessa jiran

Madda suuraa, Melaku Ambaw

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota Kibba Walloo bakka gara garaatii buqqa'anii magaalaa Dassee qubatanii jiran

Torbanoota muraasaaf birqabaan qabbanaa'ee kan ture waraanni Kaaba Itoophiyaa, akka haaraatti eegalee naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti dabalataan namoota hedduu qe'eerraa buqqisuu aanga'oonni naannolee kanaa himan.

Torban darberraa eegaluun waraanni kessatti adeemaa kan jiru aanaalee godina Walloo Kibbaa akka Habruu fi Wucaalee keessaa kanneen buqqa'an gara magaalota Deessee fi Kombolchaatti baqachaa jiru.

Naannoo Afaaritti ammoo aanaalee akka Cifraa fi Magalee keessaa namootni hedduun buqqa'uu aanga'oonni ni himu.

Kantiibaa magaalaa Deessee kan ta'an Obbo Abbabe Gabramasqal BBC'tti akka himanitti sababa waraanaatiin nageenya isaaniif sodaatanii buqqaatonni gara Deessee godaanan lakkoofsi isaanii haalaan dabalaa jira.

"Dubartoota, daa'imman fi manguddoota dabalatee lakkoofsi buqqaatota kuma 500tti tilmaamama. Garuu lakkoofsa buqqaatota amma jiru qixaan beekuun hin danda'amu" jedhu.

Guyyoota muraasa darban sababa waraana hammaateen lakkoofsi buqqaatotaa akkaan dabaleera jedhu.

Amma dura jiraattonni magaalota akka Waldiyaa, Hayiq fi kaan irraa buqqa'an Deessee manneen barnootaa fi dahanoowwan kaan keessa qubatanii jiru.

Sababa buqqaatonni dabalaa dhufaniif daahannoowwan dabalataa qopheessaa akka jiran dubbatu aanga'aan kun.

"Amma dunkaana, man-kuusawwanii fi galmawwan walgahii qopheessaa jirra. Dabalataan sheediiwwan mootummaa fi kan namoota dhunfaas qophaa'aa jiru. Buqqaatota mootummaan, namoonni dhunfaa, dhaabbilee fi uummatnis hanga danda'u gargaaraa jira," jedhan.

Lakkoofsi buqqaatotaa dabalus mootummaan federaalaa fi kan naannoo deeggarsa barbaachisu gochuuf hojjechaa jiru jedhan.

Naannoo Affaar

Gama kaaniin naannoo Affaar irraas haaluma wal fakkaatuun aanaalee Cifraa fi Magaalee irraa guyyoota muraasa darban namoonni buqqa'aa akka jiran hogganaan ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Affaar Obbo Mohaammad Huseen BBC'tti himaniiru.

"Cifraa irraa namoonni kuma 35 ol buqqa'aniiru. Aanaa Magaalee irraa ammoo kuma 10 ol buqqa'aniiru. Aanaa kanarraa jiraattota ganda lamaatu buqqa'e. Kan amma dura turan buqqaatota kuma 150 waliin gara kuma 200 gaheera," jedhu.

Aanaan Cifraa naannoo Amaaraa, aanaan Magaalee ammoo naannoo Tigraay waliin wal daangessu.

Buqqaatota deeggaruuf yaaliin godhamaa jiraachuu kan himan Obbo Mohaammad, naannoo ammallee lolli jabaan jiru akka Cifraa garuu namoonni heddumminaan buqqa'aa jiraachuu dubbatu.

"Namoonni bosonaa fi ruuqa keessa dhokatanii jiru. Namoota badanii fi maatiin gargar bahan barbaaduu fi gargaarsa namoomaa gochuuf yaalii gochaa jirra" jedhan.

Dawoo, nyaataa fi tajaajila fayyaa kennuuf sochii eegaluu isaanii himu.

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa ibsa torbee darbe baaseen waraana akka haarawatti eegalame kana kan bane ABUT/TPLF ta'uu fi adda waraanaa maratti miidhaan hamaan irra gahaa akka jiru beeksisee ture.

TPLF gama kaaniin mootummaan adda waraanaa maraan 'haleellaa marsaa xumuraa' irratti banuu himuun, hawaasni idil-addunyaa haleellaa irratti baname akka balaaleffatu gaafatee ture.

Lola akka haarawatti eegalee kanaan olaantummaa argachaa akka jiran akkasumas magaalota Kibba Walloo akka Wagalxeenaa to'annoo isaanii jala oolchuu himu humnoonni TPLF.

Lolli kun namoota qe'eerraa buqqaasuun alatti, lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa guddaa geessisaa akka jiru himama.

Humni qilleensaa Itoophiyaa Wiixata darbe haleellaa qilleensarraa magaalaa Maqalee keessatti raawwateen meeshaalee qunnamtii TPLF itti fayyadamaa ture barbadeessuu beeksiseera.

Haleellaa kanaan miidhaan lammilee nagaarra gahe akka hin jirre humni qilleensaa beeksisus finciltoonni Tigraay haleellaa kanaan namoonni nagaa sadi ajjeefamaniiru jedhu.

Magaalaa Kibba Walloo Wucaalee keessati finciltoonni namoota nagaa 30 ajjeesaniiru jedha mootummaan.

Waraana waggaa tokko guutuuf guyyootni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo du'an, miliyoona lamaa ol kan ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.

Walumaagalatti namoonni miliyoona torba ta'an ammoo deeggarsa namoomaa hatattamaa akka barbaadan dhaabbileen gargaarsaa ni himu.

Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun dhukaasa dhaabanii gara marii akka seenan ammallee dhiibbaa godhuu itti fufaniiru.