Diroonii: Xiyyaarota nam-maleeyyii dirree waraanaatti akkaataa lolaa jijjiiraa jiran

Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

Madda suuraa, General Atomics

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

Waggoota dhiyoon as xiyyaaronni nam-maleeyyii yookaan diroonoonni dirree waraanaa keessa hirmaachuun, madaala humna lolaa jijjiiraa akka jiran ogeeyyiin ni kaasu.

Diroononni ergama basaasuu fi haleellaa kennamef milkeessuun, bu'aa waraanaa jijjiiraa jiru. Kanaafi fakkeeyi dhiyeenya kana waraana Azarbaayijaan fi Armeeniyaa gidduu raawwatedha.

Diroononni Tarkii gama Azarbaayijaanin hojiirra oolan, waraanni Azeerii akka milkaa'an guddoo gargaareera.

line

Itoophiyaattis waraanaa Tigraay irraa kaasee Oromiyaa fi dhiheenya kana ammoo walitti bu'insa naannoo Amaaraatti dhalate irrattis dirooniin fayyadamamuuti himama.

Haatahu malee BBCn diroonii gosa kamii, tajaajila waraanaa kamiif oole kan jedhu mirkaneessuu hin dandeenye. Tahus garuu MM biyyattii Abiy Ahimad, lola Tigraay keessa dirooniin hojiirra ooluu akeekanii turan.

Hoogganaan humna qilleensaa biyyattii Mejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ALI Sadaasa 2013 miidiyaa biyyattii irratti, Itoophiyaan waraana kana keessa diroonota fayyadamuu mirkaneessaniiru [Afaan Amaaraan]. Itoophiyaan waraana kana keessa diroonota fayyadamuu mirkaneessaniiru [Afaan Amaaraan].

Miseensonni humna qilleensaa Ingiliiz, wiirtuu to'annoo diroonii keessa wayita balaliisan

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni humna qilleensaa Ingiliiz, wiirtuu to'annoo diroonii keessa wayita balaliisan

Dirooniin waraanaa keessa akkamiin hojiirra oola?

Diroononni faayidaa kaan dabalatee faayidaalee bu'uuraa lama kennu.

Inni jalqabaa humna diinaarraa odeeffannoo basaasuufi haleellaa raawwachuuf - misaa'ela baatan furguggisuun.

Guddinni xiyyaarota namni keessa taa'ee hin balaliisifne kunniin, xiyyaarota kaan wajjin walbira qabanii wayita ilaaliin daran bicuudha.

Diroonota kan balaliisu ogeessa fagoo taa'ee jirudha. Ogeessi kun wiirtuu to'annoo socho'aa (mobile ground control station) keessa taa'uun, qunnamtii saatalaayitiin diroonichaaf ajaja dabarsa.

Dirree waraanaa keessa humna diinaarratti haleellaa ciccimaa geessisuun kan beekamaniifi diroonota biyyootaan daran barbaadaman keessaa kanneen: Chaayinaa, Tarkii, Ameerikaa fi Israa'elin midhaaffaman haa ilaallu.

Diroonii Chaayinaa Wing Loong II agarsiisa gubbaa dhiyaatee

Madda suuraa, Power Sport Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Chaayinaa Wing Loong II agarsiisa gubbaa dhiyaatee

Wing Loong II - Chaayinaa

Chaayinaan dirooniin Wing Loong II jechuun gabaa biyyoota alaaf dhiyeessuuf dirooniin oomishte, ramaddii olka'insa giddugaleessa tajaajila dheeraa (Medium Altitude Long Endurance) jedhu keessatti ramadama.

Akka gabaasa Science Direct'tti, gosti diroonii akkanaa giddugalaan olka'insa tarkaanfii (feet) 10,000 hanga 30,000 gidduu, walitti fufiinsaan sa'aatii 24-48f xiyyaara balali'u jechuudha.

Korporeeshinii Indastirii Aviyeeshinii Chaayinaan kan oomishamu dirooniin Wing Loong II: boombii, rokkeetii fi misaa'elota furguggiifaman hidhachuu danda'a.

Dheerina meetira 11 fi olka'insa meetira 4.1 kan qabu dirooniin kun, baalleen isaa meetira 20.5 bal'ata.

Saffisa sa'aatiin km370 fiiguun, walitti fufuun sa'aatii 20f samii keessa turuu danda'a. Qunnamtii saatalaayitaan kan hojjettu oggaa tahu, raadiyesii km1500 keessatti to'achuun ni danda'ama.

Boombiiwwan ykn misaa'elota 12 ulfaatina haga kg480 qaban baachuu danda'a.

