Waraana Kaaba Itoophiyaa: Monoksee fannoo baachuurra hanga qawwee hidhatee dirree waraanaatti bobba'uutti

Qeessi Gabramaariyaam Aderaw

Madda suuraa, Awi Communication

    • Barreessaa, Faasikaaw Manbaruufi Faaruk Choziyaa
    • Gahee, BBC Amaarii fi BBC News

Monoksee bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo, kan duraan fannoofi Kitaaba Qulqulluu baataa turan, amma qawwee kaafachuun waraanaa humnootii Tigraay kan irratti baname keessatti hirmaatan.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti eegalame biyyattiifi Bataskaana Ortodoksii gargar qoodeera.

''Anis karaa kadhannaafi rasaasaa lamaaniinuu nan lola,'' jedhan Abbaan amantaa Qeesi Gabramaariyam Adaraawu.

Monokseen hiikkaan maqaa isaanii, 'Tajaajilaa Maaramii' jechuu ta'e kun waamicha MM Itoophiyaa Abiya Ahimad namni danda'uufi umuriinsaa gahe kamuu raayyaa ittisa biyyaatti makamuun TPLFn waraanuuf waamicha taasisaniin torbaniin booda ture kan galmaa'an.

Riiformii siyaasaa MM Abiy taasise irratti waldhabdeen erga umameen booda Sadaasa keessa ture tarkaanii waraanaa humnootii Tigraay irratti kan labsame.

''Biyyi kufaafi qeesoonni ajjeefamaa jiraachuu waanan argeef..., humna raayyaa ittisaatti makame. Waraanuun barbaachisaa ta'uun amana,'' jechuun ture Aabbaa Gabramaariyam BBC Amaariffaatti kan himan.

Monokseen kun milishoota naannoo Amaaraa bakka keessa jiraataniin leenjii argachuu himaniiru.

''Miidhama qaamaa ykn du'a tibba waraanaatti mudatu hin sodaadhu. Hunda fudhachuuf qophaa'oodha. Ani kan sodaadhu Waaqa qofaadha,'' jedhan.

Humnootii Amaaraa naannoo Tigraay keessaa lafa qabataniif deebii kennuuf jecha waraanaatti kn fufe TPLF Adooleessa keessa naannoo Amaaraa keessaa magaaloota hedduu to'ate. Kunis Laaliibalaa batasikaanoota jaarraa 12ffaa fi 13ffaatti dhagaarraa bocamaniifi Hambaa Addunyaa kan hammatudha.

Biete Ghiorgis (Church of St George), Lalibela
Ibsa waa'ee suuraa, Laaliibalaa bataskaanoota dhagaarraa bocaman 11 qaba

"Laalibalaatti qeesoonni 700 ol kan argaman yoo ta'u, amma garuu waan TPLF naannicha to'atee jiruuf tajaajilli waan hin gaggeeffamneef mindaa argataa waan hin jirreef rakkina irratti argamu,'' jedhu Yunvarsitii Gondaritti barsiisaa kan ta'an Maaniyichilaal Masarat.

Awwaala rasaasaa bataskaana keessaa argame

Laalibalaatti hanga ammaatti badiinsi raawwatamuu gabsin jiraachuu baatulleen jedhu Obbo Maaniyichilaal, batasikaanoota naannichaa hedduu, ''humnootiin TPLF amantaafi qabeenyaa aadaatiif of eeggannoo osoo hin taasisiin waraana gaggeessaa jiran'' keessatti maallaqni, nyaanniifi barreeffamoonni qulqulluu durii hatamaniiru jedhu.

Miidiyaan mootummaa akka gabaaseetti, ammoo bataskaanni Cecehoo Maariyaam jaarraa 5ffaa irraa kaasee ture haleellaa meeshaa waraanaa cimaa TPLFn rukutamee baaxiinsaa barbadaa'eera.

Asosheetid Pirees akka gabaaseetti, rippoortarri saa rasaasa baaxii bataskaana mandara Cinaa Takilahaymaanot keessatti miidhamee arguu himeera.

Jiraattonni naannichaa ammoo qeesonni jaha namoota hedduu haleellaa baatii Adoolessaa keessaa garichaan raawwatameen ajjeefaman keessatti argamu jedhan.

Gareewwan waraanicha keessatti hirmaatan hunduu garuu ajjeechaa raawwachuu ni waakkatu.

Kiristiyaanonni amantaa Ortodoksii ummata Itoophiyaa keessaa parsantaa 43 akka ta'an himama. Haata'u malee, waraanichi addaan isaa qoodeera.

Ibsaa masqalaa boca Yasuus fuulduratti bataskaana Bolee Madaanalamii, Finfinnee, Fulbaana 26, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Gama Tigraayinis wayita opereshiniin waraanaa Tigraayykeessatti waraana Itoophiyaafi loltoota Ertiraatiin, hoggantoota amantaa Isilaamaa muraasa dabalatee dureeewwan amantaa 325 ajjeefamuu himu.

Kana malees, waldaaleen 12 fi masgiidawwan baatiiwwan jahan duraa waraanni itti gaggeeffamee jalqabaa keessatti miidhamuu himan.

Abiy 'mootummaan amantaarraa walaba ta'u hambise'

Hayyuun barnootaa biyya Kaanaadaa jirataniifi Bataskaana Ortodoksii Kaaba Ameerikaa irraa kan ta'an, Geetaachoo Asaffaa BBCtti akka himanitti, haleellaawwan akka gochaa Tigroota ''cabsuu'' fi Abiyii fi pirezidaantii Ertiraa Isaayaas Afawarqii fulduratti ''jilbeefachiisuu'' raawwatamutti ilaaluu hima.

