Waraana Tigiraay: 'Waraanni Itoophiyaa biyyoota Afriikaa hundatti babal'achuuf sodaachiseera' -UN

Miishel Baashileet

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miishel Baashileet

Waraanni Tigraayitti ji'oota 10 dura eegalee dhiyeenyammoo naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'ate, biyyoota gaanfa Afrikaa mara gooluuf akka sodaachise, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaantuun Mirgoota Namoomaa Misheel Baashileet Wiixata kaleessaa akeekkachiisan.

Yaa'ii waggaa Komishinii Mirgoota Namoomaa UN 48ffaa Wiixata kaleessaa Jeneevaatti taa'amerratti ture komishinarittiin kana kan dubbatan.

Komishinarittiin haalota ji'oota muraasa darban keessa naannoo Tigraayiin walqabatee ture wayita yaa'ichaaf ibsan, dhalattoota Tigraay hidhaan jumlaa, ajjeechaa, saamichi fi haleellaan saalaa mudachuu ibsan.

Haalli kun lammiilee hedduun jireenya yaaddoo fi gadaddoo akka jiraatan fi hedduun akka sodaatanii buqqa'an taasiseeras jdhan.

Qorannoo UN fi Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa

Komishinar Misheel Baashileet qorannoo waajjirri isaanii Komishinii mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun naannoo Tigraayitti gaggeesse ilaalchisuun waan hanga ammaa irra ga'an irrattis ibsa kennaniiru.

Gareen qorannoo kun gara Maqalee, Kibbaa fi Baha Tigraay imaluu akka danda'ee fi magaalaa Aksum imaluun haala jiru qoracuu akka hin dandeenye ibsan.

Aksum qofa osoo hin taane gara giddu galeessaa fi Baha Tigraay imaluuf karoorri qabamee tures hin milkoofne jedhan.

Bu'aan qorannoo waloo Onkoloolessa xumura irratti ni ba'a jedhamee eegama jedhan komishinarri kun.

Konshinarri Komshinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'ee Baqqale(PhD) yaa'icharratti dhaamsa dabarsaniin, yeroo ammaa gareen waloon bobba'e kun odeeffannoo argate qindeessaa jiraachuu fi ammatti sadarkaa bu'aa qorannoo ibsanirra akka hin geenya himan.

Dhiittaawwan mirgoota namoomaa qoratamanii fi xiinxalamaa jiran ilaalchisuun deebii gama mootummaan jiru mana maree UN'f kan ibsan Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Geediyoon Ximootiwoos(PhD), qorannoo qaamni UN fi Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa waliin gaggeessaa jiraniif gatii akka kennan ibsanii, bu'aan inni dhumaa garuu haala kanaan guutuu ta'ee ba'a jedhanii akka hin eegne himan.

Qorannoo gaggeessuuf tattaaffii godhamaa jiru mootummaansaanii kan deggeru ta'uu kan ibse Geediyoon, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Gamtaa Afrikaas seerota ba'an sarbeera jechuun komate.

"Komishiniinii mirgoota namoomaa Gamtaa Afrikaa haala barameen ala ba'eera. Walabaa fi gartummaa tokko malee qorannoo gochuu dhiisee, addasaatti qorannoo gaggeessuuf murteesse. Mootummaan Itoophiyaa isa kana hin fudhatu," jedhe.

Namoota meeshaa waraanaa qabatanii fiigan

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Haasaa Komishinii mirgoota namoomaa UN

Komishinar Misheel Baashileet waan dhiyeenya naannoo Tigraay keessatti ta'aa jirurratti ibsa bal'aa kennaniiru.

Humnoonni mootummaa fi waahillan isaanii dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu itti fufaniiru gabaasi jedhu ba'aa jiraachuu kaasan.

Keesattuu dhiyeenya kanammoo gabaasonni miira namaa jeeqan isaan qaqqabaa jiraachuu eeran.

