Gabaan jikita boba'aa addunyaa waggaa afurii as guddaa dabaluun dhaga'ame

Madda suuraa, Getty Images
Sawud Arabiyaafi Raashiyaan akka oomisha jikita boba'aa dabalan Pirezedaantiin Ameerikaan dhiyaateef kuffiisuun booda gabaan jikita boba'aa akka addnuyaatti kan waggaa afran darbee caalaa baayyee ol ka'eera.
Gatiin jikita boba'aa barmeelaan dolaara 81.16 irra ga'uudhaan erga waggaa afurii isa ol aanaadha jedhameera.
Sawud Arabiyaan dursituu gamtaa biyyoota jikita boba'aa gabaa alaaf ergan yommuu taatu Raashiyaan garuu biyya gamtaa kanaan ala taatee qabeenya kanaan badhaate dha.
Biyyoonni kunneen Dilbata darbe Aljersitti walarganii dhiyeessa jikita boba'aa addunyaafi qoqqobbii Ameerikaan Iraanirra keesserratti mariyataniiru.
Maree isaanii kanaanis oomisha dabalataa dhiyeesuu irratti osoo walii galteerra hin ga'iin addaan ba'aniiru.
Ministirri Inarjii Sawud Arabiyaa Haliid Al-Falih Aljersi keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin gatii dabaluu jikita boba'aa irratti dhiibbaa hin taasifne.
Gamtaan biyyoota jikita boba'aa gabaa biyyaa alaatiif erganiifi biyyoonni biroon qabeenya kana oomishanii gabaaf dhiyeessan oomisha isaanii guyyaatti barmeela 500,000 akka dabalan waliin mariyatanii akka turan Rooyitersi gabaaseera.
Yaaddoon gabaa jikita boba'aa raafamuu kun qoqqobbii Iraanirra kaa'amee kan Sadaasa dhufurraa eegalee hojiirra ooluun walqabateeti jedhu ogeessonni diinagdee.
Akka ogeessonni kun raaganitti gabaan jikita boba'aa kun ji'oota itti aanan keessa gatiin barmeela tokkoo gara dolaara 100'tti guddachaa mala.
Pirezedaantiin Ameerikaa torban darbe fuula tiwiitera isaaniirratti, Gamtaan Biyyoota Jikita Boba'aa gabaa biyya alaatiif ergan (OPEC) omisha isaanii dabalanii "gabaan jikita boba'aa OPEC gadi bu'uu qaba," jedhan.
"Biyyoota Baha Giddu-galeessaaf eegumsa taasisaa kan jiru nu dha" kan jedhan Pirezedaanti Tiraamp "Osoo nuti isaan cinaa hin dhaabbannu ta'ee nageenyi isaanii hin eegamu ture. Haata'u malee, gabaa boba'aa irraa galii guddaa argachuudhaaf jecha gatii dabalaa jiru, kana nutis hin hirraanfannu" jechuudhaan fuula tiwiitera isaaniirratti baasaniiru.
Ministirri Boba'aa Iraan Bijaan Zangaahin ergaa tiwiiteraa Tiraamp arganii booda gaafa Dilbataa kun "Biyyoota Baha Giddu-galeessaafi michuuwwan Ameerikaa ta'aniif arrabsoodha," jedhan.












