Kaaliid Sheek Mohaammad: Namichi haleellaa '9/11 adda durummaan qindeesse' akkamiin FBI jala miliqe

fakkuu suuraa mana murtii keessaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad bara 2012 mana murtiitti
    • Barreessaa, Gordan Koreeraa fi Istiiv Iswaan
    • Gahee, BBC News

Namicha waggaa 20 dura xiyyaarota butuun gamoowwan Ameerikaatti buuse, lubbuu nama hedduu gaaga'e mana hidhaa keessatti murtee eeggataa jira. Namicha kana dhaabsisuun ni danda'ama ture?

"Nama ani qabuu danda'u ture."

Wayita xiyyaaronni lama dabareen gamoowwan lakkuu Ameerikaatti diraman, Firaank Pelegiriinoon Maleezhiyaa kutaa hoteelaa isaa keessa taa'ee TVn ilaalaa ture. Yaadni jalqaba sammuu isaatti dhufe, "Yaa Rabbi, Kaaliid Sheek Mohaammad ta'uu hin oolu," kan jedhu ture.

Gamoowwan irratti qiyyaafatamee fi abjuun haleellaa kana raawwachuu namtichi qabu walirra bu'eef. Pelegiriinoon ammoo bakka sana beekuuf isa dandeessisu ture.

Qondaalli basaasaa duraanii FBI Firaank Pelegiriinoon waggoota soddoma darbaniif Kaaliid Sheek Mohaammad hordofaa ture. Ta'us namni adda durummaan haleellaa 9/11 qindeesse kun ammallee itti hin murtoofne.

Abukaatoon Mohaammad dhimmi kun hanga murtee argatuutti waggaa 20 ol turuu mala jechuun BBC'tti hime.

Pireezidant Joorji Buush bakka gamoo haleellaa 9/11n jijjigetti argamuun wayita haasawa godhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Joorji Buush bakka gamoo haleellaa 9/11n jijjigetti argamuun wayita haasawa godhan

Osaamaa Bin Laadan hogganaan al-Qaayidaa yeroo sanaa, nama haleellaa 9/11f itti gaafatamu jedhama. Haata'u malee kallattiin haleellaa kana qindeessuun 'arkiteektii olaanaa' haleellicha jedhamee kan beekamu 'KSM' ykn Kaaliid Sheek Mohaammad nama jedhamudha.

Akka komiishiniin haleellaa kana qorate jedhutti yaadicha kan maddisiisee fi al-Qaayidaaf dhiyeesse nama kana.

Kuweetitti dhalate, waraanni Afgaanistaan baroota 1980 eegaluu dura Ameerikaa keessatti barate. Haleellaa 9/11 waggoota dura qondaalli FBI Firaank Pelegiriinoo jihaadiistii kana hordofaa ture.

Haleellaa 9/11 Fulbaana 11 bara 2001 'World Trade Center' irratti raawwatameen dura, bara 1993 haleellaan boombii biroo achumatti raawwatamee ture.

Haleellaa bara 1993 sana akka qoratu kan ramadame ammoo Firaank Pelegiriinoodha.

Maqaan Kaaliid Sheek Mohaammad jedhamu aanga'oota Ameerikaa biratti jalqaba kan dhagahame yeroo kana ture.

Mohaammad yeroos namoota haleellaa boombii sana raawwataniif dursee maallaqa dabarseefi ture. Bara 1995 Mohaammad shira xiyyaarota idil-addunyaa hedduu dhoosuuf shirameen hidhata akka qabu bira gahame. Qondaalli FBI abjuu Mohaammad kan hubate yeroos ture. Walakkeessa baroota 1990 Pelegiriinoon namicha kana hordofee Qaataaritti qabachuuf bira gahee ture.

Pelegiriinoo fi gareen isaa gara Omaan imalanii achii Qaataaritti qaxxaamuruun Mohaammad qabuuf deeman. Xiyyaarri shakkamaa kana gara Ameerikaa deebisus qophaa'ee ture. Garuu dippiloomaatota Ameerikaa achi jiranirraa mormiin isa mudate. Pelegiriinoon Qaataaritti ambaasaaddara Ameerikaa fi dippiloomaatota kaan imbaasii keessatti argee Mohaammad shira xiyyaarota dhoosuu hidhata akka qabu bira gahamuu itti himullee isaan garuu biyya ormaa keessatti hokkora uumuu sodaatan.

"Akkan tilmaama kootti, kana gochuun doonii tasgabbaa'e sochoosuu (haala to'annoo jala oolfame jiru tokko deebisanii jeequu) ta'a jedhanii yaadan," jedha.

