Afgaanistaan: 'Jireenya uummataa ni fooyyeessina' - Taalibaan

Hoogganoota Taalibaan

Madda suuraa, Reuters

Hidhattootni Taalibaan magaalaa guddoo Kaabuliifi masaraa mootummaa to'atanii bariitu ibsa viidiyoon gadhiisaniin jireenya uummata Afgaan wayyeessuuf akka hojjetan waadaa galan.

Hoogganaa itti aanaan Taalibaan ergaa viidiyoon waraabameen ''amma yeroon jireenya uummata Afgaansitaan kan itti fooyyessinudha'' jedhan.

Loltootni US fi michoota ishee Afgaanistaan keessatti waggoota 20'f Taalibaaniin waraanaa turan biyyattii gadhiisanii bahuu hordofee saffisaan kutaalee biyyattii to'achaa kan dhufan loltootni Taalibaan, guutummaa biyyattii to'ataniiru.

''Amma yeroon yeroo yaaliiti, uummata keenyaaf tajaaila kennina, biyya guutuuf tasgabbii kennina. Jireenya uummataa fooyyessuuf hanga danda'amu ni deemna'' jedhan hoogganaa Itti aanaan Taalibaan Mullaah Baraadar Akhuund.

Viidiyoo kana irratti Mullah loltoota Taalibaan hedduu gidduu ta'ee dubbata.

''Adeemsi keessa dabarree dhufne kan hin eegamneedha, bakki amma irra geenyes gonkumaa hin eegamne'' jedhan hoogganaan kun.

Guyyaa Dilbataa loltootni Taalibaan maaalaa guddoo Afgaanistaan to'ataniiru. Mootummaan Afgaanistaan kan pireezidant Asgraaf Gaaniin hoogganamu diigamuun kan beekame warri Taalibaan Kaabul seenuu saa'aatiiwwan dura yeroo biyyatti gadhiisanii baqatanitti.

Dubbii himaan garee Taalibaan Aljaziiraattii yoo himu ''waraanichi xumurameera'' jedhe.

Saffisa guddaan akka hin eegamnetti Kaabuul galuu Taalibaan hordofee, magaalittii keessa muddama jabaatu jira. Jiraattotni fi lammiileen alaa magaalittii keessaa baqachuuf muddamaa turan.

Buufata xiyyaaraa idila addunyaa Kaabul keessa jirutti namni ta'ii jiru ijaan arge BBC'tti yoo himu, hojjettootni buufata xiyyaaraallee hojii isaanii dhiisaniiru, namni xiyyaaratti fiiga jedhe.

Ministeeerri Haajaa Alaa US hojjettoota isaa eembasii Kaabuul jiran hunda gara buufata xiyyaaraa Haamiid Kaarzaayitti baqachiifachuu ibseera.

Ameerikaan lammiilee ishee kana dabareen Afgaanistaan keessaa baasaa kana jirtu yeroo ta'u, kana karaa nageenyi isaanii mrkanaa'een gochuuf loltoota 6,000 bobbaafteetti.

US hojjettoota Eembasii hilikooptaraan gara buufata Xiyyaaraa yoo geessitu

Madda suuraa, AFP

Pireezidantiin Afgaansitaan Ashraaf Gaaniis Dilbata kaleessaa warra Taalibaan Kaabul qabachuu sa'aatiiwwan dura biyya gadhiisanii baqatan.

Gara Itti baqatan ilaalchisee odeeffannoon hedduun jiraachuu baatus, Aljazeeraan miseensa waajira isaanii waabeffatee akka gabaasetti, pireezidantichi biyya ollaa Uzbeekistaanitti baqatan.

Gama Feesbuukiin ergaa lammiilee Afgaaniif dhaamaniin, murtee ulfaataa biyya gadhiisuu kan murteessan magaala guddoo keessatti dhangala'uu dhiigaa hambisuufi jedhan.

Pireezidantichi biyya gadhiisanii bahuu isaaniin namoota kaaniin qeeqamaa jiru.

''Raabbi gaafatamaa isa godha akkasumallee biyyi isatti ni faraddi'' jedhan dura taa'aan mana maree olaanaa araaraa biyyaa Afgaanistaan Abdullaah Abdullaah.

Afgaanistaanitti Taalibaaniin balleessuuf jalqaba kan duulteefii bara tokko loltoota hanga 110,000 dachii Afgaan keessaa qabaachaa kan turte US murteen achii bahuu sirriidhaa jetti.

Pireezidant Baayidan ''waraana dhuma hin qabneef sanuu waraana waliinii biyya kan biraa keessa'' jechuun waraanni isaanii bahuun sirrii ta'uu himan.

Amma Ameerikaa dabalatee biyyoonni addunyaa 60 ta'an waliin ta'uun ibsa tokko baasaniiru. ibsi isaanii kun nageenyi lammiilee Afgaan akka kabajamu gaafata.

''Lammiileen Afgaan nageenyi isaanii kabajamee, kabajaan jiraachuu malu'' kan jehdu yoggaa ta'u, tasgabbiin biyyatti atattamaan akka deebi'us gaafatan.

Taaliban nama biyyaa bahuu fedhu hundumaaf hayyama akka kennu, daandiin konkolaataa, xiyyaaraafi daangaa biyyaa banaa akka ta'ullee gaafatan.

'Uummatni baqachaafi dhokachaa jira'

Dilbata Kaabuul erga seenanii loltootni Taalibaan masaraa mootummaa kan Pireezidant Ashraaf Gaanii yeroo itti seenan duwwaa ture jedhamu keessa yeroo socho'an Aljaziiraan agarsiisaa ture.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Hiriira waajira tajaajila paaspoortiin walqabatu kennu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Taalibaan magaalittii marsuun dhagaahmuu hordofee Kaabul keessa muddamatu ture. Namni gariin maallaqa baankiifi ATM irraa baafachuuf hiriira dheeraa hiriiree mullata. Kaan baqachuuf oliif gad fiiga.

Barataan ganna 22 BBC'tti yoo himu sa'aa shaniif miillaan imaleera jedhe.

Baankiitti hiriira maallaqa baasuuf hiriirame

Madda suuraa, Anadolu Agency via Getty Images

Embasiin US sagaleen dhukaasaa naannoo buufata xiyyaaraa Kaabul jiraachuu ibsuun lammiileen isaa bakka waraanni isaanii argamutti akka baqatu ''haalli nageenyaa atattamaan jijjiiramaa jira'' jechuun akeekkachiiseera.

Miseensii Paarlaamaa Faarzaan Kochaa uummatni maal gochuu akka qabu hin beeku kaan baqachuuf fiiga gariin ni dhokata jechuun BBC'tti himte.

Dubbii himaan Taalibaan Suhaalii Shaheen BBC'tti yoo dubbatu, uummatni Kaabuul keessa jiraatu sababa yaaddahuuf hin qabu jechuun, nageenyi isaniifi kan qabeenya isaanii akka eegamu hime.

''Nuti tajaajiltoota uummataafi biyya kanaati,'' jedhe.