Waraana Yaman: Gareen finciltootaa Yaman Hawutiin lafa qubannaa isaanii gadhiisuun faayidaa mataasaaniifi jedhame

Gareen finciltootaa qubannoo isaanii ijoo gadhiisaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Yaman finciltoota garee Hooti himate

Waliigalteen waraana dhaabuu baatii Muddeetti erga mallattaa'ee, gareen finciltootaa Yeman Hawutii buufata qubannaa isaanii ijoo irraa bahuu jalqabuun tarkaanfii isa guddaa dha.

Mootummaafi gareen finciltootaa Hudaayidaah gadhiisuuf kan waliigalan gargaarsi warreen miidhamaniif akka qaqqabu hayyamuufi.

Viidiyoon BBCn argate akka agarsiisutti gareen finciltootaa kuni konkolaataa yaabanii karaa jalqabuu agarsiisa.

Adeemsi isaanii Kuni waliigalatti guyyaa afur akka fudhatu eegama.

Haa tahu malee mootummaan finciltoota kana achii bahuu kana, bu'aa mataa isaaniif itti fayyadamaa jiru jechuun isaan qeeqa.

Waraana Yaman waggaa afuriin yoo xiqqaate namooti qulqulluu 6,800 tahan ajjeefamaniiru. Akka Mootummoonni Gamtoomanii jedhutti 10,000 kan caalan immoo waraana kana keessatti madaa'aniiru.

Namooti kumaatamaan lakkaawwaman biroo immoo dhukkuboota ittifamuu danda'an kanneen akka hanqina nyaataafi kunuunsa fayyaa bu'uuraa gahaa argachuu dhabuun du'aniiru.

Dubbii himaan Mootummota Gamtoomanii Faarhaan Haaq finciltooti achii bahuu jalqabuu isaanii mirkaneessuu AFPn gabaaseera.

Yamanitti bakka bu'aan dhaabbatichaa ''tarkaanfii jalqabaa'' jechuun iddicha gadhiisuu finciltoota kunneenii ibsaniiru.

Mootummaan biyyattii tarkaanfii kanaan gammadaa tahuusaa mirkaneessuuf ammas hojii hojjennu qabna jedhaniiru.

Warreen waraanicha hirmaatan gidduutti ammas wal-amanteen hin jiru.

Qondaalli mootummaa gameessi Al-Hasan Xaahir gareen finciltoota kana, garee milishoota biraa uffata poolisiifi eegdotaa uffataniin bakka buusaniiru jechuun himatu.

Hawaasa addunyaa gowwomsuuf waan raawwataniidhas jedhaniiru.

Gareen finciltootaa Hootii garuu waliigaltee Hudaayidaah qubannaa isaanii irraa bahuuf raawwatame kana raawwachaa jiru isaan qofa akka taheef Mootumootni Gamtoomanii mootummaas waliigaltee akka raawwatuuf itti jabaachuu qaba jedhaniiru.

Buuftni Hudaayidaah lafa jiruufi jireenyaa uummata Yaman lama sadaffaati. Cuufamuun buuftata kanaa miidhaa guddaa beelli biyyattiitti hanga uumamuu geessiseera.