Afgaanistaan: 'Taalibaan obboleessa maatiikootiif dawoo ta’e ajjeesan’

Saabaan erga biyyaa baqatee ganna 20 caalera
Ibsa waa'ee suuraa, Saabaan erga biyyaa baqatee ganna 20 caalera

Saabaan biyya inni keessatti guddate Afgaanistaan muddama keessa seenuu otoo halaalarra hordofuu bilbilli bilbilamefi dhaamsi isa naasisu itti himame.

Maatiin koo bilbilaan’’Taalibaan mana gubuuf yaalaafi obboleessakoo barbaada jiraachuu natti himanii’’jedha.

Otoo waan ittaane raawwatame kanaaf hin of qopheessin dura waan mul’ate hin turre.

Saabaan amma Landan kan jiraatu wayita ta’u, erga bulchiinsa Taalibaan duraanii miliqee Afgaanistaanii baqatee ganna 20 lakkoofsiseera.

Taalibaan bara waraanaa Afgaanistaana aangoorraa buqqifamanaan, maatiin isaas achuma biyyattii keessa turuun jiruusaanii itti fufan.

Obboleessi Saabaa hojii Taalibaan yeroo deebi’e kanatti irratti qiyyaafachisuu qaba ture. ‘’Maallaqafi qawwee dhoksee kaa’e qaba jedhanii yaadan’’ jedha Saabaan.

Taalibaan erga Taalibaan Afgaanistaan deebisee to’atee, maatiin isaa biyyaa baqachuuf guyyaa guyyaan gara buufata xiyyaaraatti deddeebi’aa turan’’jedhe.

Guyyoota muraasan dura Taalibaan halkaniin gara mana maatii isaatii dhaqanii, obboleessi isaa inni angafaa iddoo jiru gaafatan. Inni garuu akka miidhaan irra hingeenyef dhokatee ture.

‘’Isa barbaaduf jedhanii mana isaa guban, isa garuu argachuu hin dandeenye’’ jedhe Saabaan. Sana booda Taalibaan obboleessa isaa kan biraa qabanii ajjeesan.

’’Haadha koo duratti, ijoollee daa’imman fuulduratti obboleessa koo quxisuu ajjeesan’’jedhe. Suuraan BBCtti agarsiifame namticha madaa dhaqna isaa dhuunfate ture.

‘’Haala sukanneessan isa ajjeesan, nama kamiyyu akkanatti hin ajjeeftu’’ jedhe.

‘’Taalibaan yoo obboleessi nu hin mul’iftu ta’e deebine dhufneetu amma ati obboleessa kee nutti agarsiiftutti, daa’imakee ajjeefna nun jedhu’’jedhe.

Ilmi obboleessa Saabaa tokkoo ija loltoota Taalibaan jalaa dhokaate waan raawwatamaa ture waraabaa ture. Saabaan‘’suura isaan naaf ergan na qaba’’jedheera.

‘’Akka maatiin achii baqatanii bahaaniif gargaarsa keessaniifi mootummaa UK barbaanna’’jedhe. ‘’Garaagarummaa sa’aatii muraasa keessatti haatii warraa obboleessa Saabaa ajjeefame deesse, daa’imni abbaa malee guddachuuf jira’’jedhe.

Ijoolleen obbleessa isaa quxisuu yeroo amma abbaa dhabanii rifaatu keessa jiru. Yeroo sanarra kaasee maatii guutuun dhokataniiru.

‘’Eessatti akka dhokatanillee hin beeku’’jedhe Saabaan. ‘’Hirriba hin qabu, hirribni narra badeera, amma deeggarsa barbaadna’’jedhe.

‘’Lammileen Afgaanistaan miliyoonatti lakkaa’aman haala walfakkaatu keessa jiru’’ jedhe. Ragaa bal’aan maatii Saabaa guutuun hin eeramne, sababiin eenyummaa maatii kana eeeguuf jechadha.