Frank Pellegrino

Madda suuraa, Frank Pellegrino

Ibsa waa'ee suuraa, Pelegiriinoo bara 1987 fi bara 2020

Boodarra aanga'oonni Qaataar Mohaammad akka miliqe itti himu ambaasaaddarri Pelegiriinootti hime. "Aarii fi abdii kutannaatu ture, carraa nu harkaa miliqe akka ta'e barree ture," jedha Pelegiriinoon.

Garuu ammoo yeroos Mohaammad akka nama baay'ee barbaadamaatti hin ilaalamu tures jedha. Namoota Ameerikaan barbadaman 10 keessatti akka tarreeffamu gochuuf yaalee itti hin milkoofne.

Mohaammadis Ameerikaan akka isa barbaaddu eeruu argachuu hin oolle, Qaataar gadhiisee gara Afgaanistaan baqate.

Waggoota muraasa itti aanan maqaan KSM deddeebi'ee dhufuu itti fufe. Yeroo hedduu maqaa fi bilbilli isaa namoota shororkeessummaan shakkamanii qabaman harkatti argama. Kunis namichi hidhata akka qabu ifatti ragaa bahe. Yeroo kana ture kan inni yaada paayileetota leenjisuun gamoowwan Ameerikaa gurguddootti buusuu qabatee gara Bin Laadan kan deeme.

Sana booda haleellaan 9/11 mudate. Shakkiin Pelegiriinoon haleellaa kana keessaa KSM harka qabaachuu hin oolu jedhe, wayita hogganaan ijoo al-Qaayidaa to'annoo jala oole maqaa Mohaammad dhahu mirkanaa'e. "Namni hunduu namicha Firaankitu kana godhe jedhan," jechuun yaadata Pelegiriinoon. "Isa ta'uu isaa wayita barru, namni ana caalaa jeeqame hin turre."

World Trade center barbadaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan boombii bara 1993 namoota jaha ajjeesee, 1000 ol madeesse

Bara 2003 Mohaammad hordofamee Paakistaan keessatti to'annoo jala oolfame. Pelegiriinoon qorannoo inni hojjetaa tureen seeratti dhiyaata jedhee abdatee ture garuu CIAn fudhatee bakka 'qorannoon cimaan' godhamutti geesse.

"Maal akka inni beeku baruun barbaada, ariitiin baruun barbbada," jechuun qondaalli CIA yeroos fudhate.

Mohaammad yeroo 183 fuulli isaa wayyaan ukkaamfamee bishaan irrattu dhangalaafame, Toftaawwan qorannoo akka bishaan dheebessuu, hirriba dhorkuu, qullaa dirqiin dhaabuu fi daa'imman isaa akka ajjeefaman doorsisuufi kaaniifis saaxilameera.

Yeroos shiroota biroo hedduu kan saaxilee ture yoo ta'u, booda gabaasni seeneetii shiroonni kun kan hidhamaan kun ofumaa uume ta'uu beeksise.

Daangaa Afgaan-Paakistaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odeeffannoo Mohaammad irraa argameen Osaamaa Bin Laadan Paakistaan keessa barbaadamaa ture

Mohaammad bara 2006 mana hidhaa Ameerikaa Kuubaa keessatti argamu Guwaantaanoo Beey geeffame. Manni hidhichaa FBIf wayita banaa godhamu Pelegiriinoon Mohaammad waliin fuulaa fuulatti wal arge.

Peleegiriiniin 1990moota keessaa eegalee akka isa hordofaa ture Mohaammaditti himuu dubbata.

Qondaalli FBI kun waan hedduu dubbachuurraa of qusatus, Mohaammad nama waliin haasa'uuf hin ulfaanne ta'uu himeera.

Kaaliid Sheek Mohaammad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa KSM bara 2001 wayita barbaadamaa ture gadhiifame

KSM wayita mana murtiitti dhiyaatu kan hordofu Pelegiriinoon 'nama xiyyeeffannaa barbaadu, waan godhetti gaabbiin itti hin dhagaa'amne' jechuun ibsa.

Lammileen Ameerikaa hedduun KSM gara Niwu Yoork geeffamee mana murtii achi jirutti dhimmi isaa akka ilaalamu hin barbaadan.

Adeemsi haqa haleellaa 9/11 baasuus sababa mormii uummataa fi siyaasaa amma dura hin milkoofne.

Adeemsi mana murtii bara darbe sababa Covid-19 erga adda citee booda torbee kana kan itti fufullee dhiyootti waan xumura argatu hin fakkaatu.