Bayraktar TB2

Madda suuraa, Baykardefence

Ibsa waa'ee suuraa, Bayraktar TB2

Bayraktar TB2 - Tarkii

Biyya Turkiin kan midhaaffame diroonii Bayraktar TB2 jedhamu kana, biyyoota miseensota Nato tahan dabalatee kaanillee bitanii hidhataniiru.

Diroonicha kan oomishe dhabbanni Baykar defence wayita ammaa diroononni isaa 160 tahan Tarkii, Qataar, Yukireen fi Azrbaayijaan keessa hojiirra oolaa jiru jedha.

Ji'a Caamsaa dabre keessa biyyi miseensa Nato taate Polaand, diroonota Bayraktar TB2 24 bituuf waliigaltee jirti.

Kana malees Ebla keessa Morokoon diroonota kanniin 12 Tarkiirraa bituuf waliigaluushee miidiyaaleen biyyattii gabaasanii turan.

Pireezidantiin biyyattii Rasip Tayip Erdogaan, Saa'udin diroonota Tarkii kanneen bituuf fedhii akka qabdus himaniiru.

Akkuma diroonii Chaayinaa Wing Loong II, dirooniin Bayraktar TB2 illee ramaddii 'olka'insa giddugaleessa tajaajila dheeraa' keessa kan galu oggaa tahu, basaasaafi haleellaafillee itti dhimma bahu.

Ulfaatina haga kg150 baatee balali'uu kan danda'u xiyyaarrri kun, haga fageenya km300 keessatti taa'uun to'achuun ni danda'ama.

Akka marsariitii dhaabbatichaa irratti kaa'ametti, dheerinni baallee diroonii kanaa meetira 12, hojjaansaa meetira 6.5 wayita tahu, boba'aa liitira 300 baachuu danda'a.

Dirooniin kun ajaja namaatiin malee sirnuma ofiitiin lafaa ka'uufi deebi'ee qubachuu kan danda'u oggaa tahu, olka'insa tarkaanfii 18,000 haga 27,000 keessa ajaja fudhatee raawwata.

Diroonichi boombii, rokeettii ykn misaa'ela afur hidhachuu dandaya.

Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

Madda suuraa, General Atomics

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

MQ-9 Reaper - Ameerikaa

Dirooniin Ameerikaa MQ-9 Reaper jedhamu kaampaanii General Atomics jedhamun kan oomishamu oggaa tahu, haalaan ammayyaawaadha jedhama.

Dhaabbatichi dirooniin isaa dheerina meetira 11, olka'insa meetira 3.6 fi baalleen isaa meetira 21.12 akka dheeratu hima.

Sirrii galaanaa irraa olka'insa tarkaanfii (feet) 50,000 balali'uu kan danda'u dirooniin kun, ulfaatina kg1300 ol baachuun, walitti aansee sa'aa 27 balali'uu danda'a.

Ameerikaan diroonota kana biyyoota michuuti warra jettuuf gurgurti. Jeneraal Atoomiks diroonota MQ-9 Reaper jedhaman kana dhaabbilee nageenyaa US dabalataan, Itaalii, Firaans, fi Ispeen akka hidhatan hima.

Diroonii Israa'el Heron TP

Madda suuraa, IAI

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Israa'el Heron TP

Heron TP - Israa'el

Xiyyaara nam-maleessaa Heron TP kan oomishu kaampaanii Israel Aerospace Industries jedhamudha.

Dirooniin kun ulfaatina kg2,700 baachuu kan danda'u oggaa tahu, sirrii galaanaarraa haga tarkaanfii 45,000 walitti fufinsaan sa'aatii 30f balali'uu danda'a.

Diroonii kanas haga fageenya km1,000 irraa qunnamtii saatalaayitiin to'achuun ni danda'ama.

Dheerinni isaatis meetira 14 ogga tahu, dheerinni baallee isaas meetira 26 dha.

Biyyoota Israa'el teknooloojii kana itti gurgurte keessaa Jarmanii, Awustiraaliyaa, Firaans, Kooriyaa Kibbaafi Kaanaadaan akka argaman Jerusalem Post gabaaseera.

Waraana Afgaanistaan keessattis hidhattoota Taalibaan haleeluuf dirooniin kun hojiirra ooluu gaazexichi barreesseera.

Diroonota dirree waraanaa keessatti

Diroononni Chaayinaa, Tarkii, Iraan, Ameerikaa fi Israa'elin oomishaman waggoota dhiyoo asitti, waraana garagaraa keessatti hojiirra ooluunsaanii gabaafameera.

