UKn Itoophiyaa keessatti haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jechuun akeekkachiiste

Alaabaa UK

Madda suuraa, Getty Images

UKn Itoophiyaa keessa iddoowwan waraanni itti gaggeeffamaa jirutti akka hin imalle lammilee ishee sirnaan akeekkachiifte. Itti dabaluunis haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jette.

Akeekkachisni UK kun kan dhagahame wayita waraanni Itoophiyaa humnoota TPLF naannoo Amaaraa keessa jiran irratti haleellaa 'qindaa'aa' tahe raawwachuu eegaleera gabaasaaleen jedhan bahaa jiranitti.

Waajjirri Dhimma Alaa fi Biyyoota 'Common Wealth' fi Misoomaa (FCDO) akeekkachiisa baaseen, guutummaa naannoo Tigraayitti imaluun balaa guddaa akka qabu akeekkachiise.

Dhalattoonni Tigraay hidhaa fi dararaan buufata xiyyaaraa dabalatee bakkeewwan adda addaatti isaan mudachuu mala jette.

Shororkeessitoonni Itoophiyaa keessatti haleellaa raawwachuu yaaluu danda'u kan jedhe Ibsu FCDO kun, bakkeewwan namoonni itti heddummatan irraa akka fagaatan lammilee UK akeekkachiifte.

Biyyootni lammilee isaanii balaa irraa baraaruuf, odeeffannoo nageenyaa karaa adda addaa argatan irratti hundaa'uun akeekkachiisa gara garaa ni baasu.

Akeekkachiisni UKn amma baaste kun Itoophiyaa bakkeewwan hedduutti imala kan dhorku yoo ta'u, kanneen hafan ammoo imala dirqama ta'e qofaaf hayyama.

Eessa eessatu dhorkame?

Guutummaa Tigraay akkasumas daangaa Tigraay naannoo Amaaraa fi Affaar waliin qabdu hanga kiiloomeetira 30 imaluun dhorkameera.

Naannoo Amaaraa godinaalee akka Kaaba Walloo fi Waag-himraa guutummaatti, godinaalee akka Kibba Walloo, Kaabaa fi Kibba Gondar ammoo aanaalee waraanni keessa jirutti imaluun balaa qabaachuu himuun dhorkeera.

Kutaalee biyyattii biroo naannoo Affaar, Gambeellaa fi Oromiyaa keessaas bakkeewwan halluu diimaa jechuunis gonkumaa garas imaluun dhorkaman jiru.

Oromiyaa keessatti guutummaa Wallagga Lixaa fi Wallagga Bahaa magaalaan Naqamtee eeramaniiru.

Beenishaangul Gumuz fi naannoo Somaalee keessaas bakkeewwan dhorkaan irra kaa'ame jiru.

Daangaa Itoophiyaan Sudaan fi Sudaan Kibbaa waliin wal daangessitu kiiloomeetira 10 keessa imaluus dhorkitee jirti.

Gama daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaan naannoo Somaali godinaalee Afdeer fi Liiban keessa hanga kiiloomeetira 100 socho'us dhorkitee jirti.

Bakkeewwan kanarraa hafan heedduutti imala dirqama ta'e qofaaf hayyamte.

Akeekkachiifni kun waraana Kaaba Itoophiyaatti baatilee 11f adeemaa jiru akkasumas walitti bu'iinsawwan kutaalee biyyattii biroo keessa jiru ka'uumsa godhachuun kan bahedha.

Humnooti Tigraay mootummaan akka haaraatti 'haleellaa marsaa xumuraa' meeshaa gurguddaan deeggarame akka eegale ibsuun ibsa baasaniiru.

Waraana kanaan namoonni 400,000 haala beela hamaa fakkaatu keessa jiraachuu Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii baatii Hagayyaa keessa akeekkachiisee ture.

Kana malees namoonni miiliyoona lamatti dhiyaatan qe’eefi qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uuf dirqamaniiru.