Waraana Tigraay: 'Tigraayitti deeggarsi atattamaa qaqqabuu baannaan haalli 77 umamuu danda'a'

Haadhaaf mucaa

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Tigraayitti sababii hir'ina nyaataatiin namoonni baayyeen lubbuusaanii dhabuu Ittigaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa naannichaa Dr Hagoos Gudafaay ibsan.

Ittigaafatamtichi gaaffiifi deebii BBC Tigrinya waliin taasisaniin, naannichatti malli ittiin wal qunnaman waan hinjirreef hangi beela mudatee guutummaa guutuutti beekuuf rakkisaa akka taasise dubbatan.

''Odeeffannoo nu qaqqaban wayita ilaallutti hospitaaloota keessatti guyyaan namoonni 3-4 sababii hir'ina nyaataatiin du'aa jiru,'' kan jedhan Dr Hagoos, godina jidduugalaatti Tambeen, Aduwaa fi Aksuum, Zaanaa, naannoolee Kaaba lixaatti, Raayyaatti akkasumas Mahonii, Kibba bahaatiin ammoo sadarkaansaa garaa gar ta'ulleen aanaalee hedduun ''balaarratti argamu'' jechuun dubbataniiru.

Naannooleen kunneen kanaan duras kan hongeen miidhaman ta'u ittigaafatamaan kun dabaluun himaniiru.

Dr Hagoos haala jiru ilaaluuf naannoolee garaa garaa keessa socho'anii kan turan yoo ta'u, keessattuu haala bulchinsa godina jiddugalaa, naannoo Raayyaa akkasumas Tanbeen keessa jiru taajjabusaanii ibsaniiru.

''Haalli beelaa cimaa jira. Keessattuu daa'imman, haadhooliin hoosisaniifi ulfaa irra rakkoon mul'atu cimaadha.''

Sadarkaa hir'ina nyaataa sadarkaa addunyaatiin yoo safaramu, harka 25 gaheera. Biyyi tokko yoo parsantaa 15 irra gahe balaarra akka jirtu hubatamuun, deeggarsa nyaataa raabsuuf karoorri baafama. Amma nu biratti parsantaa 25 irra gaheera,'' jechuun dabaluun dubbataniiru.

Sadarkaan beelaa aanaarraa aanaatti garaa garummaa qabaachuu kan himan Dr Hagoos, ''lakkoofsa jidduugalaatiin himaa jirra malee aanaalee tokko tokko keessatti parsantaa 30 irra gaheera. Amma deeggarsi atattamaa dhiyaachuu yoo baate gara haala bara 77tti sanatti ce'uu daneenya,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Naannoo Tigraayiitti daa'imman umuriinsaanii waggaa tokkoon gadii ta'an 250,000 ol akka ta'an kan dubbatan ittigaafatamaan biiroo fayyaa kun, kan waggaa shanii gadii ammoo miliyoona tokko ta'u jedhan.

''Isaan keessaa kanneen parsantaa 60 -70 ta'an balaa beelaa irratti kan kufan yoo ta'an, ammaan tanatti daa'imman hospitaalota seenan irra caalaan kanneen beela waliin walqabachuun rakkoo isaan mudateen,'' jedhan.

Keellaawwan fayyaa tajaajilawwan fayyaa adda addaa akka kennaniif irraa eegamulleen, kan raawwataa akka hinjirre kan dubbatan Dr Hagoos, namoonni beelaan miidhaman gara hospitaalotaa dhaqanis hospitaaloonni dhiyeessitii nyaataa gahaa waan hinqabneef rakkinichi caalaa rakkisaa ta'u himaniiru.

''Rakkoo cimaan ammoo hospitaalotatti nyaanni gahaa dhabamuusaati. Namoota siree qabatanii wallaanamiif nyaanni gahaan hinjiru.''

''Dubartoonni ulfaa fi hoosisanis akkasumas rakkoo cimaa keessatti argamu. Nyaata gahaa hinargatan. Kan argatanis dursa ijoolleefi maatii isaaniif oolchu. Sababii kanaatiin ammaan kanatti dubartoonni ulfaafi hoosisan parsantaa 78 rakkoo irratti argamu.''

Dhaabbileen fayyaa Tigraayiitti argaman parsantaan 90 tajaajilaan ala ta'usaanii Dr Hagoos dabaluun himaniiru.

''Hojjattoonni fayyaa keenya 22,000 olii bittinaa'aniiru. Hojjattoonni gara 37 ta'an osoo tajaajila kennaa jiranu ajjeeffamaniiru. Tigraay Lixaa keessatti qofa ogeessonni fayyaa 78 ta'an miidhaan qaamaa irra gaheera.''

Dhaabbileen fayyaa tajaajila wallaansaa fi meeshaalee fayyaa gosa kamiitu akka hinqabne dabaluun himaniiru.

''Tigraay keessa qoricha kan jedhamu hinjiru,'' kan jedhan ittigaafatamaan biiroo fayyaa Dr Hagoos, kanneen rakkoo onnee qabaniif, kanneen HIV fi sukkaara dhukkubsataniif yoo xinnaate baatii sadi sadiif qoricha dabalataa ni barbaachisa ture,'' jedhan.

Dhibee busaa dabalatee, namoonni dhibee garaa garaatiin miidhamaa jiru,'' kan jedhan Dr Hagoos, qorichi ture dhumuun amma haala rakkisaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoon Tigraay harka finciltoota TPLFtti galuusaa hordofee, sararawwan qunnamtii kan adda kutaman yoo ta'u, tajaajilli baankii, telekomunikeshinii akkasumas ibsaan adda citeera.

Ittigaafatamaan biiroo fayyaa naannichaa kun ''maallaqni callaan homtu hinjiru. Hir'inni tajaajila fayyaaf kanuma waliin kan wal qabatuudha. Amma bilisaan hojjataa jirra.''

Baatiiwwan sadan darbaniif humnootiin TPLF erga irra jireessa naannichaa to'atan irraa kaasee, daandiilee fi malli qunnamtii hundi cufamusaanitiin ummanni naannichaa parsantaa 90 ta'u balaa hir'ina nyaataaf akka saaxilame odeeffannoon dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii baase ni mul'isa.

Waraanni Tigraay waggaa guutuuf torbanoonni muraasni hafee, miidhaa namoomaa olaanaa qaqqabsiisuun, dhaabbileen fayyaa hedduunis barbadaa'aniiru.