Reenfi namaa hedduun handaara laga Lixa Tigraay fi Sudaan gidduu jiru Takazeetti namoota qurxummii kiyyeessaniin argamuu himan.

Kanneen reenfi isaanii argame hedduun kan rasaasaan rukutamanii fi harki isaanii duubatti hidhame ta'uu akka adda baasan kan himan qondaalli kun, kana jechuun ajjeefamuusaaniin dura dararaan irra ga'uu mul'isa jedhan.

Lixa Tigraayitti bakkeewwan hedduutti hidhan dhalattoota Tigraay irratti raawwatamaa jiraachuus ibsan.

Magaalaa Finfinneettis dhalattoota Tigraay adda baasuun hidhuu fi qabeenyasaanii saamsuun akka isaan yaaddesse ibsan.

Sababa waraanni Tigraay gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar babal'ateef dhiittaan mirga namoomaa naannolee kunneen keessatti heddummaachuusaa gabaasa isaan ga'uu yaa'ii kanarratti kaasaniiru.

Sababa lola kanaan naannoo Amaaraa keessaa lammiileen 76,500 ta'an, naannoo Affaar keessaaa namoonni 200,000 ta'an qe'eesaanniirraa buqqa'aniiru.

Waraana dhiyeenya gaggeeffamaa jiruun namoonni 200 ta'an ajjeefamuu fi daa'imman hedduun kanneen ajjeefaman ta'uu himan.

Korri mana maree UN yeroo gaggeeffamu

Madda suuraa, Eystone/EHRC

Dhimmoota dhiyeenya kana uumamanirratti komishinichi maal jedhe?

Komishinichi erga mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labseen booda dhimmoota mirgootaafi gargaarsa namoomaa ilaalchisee jijiiramawwan jiran ibseera.

Yeroo sanatti dhukaasa dhaabuufi sochiin loltummaa hambisuun gargaarsa namoomaa foyyeessuufi garaa nagaa akeekuuf abduu kan uume ture jedhan. Kanarraa ka'uunis gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun fooyya'insa kan agarsiise ture jechuun, "ummanni %75 ta'u, bakka hojiin gargarsa namoomaa itti hojjetamu keessa jiraatu ture," jedhan.

Haata'u malee, torban sadii keessatti rakkoowwan mumul'atan dhalataniiru jechuun ibsana Komishinarri kun.

Rakkoo kanaaf akka sababaatti kan kaa'an ammoo TPLF dhukaasa dhaabuu kana fudhachuudhaaf haal-dureewwan dhaabuun naannolee hollaa keessatti lola jelqabuuha.

Kanaan walqabatees sochiiwwan gargaarsa dhiyeessuu gufachuu eeraniiru. Naannolee hollaa keessa humnoota jiran walitti qabuurraa kaasee waraanichaaf qajeelfama biyyaleessaarraa kennuu akkasumas lolichaaf deebii kennuun jalqabame jechuun ibsan.

Waraanichi daran hammaachuu isaatiin walqabatees, toorawwan komunikeeshinii dabalatee tajaajilawwan bu'uuraa ummataa akka miidhaman ifa ta'uu ibsu.

Kanaaf, waraana ji'oota darba keessa uumamee babal'ate kaasuun walitti bu'insa Tigraay kan jedhu maqaa dogongora ta'eera jedhu. Waraanichi naannolee hollaa, Affaariifi Amaaraa galeera. Sababa kanaanis namoonni kumaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa akka buqqa'an eeruun, kun ammoo Tigraayiifi kutraaleen biyyattii biroo keessatti namoota buqqa'an hedduu dabalatee rakkoo kana achaa hammeesseera jedhu.

Lolli kun ammoo namoota nagaa, geejjibaafi bu'uuraalee misoomaarratti kan xiyyeeffatan ta'uu isaaniillee eeraniiru.

Waqtiin ammaa kun Gannaa kan qonnaan-bultoonni itti qotatan ta'ullee, sochiin qonnoo akka gufateeru ibsu Komishinarri kun.

