Afgaanistaan: Pireezidantiin duraanii Afgaanistaan Ashraaf Gaanii biyyaa baqachuusaaniif dhiifama gaafatan

Ashraaf Gaaniin qaamolee nageenyaan dirqamsiifamanii akka biyyaa bahan himan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ashraaf Gaaniin qaamolee nageenyaan dirqamsiifamanii akka biyyaa bahan himan

Pireezidantiin duraanii Afgaanistaan Ashraaf Gaanii biyyaa baqachuun Yunaayitid Arab Imireetis(UAE) keessatti kooluu galuu isaaniif uummata Afgaanistaan dhiifama gaafatan.

"Kaabul gadi dhiisee baqachuun anaaf jireenya koo keessatti tarkaanfii ulfaataa ture. Taateen kun bifa biraan akka goolabamu gochuu dhabuu kootti dhiifama,'' jedhan.

Pireezidantiin duraanii kun akkuma gareen Taalibaan magaalaa guddoo biyyattii Kaabul qabataniin biyyaa miliqan.

Hidhattoonni Taalibaan qabsoo waggaa 20 booda Hagayya darbe gaafa 15 aangoo mootummaa biyyattii to'atan.

Uummata kiyya ganuuf osoo hin taane, yeroo sanatti karaan ture kana qofa jedhan Aab Gaaniin.

Ergaa twitter irratti barreessaniin yeroo sanatti hookkara biyyattii balaa keessa buusu hambisuuf filannoon jiru an biyyaa ba'uu qofa jedhan.

"Ajaja qaamolee nageenyaa masaraa mootummaatiinan biyyaa ba'e. Yoo ta'uu baate biyyi waraana waliinii bara 1990moota keessa turtetti deebiti naan jedhan. Kanaafuu Kaabul fi uummatashee miiliyoona ja'a tiksuufan biyyaa miliqe,'' jechuun barreessan.

Waggoota 20 darbaniif ''dimokiraasii, badhaadhinaa fi birmadummaa'' Afgaanistaan keessatti bu'uuressuuf aarsaa kaffalaa turuu himan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Doolaara miiliyoona 169'n gara UAE imalan himata jedhu haalaniiru pireezidantiin duraanii kun.

Biyyaa ba'uusaaniitiin qaamolee siyaasaa biyyattiirraa qeequmsi guddaan kan irratti dhiyaataa jiru maanguddoon waggaa 72 Ashraaf Gaanii, hanga biyyaa ba'uutti taatee jireenyasaanii keessatti mudate bal'inaan akka ibsan waadaa galan.

Ergaa tamsaasa kallattii karaa feesbuukiin gaafa Hagayya 18 dabarsaniin, kanan biyyaa ba'e dirqama qaamolee nageenyaatiini jedhan.

''Osoon biyya keessa ture carraan na qabanii na ajjeesuu bal'aa ture.''

Akkasaan jedhanitti Taalibaanonni jalqaba wayita masaraa mootummaatti dacha'an kutaasaanii keessa xiyyeeffannoon barbaadaa turan.

Maallaqa hedduu qabatanii biyyaa bahan himata jedhu kan haalan Ashraaf Gaanii, ''inumaa silipperii kiyya baafadhee osoo kophee hin geeddaratin biyyaa baqadhe,'' jedhan.

Gareen Taalibaan erga kutaalee Afgaanistaan hunda to'atanii booda mootummaa miseensota dhiirotaa qofaan dhuunfatame hundeessuutti jira.

Dubartoonni biyyattii hedduun sirna kana mormuun hiriira bahaniiru.