US dubbii Diyaaqoon Daani'eel Kibrat 'haasaa jibbinsaa hamaadha' jechuun balaaleffatte

Diyaaqoon Daani'eel Kibrat

Madda suuraa, Prime Minister Office

Gorsaan dhimmoota hawaasummaa MM Abiy Ahimad Diyaaqoon Daani'eel Kibrat waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee yaadni kennan mootummaa Ameerikaan balaaleffatame.

Haasaan hooggana amantaa fi nama siyaasaa Diyaaqoon Daani'eel Kibrat kun ''haasaa jibbinsa sabaati, waraana waliini hammeessa'' jedhamuun tibba kana miidiyaa hawaasaa gubbaattis ijoo dubbii ta'ee ture.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa US Wiixata darbe dubbii Diyaaqoon Daani'eel kana irratti yaada kennaniin ''haasaan jibbinsaa akkaasii hamaafi fudhatama kan hin qabneedha'' jechuun dubbachuu AFP'tu gabaase.

Amma dura gorsaan duguuggaa sanyii UN fi hooggantuun dhaabbata gargaarsaa US Samaantaa Paawar, waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee, aanga'ootni mootummaa olaanoon dubbiiwwan jibbinsaa namooma xiqqeessan fayyadamuun isaanii yaaddoo itti uumuu ibsanii turan.

Ta'uus haasaan Diyaaqoon Daani'eel Kibrat xiyyeeffannoo mootummaa Ameerikaa argatee deebiin yeroo irratti kennamu kun isa jalabaati jedhameera.

Diyaaqoon Daani'eel maal jedhan?

Qondaaltota mootummaa naannoo Amaaraafii kan federaalaa tibba darbe naannoo Amaaraa bakka miidhaan waraanaa qaqqabe deemanii daawwatanii ture.

Daawwannaa kana irratti dubbii kan taasisan Diyaaqoon Daani'eel qaamolee ''isaan'' ittiin jedhaniin ''addunyaarraa qofa osoo hin taane qalbii namaa keessaas balleessuu qabna'' jedhan.

AFP'n Diyaaqoon Daani'eel haasaa isaanii dheekkamsa kaase kana irratti ibsa akka kennan gaafatee deebii gabaabaa argachuu gabaasa isaa keessatti eereera.

''Isaan jechu jedhu kan ilaallatu garee shororkeessaa TPLF'n jechuun'' karaa ergaa gabaaba deebisaniiru.

Dhaabbata miti mootummaa 'Global Center for the Responsiblity to Protect' jedhamutti hoji gaggeessaa olaanaa kan ta'an Simoon Adamaas AFP'f yaada kennaniin haasaan Daani'eel dhugumatti kan nama jeequufi ofeeggannoon kan isa hankaakudha'' jedhan.

Itti dabaluunis'' Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsa saba irratti xiyyeefatan dabaluu yeroo ilaallu Daani'eel dimshaashatti dhalattoota Tigraayiin caalatti waayee TPLF qofa dubbate isa jedhu tilmaamuun ni ulfaata'' jedhu.

AFP'n aanga'aa mootummaa kan maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan tokko dhimma kanarratti dubbisee '' Daani'eel yaada dhunfaa isaa dubbate'' jechuun dhalattoota Tigraay maraan hin jennee yaada jedhu argachuu gabaaseera.

Amma duras yaada MM Abiy Ahimad marsaalee miidiyaa hawaasasa isaanii gubbaatti maxxansanii turan akkasuma jechoota namooma xiqqeessaniidha jedhamuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti ijoo dubbii ta'ee ture.

Sadaasa darbe naannoo Tigraay keessatti erga waraanni dhalatee booda Finfinnee fi naannolee kaan keessatti dhalattootni Tigraay sababa sabummaa isaaniin haleellaaf saaxilamaniiru gabaasni jedhu jaarmiyaalee mirga namoomaaf falmaniin bahaa ture.

Mootummaan gama isaan namoota dhaaba shororkeessaa ittiin jedhe TPLF warra hariiroo qaban malee nama eenyummaa isaa irratti hundaa'uun hin miine jedha.

Waraanni Tigraay keessatti ji'ootaaf gaggeeffamaa ture wayita humnootni TPLF naannoo isaanii keessaa bahuun naannolee ollaa akka Affaariifi Amaaraa haleelan daranuu hammaateera.

Sababa waraana kanaa namootni kumoota hedduun lakkaawwaman lubbuu yoo dhaban miiliyoonaan kan lakkaawamanqe'eerraa buqqa'uun deeggarsa namoomaa eeguuf dirqamaniiru.