Waraana Tigraay: TPLF waraana kana 'mariin furuuf qophiidha' jedhan qondaalli olaanaa dhaabichaa

Madda suuraa, Tigray TV
Humnoonni TPLF mootummaan Itoophiyaa haleellaa cimaafi qindaa'e haaraa nurratti baneera jechuun, waraana kana mariidhaan furuuf qophii tahuusaanii himan.
Qondaala dhaabichaa kan tahan Ambaasaaddarri duraanii Itoophiyaa Fissahaa Asgadoom gaaffiifi deebii BBC sagantaa Focus on Africa waliin taasisaniin, ''waraanni kun walitti dhufanii mari'achuun furamuu qaba,'' jedhan.
Qondaalli dubbi-himaa dhaabichaati jedhaman kun dabaluun, haleellaa mootummaan akka haaraatti bane kanaan ''magaalaa Maqalee torban lamaafi sadii gidduutti ni qabanna'' jechuun dhaadataa jiru jedhu.
Qondaalli kun akka jedhanitti waraana kanaan loltuuwwan Itoophiyaafi naannoo Amaaraa idilee fi al-idilee tahan ''kuma dhibbaan lakkaawaman'' haleellaa kana keessaa qooda fudhachaa jiraachuu himan.
''Haleellaa cimaa akka haaraatti eegalame'' ilaalchisuun guyyootaan dura kan gaafataman dubbi-himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum, ''mootummaan biyyattii guutuutti lammiilee isaa gochaawwan shororkessummaa irraa eeguuf gaafatama qaba,'' jedhan.
''Motummaan Itoophiyaa badii, jeequmsaa fi ajjeechaa TPLF naannoo Amaaraafi eddoo biraa kamittuu raawwatu fuuldura dhaabbata,'' jedhan.
Aabba Fissahaa Asgadoom himannaa mootummaan Itoophiyaa badii dhaabni isaanii naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti geessisaa jira jechuun himatu ilaachisee kan gaafataman oggaa tahu, ''seenaan humnoota waraanaa Tigraay badii kan agarsiisu miti,'' jechuun morman.
''Humnoota mootummaa Itoophiyaa, naannoo Amaaraafi waraana Ertiraatu, uummata Tigraay irratti badii dhaqqabsiisaa jira. Ammas of ijaaruun deebi'anii dhufaniiru. Humnoonni keenya dhimma jiraachuufi dhiisuuf ofirraa qolachaa jiru.''
Dhimma waraana kana mariin furuuf adeemsa jirurratti kan gaafataman qondaalli kun ''waraanni kun walitti dhufanii mari'achuun furamuu qaba,'' jechuun dhaabni isaanii kanaaf qophii tahuus himan.
''Dhimma 'qaama sadaffaa eenyutu gidduu galuun araarsa?' kan jedhu boodarra kan dhufudha. Waraana hamaa Itoophiyaa miidhaa jiru kana mariin hiikuuf qophiidha,'' jedhan.
Hawaasni idiladdunyaas dhimma kanarratti dubbiin qofa osoo hin taane ''tarkaanfii qabatamaa'' akka fudhatu gaafanna jedhan Aabba Fissahaa.

Humnooti Tigraay mootummaan akka haaraatti 'haleellaa marsaa xumuraa' meeshaa gurguddaan deeggarame akka eegale ibsuun ibsa baasaniiru.
''Adda waraanaa hundatti humna cimsannaan guddaan adeemaa jira... meeshaalee gurguddoofi dirooniin hojiirra oolaa jiru,'' jechuun dibbi-himaan dhaabichaa Getaachoo Raddaa guyyootaan dura himaniiru.
Waraanni akka haaraatti baname jedhame kun dhagahamuu hordofee, UKn Itoophiyaa keessa iddoowwan waraanni itti gaggeeffamaa jirutti akka hin imalle lammilee ishee sirnaan akeekkachiifte. Itti dabaluunis haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jette.
Waraana kanaan namoonni 400,000 haala beela hamaa fakkaatu keessa jiraachuu Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii baatii Hagayyaa keessa akeekkachiisee ture.
Kana malees namoonni miiliyoona lamatti dhiyaatan qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.