Kana malees, Dr Daani'eel akka ibsanitti, hawaasni addunyaa walxaxaa ta'uu rakkoo kanaa hubachuuf akka yaalanis hubachiisaniiru.

"Miseensonni mana maree hubachuu kan qaban haalli mirgoota namoomaa akka ilaalan kana gur'aachaafi adii kan ta'e miti. Baayyee walxaxaa kan ta'eefi qaamoleen walitti bu'insa keessatti hirmaatan hunduu loltoonni isaaniifi deeggartoonni isaanii sarbama mirgoota namoomaafi qabeenya manca'an keessaa harka akka qaban ragaaleen ni jiru. Miidhaa saal-qunnamtii qaqqabsiisuufi ijoollee loltummaatti galchuu dabalatee," jedhan.

Furmaata kaawwaman

Komishinarichi dubbii yeroo kana dubbataniin, yeroo ammaa kana harkifataa ta'us gama lamaanuurraa gara mariitti deebi'uufi kaka'umsi hawaasa idil-addunyaarraa dhiyaatan kan jajjabeessu ta'uu eerana.

Rakkoo mirgoota namoomaa Itoophiyaa furuudhaaf michoonni idil-addunyaa carraaqan gahee hiika qabeessaafi ijaaraa ta'e ba'achuu yoo barbaadan seenaa rakkoo siyaasaa walxaxaafi duubbee isaa guutummaatti hubannoo qabaachuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

"Hawaasni idil-addunyaafi miseensonni mana maree kanaa hubachuu kan qabu rakkoo walxataa kana keessatti adda durummaan kan miidhaman Itoophiyaanotadha. Hawaasni addunyaa gahee ijaaru ba'achuu kan danda'u seenaafi dudduubee rakkoo kanaa hubachuu yoo danda'anidha," jedhan.

Misheellil Baachilet gamasheetiin walumaagalatti tajaajilli telekoomunikeeshiniifi interneetii, akkasumas bu'uuraaleen misoomaa addaan cituu isaa yaadachuun, ammas taanaan hawaasni addunyaa, qaamoleen mirgoota namoomaafi gargaarsaa ardiirra jiraniifi kan biyyaalessaa dhorkaa tokko malee qaqqabuu qabu jehaniiru.

Walitti bu'insa Tigraay ala jiran dhaabsisuufis carraaqqii dabalataa akka barbaachisu eeruun, falli isaa waraanaan ta'uu hin anda'u jedhaniiru.

Walitti bu'iinsa Tigraay keessatti uumame kanaaf furmaanni argamuun kan danda'u adeemsa siyaasaafi mariin qofa jechuun qaamoleen hunduu lola kana haal-duree tokko malee akka dhaabaniifi dhukaasa dhaabuu waara'aaf akka waliin mariyataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Nageenyi waara'aan kan dhufu marii itti-gaafatamummaa, dhugaatti hunda hirmaachiseefi adeemsa araara biyyaalessaa qofaan ta'uu eeruun, gama kanaan yaaliin jaarsummaa Gamtaan Afrikaa taasisu akka dinqisiifatan ibsaniiru.

"Karaa itiin Itoophiyaan diigamuu maltu hambisuudhaaf ijaarsa nagaa hiika qabeessa ta'eefi carraaqqii araraatiin mufiiwwan jiran hiikamuu qabu; kun ammoo biyyattiifis ta'e Gaanfa Afrikaatiif hiika guddaa qaba," jedhaniiru.

"Waadaa hawaasummaa mootummaafi ummata gidduu jiru haaromsuudhaaf kallattii hundaan carraaqqiiwwan qabatamoo ta'an taasifamuu qabu. Itoophiyaanonn mirgoota bu'uuraafi bilisummaa isaaniitti guutummaan guutuutti gammaduu kan danda'an kun takkaaf yoo argame qofaadha," jechuun ibsaniiru.