Afgaanistaan: US haleellaa dirooniitiin 'karoorsaa ajjeechaa buufata Kaabul ajjeesse' jette

Madda suuraa, Reuters
Waaraanni US nama halleellaa garee IS kan guyyaa Kamisaa buufata xiyyaaraa Kaabuuliitti raawwatamee karoorse diroonniidhaan ajjeessuu nan amana jedheera.
Shakkamaan miseesna garee IS-K kunis kan irratti xiyyeeffatame bulchiinsa Nangaahaar keessatti.
Garichi gama isaatiin haleellaa guyyaa Kamiisaa ala buufata xiyyaara Kaabuuliitti raawwatamuun loltoota US 13 dabalate namoota 170 galaafate raawwachu ibsee ture.
Erga milishoonni Taaliibaan Afgaan baatii kana to'atanii kaasee namoonni jumlaan xiyyaaraan baafamaa turan.
Torbanoota darban lamaan keessattis namoonni kuma 100 ol akka baafaman amanama. Loltoonni US ammoo Wiixata dhufaa Afgaan keessaa gutuummaaf bahuuf guyyaan qabamee ture.
Pirezidaantiin Ameerkaa Joo Baayidan guyyaa Jimaata kaleessaa akka jedhaniitti, jihaadistoota haleellaa Kamiisaa booda jiran ni adamsisa jedhanii ture.
Gareen Islaamaa IS_K kan bulchiinsa Kihoraasaan keessaas gareewwan Afgaanistaan keessa sochoa'an hunda caalaa harbeessitoota ta'utu himama.
Haleellichi namoota buufata xiyyaaraatti waliittii qabaman irra dhuaafamuun dubartoota, dhiirootaafi daa'iiman irraan miidhaa qaqabsiisee ture.
Lammiileen Afgaan biyyaa bahuuf turan hedduunis ni ajjeefaman. Dabalataanis lammiilee US, lammiilee UK lamaa fi daa'imti lammii Biritish taatee tokkoolleen ajjeefamaniiru.
''Dhiifama hintaasifnu, hindagannuus. Akka kan raawwattan kanfaltaniif isin adamsina,'' jechuun akeekkachiisanii ture Baayidan haasaa guyyaa Jimaataa taasisaniin.
Akkasumas guyyoota dhufan keessatti haleellaan gara biraalleen Kaabuulitti raawwatamu akka danda'u dubbateera.
Tilmaamaan loltoonni US kuma shan ta'an ammalleen buufata Xiyyaaraa Kaabuul keessatti buufachuun namoota Afaaganii baqatan gargaaraa jiru.
''Sa'aatiiwwan 48 ittaanaan keessatti lammiilee biyya biraa Afgaanii bahaa jiran hundaafuu karaa ittiin darban saffiisaa dhiyeessaa jirra,'' jechuun kan Rooyirarsiitti hima ammoo waajira Warra Lixaa hidhannoo hinqabneedha.
Taalibaanoonni gartokkee buufata xiyyaaraa to'achu himan illeen garuu US ammaleen waraana isaa to'atee jiraachu dubbatte.