Kaanaadaan ji'a shan dura dirooniin Tarkiin midhaaffame, waraana Azerbaayijaan fi Armeeniyaa gidduutti hojiirra ooleera jechuun, waliigaltee bittaa diroonii Tarkii waliin qabdu haqxeetti.

Waraana Azerbaayijaan fi Armeeniyaa gidduutti dhalate, Azerbaayijaan akka irra aantu dirooniin Tarkii faayidaa guddaa gumaacheera jechuun miidiyaaleen UK bal'inaan gabaasaniiru.

Dirooniin Chaayinaa Wing Loong II ammoo biyya Liibiyaatti hojiirra ooluusaa gabaasni qorannoo BBC mirkaneesseera.

Amajjii 2020 keessa magaalaa guddoo biyyattii Tiripoolii keessa dirooniin Wing Loong II qabeenya UAE tahe misaa'ela dhukaasuun, loltoota leenji'aa turan 26 ajjeesuu BBCn mirkaneessee ture.

Ameerikaanis diroonotashee MQ-9 Reaper ergama waraanaa Baha Giddugaleessaa keessatti hojiirraa oolchaa turte. Dhiyeenya kanas qondaalli Iraan Qaasim Suleeymaanii diroonii kanaan itti qiyyaafatamee ajjeefamuunsaa miidiyaaleen US gabaasaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, BBC Africa Eye: UAE'n haleellaa diroonii Liibiyaa keessaa harka qabaachuun ifoome

Gatiin diroonotaa hagami?

Diroononni US fi Israa'elin midhaaffaman kanneen Tarkiifi Chaayinaan hojjetamanirra gatiin siaanii daran olka'aadha.

Akka marsariitiin The Diplomat jedhutti, oomishni Tarkii Bayraktar TB2 dolaara miiliyoona 1-2 oggaa baasu, kan Ameerikaa MQ-9 Reaper ammoo miiliyoona 30 ol akka bitu tilmaama.

Sababa kanaanis biyyoonni waraana isaanii cimsachuuf gara Tarkiifi Chaayinaa waan fuula garagalfatan fakkaata.

Diroononni rukutamanii kufuu danda'uu?

Kanaaf deebiin gabaabaan - eeyyeeni!

Bara 2019 keessa dirooniin Ameerikaa, Iraan naannoo Hormuz keessa balali'aa ture dhawamee lafa dhawee ture. Ameerikaanis kana hin dhoksine.

Basaasaaf jecha daangaa qilleensaa koo cabsee galeera jechuun diroonii kana dhooftee kuffisuu, haleellaadhuma diroonii Ameerikaan kan ajjeefaman qondaalli waraanaa Qaasim Suleeyimaanii himanii turan.

Iraan diroonii Global Hawk jedhamu kana rukuttee kan kuffiste, misaa'ela lafarraa samiitti furguggifamuun ture.

Akkasumas Ameerikaan diroonii Iraan rukuttee kuffisuushee himtee turte.

Seera idiladdunyaa itti-fayyadama diroonii

Pireezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp, wayita Jeneraal Suleeymaaniin haleellaa dirooniin akka ajjeefamu ajaja dabarsanitti, seerri itti fayyadama xiyyaarota gosa kanneenii daran falmisiisaa ture.

Dhaabbanni mit-mootummaa Jenevaa Kol jedhamu, seerri idiladdunyaa diroonota hidhatan kallattiin to'atu jiraachuu baatus, itti fayyadamni diroonii garuu seeruma addunyaatiin to'atamu jedha.

Akkasumas Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa, diroononni fayyadama meeshaalee waraanaa ykn seerota namoomaa idiladdunyaan ibsamuu baatanis, waraana keessatti akkuma meeshaalee waraanaa kaanii seerotaaf bitamoodha jedha.

Chaartara UN'n ammoo biyyi tokko sodaan haleellaa hidhannoo yoo mudate, ofirraa ittisuuf tarkaanfii fudhachuu dandeessi jedha.

Ameerikaanis pireezidantichi haleellaa diroonii kan raawwatan ''qiyyaafannoo Iraan gara fuulduraa raawwattu fashaleessuufi,'' jettee turte.

Haatahu malee, chaartariin UN hiika garagaraa akka kennamuuf ogeeyyiin ni himu.

''Dhimma Suleeyimaanii irratti, Ameerikaan tarkaanficha kanin fudhadhe haleellaa yeroo kamuu mudachuu malu ofirraa qolachuun hambisuuf jetti. [Tarkaanfiin] kun dhuguma taanaan, chaartara UNn kan heeyyamame tahuu danda'a,'' jedhu Yunivarsiitii Oksifoorditti barsiistuu seera addunyaa kan tahan Aginas Kaalaamaard.