Waraana Tigraay: Haleellaan qilleensarraa Maqalee 'meeshaalee qunnamtii TPLF barbadeessuufi' jedhe mootummaan

Madda suuraa, Kominikeeshiinii mootummaa naannoo Tigraay
Haleellaan Qilleensarraa magaalaa guddittii Tigraay, Maqaleetti raawwate 'meeshaalee qunnamtii TPLF itti fayyadamaa ture barbadeessuufi' jedhe mootummaan Itoophiyaa.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti meeshaaleen qunnamtii barbadeeffaman, taaworii Raadiyoo Faanaa fi 'INSA' qabeenyummaan isaanii kan mootummaa federaalaa ture, TPLF 'biyya diiguuf itti fayyadamaa' jirudha.
Ergama kanas namoota nagaa irratti miidhaan osoo hin dhaqqabiin milkaa'inaan raawwachuu himeera.
Wixata waaree dura haleellaan qilleensarraa raawwatamuu gabaasaaleen bahuu hordofee ibsa kan kennan dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) haleellaan kun raawwatamuu haalanii turan.
TVn Tigraay kan Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) jalatti bulu gabaasa baaseen haleellaa qilleensarraa magaalaa Maqalee keessatti raawwatameen namoota nagaarra miidhaan gahuu hime.
Hojjetaan gargaarsaa tokkoo fi dippilomaatiin tokkos haleellaawwan xiyyaaraa Maqaleetti raawwachuu BBC'tti himaniiru.
Pirezidaantiin duraanii Yunivarsiitii Maqalee fi qondaalli olaanaa TPLF Kindeyyaa Gabirehiwoot (PhD) gamoo fi manneen haleellaa raawwatameen miidhaan irra gahe jedhan fuula tiwiitarii isaaniirratti maxxansaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Qondaalli kun haleellaan kun magaalatti iddoowwan lamatti raawwachuu BBC'tti himaniiru.
Haleellaan jalqabaa ganama sa'aatii 3:30 irratti naannoo Harennaa ykn Masaboo jedhamu qarqara magaalattiitti argamutti kan raawwate yoo ta'u, namoota nagaa sadi ajjeeseera jedhan.
Kan lammataa lafa gabaa Addiihaaqqii jedhamutti kan raawwate yoo ta'u, namoota nagaa hedduu madeessuu himu.
Jiraattonni fi rogeeyyiin suuraawwan miidhaa haleellaa qilleensaa kanaan gahe jedhan marsaalee hawaasaa irratti maxxansaa jiru.
BBC'n haleellaan kun raawwatamuu fi miidhaa gahe jedhamu walaba ta'ee mirkaneessuu hin dandeenye.
Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu (PhD), "mootummaan maaliif magaalaa isaa haleela?, Maqaleen magaalaa Itoophiyaati" jechuun mootummaan haleellaa kana akka hin raawwanne Rooyitarsitti himan.
"Magaalota lammileen nagaa keessa jiraatan kan haleelu shororkeessitoota malee mootummaa miti," jedhan.
Waraanni Tigraay baatilee 11 lakkoofsise torban darbe keessa jabaatee itti fufe.
Finciltoonni Tigraay mootummaan 'haleellaa marsaa dhumaa' nurratti bane jechuun ibsa baasanii turan. Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa gama isaan haleellaa kana kan eegale TPLF ta'uu ibsee, adda waraanaa maratti tarkaanfii argachaa akka jiru hime.
Guyyoota muraasa darban finciltoonni adda waraanaa Kibba Wallootiin injifannoo argachuu fi loltoota Itoophiyaa hedduus booji'uu himaa turan.
Finciltoonni haleellaa akka haaraatti eegalaniin iddoowwan akka Wucaalee fi Cifraatti lammilee nagaa 30 ajjeesaniiru jedhan Laggasaa Tulluu (PhD).
Waraanni Tigraay erga eegalee jiini 11 lakkaahame kanaan magaalaan guddoo naannichaa haleellaa xiyyaaraan yeroo rukutamu kun yeroo jalqabaf miti.
Waraana kanaan namootni kumaatamaan lakkaa'aman yoo du'an, miliyoona lamaa ol qe'eerraa buqqa'uutu gabaafama.
Tigraay fi naanollee ollaa Amaaraa fi Affaar keessatti walumaagalatti namoonni miliyoona 7tti siqan deeggarsa namoomaa akka barbaadan dhaabbileen gargaarsa ni himu.















