Manguddonni, hogganooti addunyaa Itoophiyaatti dhukaasi akka dhaabbatu, mariin akka eegalu gaafatan

Madda suuraa, The Elders/Twitter
Miseensonni garee walabaa, hoggantooti addunyaa ‘The elders’ gareewwaan waraana Tigraay irratti hirmaachaa jiran waraana dhaabuun akka mari’atan jajjabeessuuf tarkaanfiin akka fudhatamu mana maree nageenyaa UN gaafatan.
Gareen kuni yaada kana kan dhiyeesse nageenyaa fi nagaa addunyaalessaa buusuuf manni maree nageenyaa shoora qaburratti dubbachuuf guyyaa kaleessaa 8/9/2021 kora taa’amerrattidha.
Manni marichi tokkummaadhaan tarkaanfii akka fudhatuuf gahumsaan rakkoo wal-xaxaa furuuf qooda akka fudhatu gaafatameera.
Addunyaarratti rakkoowwan mudachaa jiran keessaa waraana naannoo Tigraay, dhimmi Afgaanistaan, Maayaanmaar fi Paalastaayiin fa’i ka’aniiru.
‘’Waraana kana dhaabsisuun gidiraa kana dhaabuuf filannoo geeddaraa hin qabne dha,’’ jechuun walitti qabduu garee kanaa kan tahan pireezidantiin duraanii Ayarlaandiifi UNtti koomishinariin mirgoota namoomaa Meerii Roobinsan dubbataniiru.
Waraanichi hammaachuurraan kan ka’e eegumsi dubartootaafi daa’immanii dursi kennamuufi akka qabu xiyyeeffannoo kennuun dubbatan.
‘’Sababa waraana kanaan sarbama mirgoota namoomaa mudachaa jiruufi dhimmi wabii nyaataa rakkoo keessa galuu mana marichaaf kana dura ibsi kennameera.
Kana malees waraana naannoo Tigraayitti gudeeddiifi beelli akka meeshaa waraanaatti fayyadurra darbee sarbamni mirgaa bal’inaan raawwataa jira,’’ jedhan.
Kana malees manni marichi dhugaa lafarra jiru hubachuuf Tigaraay dabalatee Itoophiyaatti daawwannaa akka taasisuufi furmaatni siyaasaa atattamaa akka kennamu himameera. Walitti qabduun kuni ‘furmaatni waraanaa waan tahu mitii,’’ jedhan.
Yeroo kanatti UNtti bakka buutuun Ameerikaa Ambaasaaddar Lindaa Toomaas Giriinfiild, ’’maree gareen kuni dhimma Itoophiyaa irratti gochaa jiru ni deeggarra,’’ jedhan.
Dabalataan pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliiseegoon Obaasaanjoo Gaanfa Afrikaatti, bakka bu’aa olaanaa Gamtaa Afrkaa, tahanii muudamuun tarkaanfii gaariidha jedhan.
Waraanni humnoota Tigraayiifi mootummaa gidduu adeemaa jiru erga jalqabee ji’a kudhanaffaa kan lakkoofsise yoo tahu naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal’achuun namoota walakkaa miiliyoonaa tahan qe’eerraa buqqaaseera.
Waraana Naannoo Affaar jiruun wal-qabtee namoonni kuma 112 ol tahan qe’eerraa buqqa’uu Sagantaan Nyaataa Addunyaa Itoophiyaatti socho’u beeksiseera.
Naannoo Tigraayitti namoonni kuma 900 tahan sadarkaa beelaaf saaxilamurra kan gahan yoo tahu, kanneen miiliyoona shan tahan deeggarsi namoomaa atattamaa akka isaan barbaachisu USAID beeksiseera.
Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF waraaana 24/2013 A.L.I irraa kaasee taasisaniin namoota nagaa kumaatamaan lakkaa’amifi loltoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne ajjeefamaniiru.














