Haleellaa diroonii booda warshaaleen boba'aa Sa'udii ibidda qabatan

Madda suuraa, Reuters
Warshaalee boba'aa Aramkoo, Sa'udii Arabiyaa kan qabeenya mootummaa ta'e gurguddoo lamaan irratti haleellaa dirooniin taasifame ibbidda itti qabsiisu midiyaaleen biyyatti himu.
Warshaa boba'aa addunyaa guddicha Aramkoo Abiqayiq argamu ibbidaafi aaraan yommuu guutuu viidiyoon ni agarsiisa.
Haleellaan dirooni inni lammataa ammoo omishaa boba'aa Kuriyaas gara lixaa jirutti akkasuma ibidda qabsiiseera. Ibiddi bakka lamaanii amma to'atamuu aanga'oonni ni himu.
Abiqayiq kibbaa-lixa magaalaa Dahiran irraan km 60 irratti kan argamtu yeroo ta'u, Kuraayis ammo km 200 faggaattee jirti
Haalellaawwan akkanaa baatii darbe warshaa boba'aa Shayibaahitti ta'eefi kan Caamsaa dhaaboota boba'aa birootti ta'eef kan itti gaafatamee ture loltoota Huuti Iraaniin deeggaraman turani.
Haa ta'uu malee, haleellaa isa kana duuba eenyu akka jiru Sa'udiin ammatti ifa hin goone.
Bara 2006'tti humnootni nageenya Sa'udii haleellaa badee balleessuutin Abiqayiq irratti haleellaan al- Qayiidaan yaalame ture dhorku danda'ani ture.
Sochiin warraaqsaa Iraaniin deeggarame mootummaa Yamanii fi qindoomina Sa'udiin durfamu waliin lolatti jiru.













