‘Loltoonni Itoophiyaa karaa hunda haleellaa nurratti banan’- humnootii TPLF

Taankii waraanaa

Madda suuraa, Reuters

Humni raayyaa ittisa Itoophiyaa haleellaa qindaa'aa addawwan hundaan humnootii kaaba biyyattii naannoo Tigraay irratti labsuu, gareen finciltootaa baaksiisan.

Humnootii garee TPLF akka jedhaniitti motummaan gosa meessaa waraan kan akka jeettii, meeshaalee waraanaa gurguddaa, taankiiwwan fi dirooniiwwan fayydamaa jira.

Maddii qondaalaa olaanoo garee finciltootaa akka jedhanitti, humnoota Tigraayi irratti haleellaan jabaatulle ejjannoosaaniitti cichaniiru.

Dubbi-himaan TPLF Obbo Geetachoo Raddaa, haleellaa mootummaan torban darbe eegale amman ‘’humna guutuun’’ raawwatamaa jiru jedhan.

Amma yoonaatti mootummaan federaalaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Tajaajilli bilbilaafi malliiwwan qunnamtii kaan waan hin hojjanneef qaama walabaarra odeeffannicha mirkaneeffachuun hin danda’amne.

Haleellaan lafoo eegalamuu ilaalchisuun kan gaafataman Dubbi Himtuun Waajjirra Billene Seyuum, motummaa biyyattii guutuutti lammiilsee isaa gochaawwan shororkessuummaa irraa eeguuf ittigaafatamummaa qaba jette.

''Motummaan Itoophiyaa badii, jeequmsaa fi ajjeechaa TPLF naannoo Amaaraafi eddoo biraa kamiittu raawwatu fuuldura dhaabbatta,'' jette osoo kana caalaa bal'inaan hinibsiin.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ji’oota 11 oliif itti fufe hordofee namoonni miliyoona kuma 400 haala beela hamaa fakkaatu keessa jiraachuu Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii baatii Hagayyaa keessa akeekkachiise ture.

Kana malee lamoonni miiliyoona lamatti dhiyaatan qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.

Erga humnootiin TPLF buufata raayyaa biyyaaleessaa kaabaa irratti haleellaa raawwataniin booda, raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa irra caalaa naannoo Tigraay Sadaasaa 2020 keessa to'atee ture.

Waxabajjii keessa ammoo humnootiin finciltootaa deebiisanii Tigraayiin to'achuun isaan booda gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessatti waraana babalisan.

Haleellaa tibbanaa ilaalchuun maaltu jedhame?

Obboo Getaachoon tarkaanfii miilanaa kunis magaaloota naannoo Amaaraa fi akkasumas humnootii naannoo Amaaraa raayyaa waliin hiriiruun waraanaa jiraachu dubbatan.

Ibsi naannoo Tigraayi waraanicha ilaalchiisuun baheen, ''loltoonni idleefi al-idilee kuma dhibba ta'an'' waraana ammaa irratti hiriirfamaniiru.

Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, riiformii MM Abiy Ahimad akkuma 2018 keessa aangootti dhufaniin walitti fufiinsaan taasisaniin walitti bu'an.

Ergasiin booda motummaan garee TPLF dhaabbata shororkeessaa jechuun kan ramadee yoo ta'u, garichi garuu motummaa seera-qabeessaa naannichaa ta'u kana mormu.