Chaayinaan Afgaanistaaniif deeggarsa hatattamaa doolaara mil. 31 kennuufi

Nama lilmoo harkatti qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan deeggarsa nyaataafi talaallii koronaavaayirasii dabalatee Afgaanistaaniif doolaara miiliyoona 31 kennuuf waadaa seente.

Akka Chaayinaan jettetti deeggarsi kuni mootummaa Taalibaan waliin hariiroo itti-fufuuf qophii tahuu agarsiisa.

Mootummaan yeroo hundaa’uunsaa ‘tasgabbii Afgaanistaaniif tarkaanfii barbaachisaa dha,’’ jette.

Taalibaan torbee darbe keessa ture ‘’Imireetii Islaamaa’’ jechuun mootummaa yeroo kan hundeesse.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan biyyi isaanii Taalibaaniif beekamtii kennuurratti ‘’baayyee fagoo jirti,’’ jedhan.

Haala kana keessatti Chaayinaan saffisaan tarkaanfii kana fudhatte.

Ministirri Hajaa Alaa Chaayinaa Waang Yii gargaarsa kana kan labsan Roobii kaleessaa, ollaawwan Afgaanistaan Paakistaan, Iraan, Taajikistaan, Uzbeekistaaniifi Tarkmeenistaan waliin walgahii taasisan irratti dha.

Biyyootni kunneen Afgaanistaan gargaaruu irratti akka tumsan gaafatan ministirichi, dabaluunis talaallii miiliyoona 3 Chaayinaan akka kennitu himan.

Gama biraan Chaayinaan US Afgaanistaan irratti miidhaa jabaa qaqqabsiiste jechuun achii yeroo baatetti qeeqaa turte.

Qondaalli biyyattii Ameerikaan ‘’guyyaa jalqabaa hanga sa’atii achii baatutti uummata Afgaanistaan irratti miidhaa jabaa qaqqabsiiste,’’ jedhan.

Dubbii himaan Ministeera Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin,’’Dalagaan Ameerikaan waggaa 20 darban keessatti Afgaanistaan irratti raawwattee fakkeenya ifaa waraana hiika hin qabneefi yaalii ilaalcha ofii kaanirratti fe’uuti,’’ jedhan.

Taalibaan Chaayinaadhaan michuu baayyee nu barbaachiftu jechuun biyya waraanaan miidhamte bayyanachiisuuf invastimantiifi deeggarsaaf Chaayinaarraa abdii akka qaban hime

Beejiing Taalibaan waliin hariiroo gaarii uumuuf tattaaffii jabaa taasisteetti.

Taalibaan Afgaanistaan otoo hin to’atiin dura baatii Chaayinaan Adoolessaa keessa bakka buutota garee kanaa kanneen turan affeeruun deeggarsa diinagdee dhiyeessuun cina biyyattiin shororkeessitootaaf wal-tajjii akka hin taane akeekkachiistee turte.

Haa tahu malee Chaayinaan dhimma kanarratti hawaasa biyyashee gariin Taalibaaniin hin fudhanne dhimma Afgaanistaan deeggaruu irratti amaniisuu hin dandeenye.