Waraana Tigraay: Konkolaattonni meeshaalee deeggarsaa fe'an Itoophiyaa keessatti maaliif ugguramu?

Madda suuraa, WFP
Deeggarsa nyaataa lammiilee naannoo Tigraay miidhamaniif dhiyeessuurratti hanqinni guddoon mudachuu ilaalchisee akka sababaatti kan ka'u waa'een ugguramuu konkolaattota UN ammallee akkaan falmisiisaa ta'ee jira.
Konkolaattonni dilli sun maaliif akka osoo hin deebi'in hafanii fi sababa kanaan adeemsa deeggarsa namoomaa gufachiisuun maaliif akka barbaachise ifa miti.
Akka UN jedhutti giddu galeessa Adoolessa darbeerraa kaasee hanga Fulbaana kanaatti konkolaattonni dhibbaan lakkaa'aman gara Tigraay imalanii hanga yoonaa hin deebi'in jiru.
Deeggarsa midhaan nyaataa fi kaan akkaan barbaachisoo ta'an akka lammiilee bira hin geenye kan hudhaa ta'aa jiru maal akka ta'e adda baasneerra.
Konkolaattota meeshaalee deeggarsaa fe'an maaltu mudate?
Meeshaaleen deeggarsaa lammiilee naannoo Tigraay keessatti rakkataniif kan qaqqabu lafoo geejjibsiifamuuni. Innis karaa Affaar qofa.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa UN, lammiilee naannoo Tigraay keessatti rakkatan gargaaruuf guyyaatti konkolaattonni deeggarsa fe'an 100 ta'an gara naannochaa seenuu qabu jedhu.
Ji'a Adoolessaa irraa kaasee hanga Fulbaana kanaatti konkolaattonni 466 meeshaalee deeggarsa namoomaa qabatanii gara Tigraay imalanis hanga yoonaa konkolaattota 38 qofatu deebi'an jedhe UN.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dubbi himaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) "Yeroo ammaa akka deeggarsa namoomaa gara Tigraay hin geessineef kan hudhaa ta'ee jiru isa kanadha. Sababa hanqinni konkolaattota fe'umsaa nu mudateef jecha nyaataa fi meeshaalee kaan garas geejjibsiisuu hin dandeenye,'' jedhan.
Konkolaattonni maaf Tigraay keessaa hin deebi'in hafan?
Konkolaattonni fe'umsaa kunneen eessa akka jiran UN gaafannus, ammallee akka hin qulqulleeffanne nutti himan.
Finciltoonni Tigraay rakkoo mudateef mootummaa Itoophiyaa komatu.
"Konkolaachistootaaf boba'aa hanga Tigraayitti isaan ga'u qofatu kennameef. Kan isaan deebisuu danda'u hin qaban,'' jedhe TPLF.

Madda suuraa, Reuters
Konkolaachistoonni hedduunsaanii dhalattoota Tigraay ta'an bakka sakatta'aman hundatti waraana Itoophiyaa fi hidhattoota naannootiin akka hiraarfaman hime TPLF.
Kanaaf konkolaachistoonni kunneen of duuba deebi'anii ammas dararamuu hin fedhan jedhe.
Baay'ina maallaqa harkatti qabatanii deemanii irrattis daangaatu jira, dabalataan tajaajilli baankii Tigraay keessa waan hin jirreef erga achi ga'anii boodas ta'e of duuba deebi'uuf maallaqa hin aragatan.
Mootummaan Itoophiyaa akka jedhutti konkolaattonni kunneen deebi'uu dhabuun adeemsa deeggarsa namoomaa gufachiiseera.
Komishinarri Hooggansa Balaa Tasaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa garuu, hanqinni boba'aa TPLF akka sababaatti eere gonkumaa sababa ta'uu hin danda'u jedhe.
Aanga'oonni mootummaa federaalaa hedduun konkolaattonni fe'umsaa kunneen humnoota TPLF'n ugguramuu himu.
Kanaaf garuu hanga ammaatti ragaa ga'aan hin jiru.
Humnoonni TPLF Adoolessa gara boodaarra ulaa deeggarsi ittiin gara Tigraay seenu Affaar seenuu isaaniirraan kan hafe wanti akka ragaatti ka'e hin jiru.
Waa'ee rakkoo boba'aa hagam beekna?
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa Namomaa (OCHA), konkolaattonni deebi'uu dhabuusaaniif akka sababaatti kan eerame, ''hanqina boba'aa fi sodaa rakkoo nageenyaati,'' jedhe.
UN gamasaan waa'ee boba'aa naannoo Tigraay irratti yaaddoo akka qabu torbanoota darban ibsaa ture.
Taanakroonni boba'aa fe'an akka naannocha hin seenne dhorkamuu kaasuun, kun sirrii akka hin taane ibseera UN.

Madda suuraa, WFP
"Konkolaattonni boba'aa fe'an Affaar keessatti waraqaa eeyyamaa dhorkamuun danqamaniiru,'' jedhe UN.
Walga'ii UN fi dhaabbilee gargaarsaa biroo Hagayya darbe taa'amerratti hanqinni maallaqaa fi boba'aa akka rakkoo ijootti ka'e.
Dhaabbileen kunneen akkas jedhan: ''Sababa hanqina maallaqaa fi boba'aatiin konkolaattonni gara Tigraay imalan deebi'uu dadhaban.''
UN akka jedhutti torbanitti boba'aa liitira 200,000tu barbaachisa, garuu erga Adoolessaatii hanga ammaatti boba'aa llitira 300,000 qofatu garas fe'ame.
Yeroo dhumaaf boba'aan gara Tigraay kan fe'ame Adoolessa 29 ture, boba'aan jiru guutummaatti kan dhume ammoo Fulbaana 17 ture jedhe UN.
Taankaroonni boba'aa gara Tigraay imaluun irra ture sagala Affaar keessatti ugguramanii jiru, kun kan ta'e Fulbaana 21 yoo ta'u sababni ammoo eeyyama mootummaa eeggataa akka jiraniidha.
Haalli nageenyaa maal fakkaata?
Qondaalli deeggarsa namoomaa Tigraay jiru tokko tibbana akka AFPtti himetti, konkolaachistooni dhalootaan Tigree ta'an hedduun iddoowwan sakatta'iinsaa naannichaan ala jiran maratti guddoo dararamu.
UN akkas jedhe: ''Sababoota konkolaachistoonni dhiyeessan keessaa tokko rakkoo nageenyaati. Reebamuu, dararamuu, arrabsamuu fi saamamuun daandii Samaraa irraa gara Maqalee geessu irratti isaan mudataa jira.''
UN Hagayya darbe akka gabaasetti miseensa isaa gara Tigraay imalaa ture tokko dararaa fi reebichi irra ga'eera.
Miseensichi poolisii humna addaa naannoo Affaar himate.
Mootummaan Itoophiyaa sochii deeggarsa namoomaa saffisiisuuf jecha iddoowwan sakkatta'iinsaa torba ture gara lamaatti xiqqeessuu hime.

