Gadaamiin jaarraa 6ffaa Dabra Daamoo, kan gaaraa ol-fageenya meetira 24 irratti gaarreen Tigraay irratti ijaarame, bakkeewwan loltoota Ertiraatiin qabeenyaawwan aadaa duriifi barreeffamoonni isaa hatamuun himamudha.

Kitaaboota bara 1995 wayita harki 70 mana kitaabichaa wayita gubateetti ibidda irraa hafan keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Pirof Getaachoo, waraanichi batasikaanittiirratti gama damee Tigraay, kan 'idileen ala karaa ofiisaatiin adeemaa jiru,'' irraan cabiinsa olaanaa qaqabsiisuu himu.

''Diyaasporaa keessatti osoo hin hafiin, namoonni kanaan booda waliin kadhachuu hin barbaadan.

Kaanaadaa Ontaariyoo keessatti, bataskaannni maqaa geeddarachuun 'Bataskaana Ortodoksii Tigraay' jedhamte. Akkasumas US- Filaadelfiyaafi Awustiraaliyaa waanuma walfakkaatuuti raawwatame,'' jedhan.

Pirof. Getaachoon Abiy kan amantaan Kiristaana Pirotestaantii irraa ta'e, mootummaan amantaa kamuurraa walaba kan jedhu irraa goraniiru jedhu.

''Inni waraanni ammaa lolaa jiru kan afuuraa akka ta'eetti ilaalaa jira. Wayitii waranichi akka dhaabbatuuf addunyaan dhiibbaa taasisaa jiraachuu dubbatuuttis, biyyattiin xoofoo hadhaawaa Yesuus Fannoo irratti dhuge dhandhamachuuf hayyamamtuu ta'uufi dhumarrattis 'ni moona' jechuun dubbate.''

"Siriiyyu kabajawwan amantaa kan ummanni waa'ee nagaa kadhannaa irratti taasisuu qaban irratti waan akkasii dubbate'' jedhu Pirof. geetaachoon.

Gorsitoota Abiy keessaa tokko kan ta'e Daani'eel Kibirat- daaqoniin hordoftoota keessatti dargaggoota amantota Ortodoksii hedduu qabu TPLFn ''seexaanoota'' jechuun ''balleeffamu qabaatu'' jedheera.

''Biyya kana keessatti lafti aramaa akkasii kana biqilchitu jiraachu hinqabaatu,'' jechuu AFPn isaa eeruun gabaaseera.

Pirof. Geetaachoon daaqonichi hiriyaa isaa akka ture dubbachuun, garuu akkuma waraanichi eegalameen waliitti dubbachuu akka dhaaban himu.

''Waan raawwatamaa jiru keessatti gaheessaa hubadheera. Dhaamsi dubbiinsaa duguuggaa sanyiiti,'' jedhu.

Erga Isteet Dippaartimantiin Ameerikaa yaada Daani'eel kana akka ''balaafamaatti'' fi dubbii ''jibbiinsaatti'' balaaleeffateen booda, Daani'eel kan jedhee ''dhaabbata shororkeessaadha'' malee uummata Tigraayiin akka hin taane waakkate.

Dubbii himtuun MM Abiy leelliftoota Tigrootaatiin hiikkaa isaa irratti dogongorri jiraachuu AFPtti himte.

Baqattuu Itoophiyaa waraanaa Tigraay baqachuun Sudaan galte tokko osoo guyyaa Dilbataa kadhannaa taasisaa jiranu, Sadaasa 6, 2020.

Madda suuraa, AFP

Mr Maniyichil waraana TPLF balaaleeffachuun, yeroo hunda 'jibbaa'' fi siyaasa qoodinsa sabaa jajabeessu jedhu.

"Siriyyuu MM ilaalcha mootota darbanii qaba jechuu himataa jiraachuufi isarraan miidhaa qaqabsiisuuf barbaadu. Kunis holola sanyii qulqulluu TPLF ummata Tigraay akka waraanaatti garuu itti-dogongorseedha,'' jedha Obbo Maniyichil.

Pirof. Geetaachoof ammoo marii motummaafi TPLF jidduutti gaggeeffamu qofatu waraana dhaabu danda'a.

''Ajjachaa jumlaafi beelaan cimaan raawwatamulleen mari'achuun barbaachisaadha,'' kan jedhan pirof. Geetaachoon, itti dabaluun, hawaasni addunyaa motummaan mariidhaaf akka tole jedhuuf dhiibbaa taasisuu akka itti fufu abdata.

Paatiriyaarikiin batasikaanichaa kan saba Tigree irra ta'an kanaan dura Tigraay keessatti duguggaan sanyii raawwatamaa jiraachu himuun, nagaaf waamicha taasisanii ture.

''Fannoon uffata keenya irratti maxxanfannu fi qaama keenya irratti tumannu bareedinaaf miti. Hanga hiikkaan fannoo nagaafi haraara ta'eetti, ofii keenyaafi Waaqa waliin nageenyaa fi haraaraan jiraachu qabna,'' jedhan Abuna Maatiyaas sirna kabaja amantaa guddaarratti dhuma baatii Fulbaanaatti.

Haata'u malee Qeesi Gabramaariyaam waraanaan TPLF mo'achuu barbaadu.

''Hanga ammaattis, kadhannaan yaalleera, amma ammoo rasaasaan mo'anna. Diina Itoophiyaa awaaluun Itoophiyaa tokkoomsina,'' jedhan.

Odeeffannoo walfakkaataa dubbisuuf: