Lola Afgaanistaan: Pirezidaantiin Afgaan Ashraaf Ghaanii biyyaa baqatan, Taalibaan ammoo masaraa mootummaa qabatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Afgaan Ashraaf Ghaanii baqachuun, milishoonni Taalibaan ammoo masaraa mootummaa kan magaalaa Kaabul keessa jiru qabachuun barame.
Pirezidaantiin Afgaanistaan Ashraaf Ghaanii Taalibaanoonni magaalaa guddoo biyyatti Kaabul to'achuu hordofee guyyaa keessa biyyaa bahuun dhagahameera.
Gabaasaalee qondaaltoota biyyattii eeruun akka jedhaniitti, Ittaanaan Pirezidaantii Amruullaah Saaleh illeen Afgaanistaan dhhisanii biyya biraatti baqataniiru.
Mr Ghaanii milishoonni Taalibaan guyyoota 10 keessatti magaaloota gurguddoo biyyatti to'achuu hordofeea angoo akka gadhiisaniif dhiibbaan irratti taasifamaa turuun dhagahameera.
Taalibaannoonis galgala keessa masaraa mootummaa kan Kaabul keessaa to'achuu himaniiru.
Gaazexessaa biyya keessaa Bilaal Saarwaay kan namoota lama marii keessatti kallattiin hirmaataniitti dubbateetti, pirezidaantii Ghaanii qaama sirna aangoo dabarsuu masaraa keessatti gaggeefamuu akka ta'an waliigalamee ture.
Haata'u malee inniifi aanga'oonni olaanoon isaa biyyaa baqachuun bahaniiru.
''Hojjattoonni masaraa gadhiisuun akka bahan itti himamuun masaraan duwwaa ture,'' jedhu madden keessoo.
Taalibaanonnis masaraa motummaa to'achuu Rooyitarsiitti kan himan yoo ta'u, qondaaltoota motummaa irraa dhimmicharratti kan jedhame hinjiru.

Madda suuraa, AFP
Guyyaa maaltu ture?
Hidhattoonni Taaliban magaala guddoo Afgaanistaan Kaabulitti marsuun mootummaan Afgaan aangoo karaa nagaa akka itti dabarsu gaafachaa jiru.
Kaabul magaalota ijoo Afgaanistaan 24 keessaa kan harka mootummaa Afgaanitti hafte yoo taatu loltoonni Taalibaan gama maraan itti marsanii jiru.
Mootummaan Afgaanistaan wanti hundi to'annoo isaa jala akka jiru ibsuun jiraattota tasgabbeessaa jira.
Hogganooti Taalibaan ammoo loltoonni isaanii Kaabul keessatti hokkora akka hin kaafne, nama baqachuu fedhuuf karaa akka banan ajajaniiru.
Dilbata hidhattoonni Taalibaan magaalaa ijoo Baha biyyattii Jalalabaad lola tokko malee to'atan.
Magaalotni ijoon kutaale biyyaa 24 keessaa 23 guutummaatti to'annoo Taalibaan jala jiru, hedduun isaanii torban darbe keessa kan Taalibaaniin to'ataman.
Humni mootummaa Afgaan saffisaan diigamaa jiraachuun pireezidantiin biyyattii Ashraaf Gaanii angoo akka gadi dhiisu dhiibbaa irratti jabeessaa jira.
Filannoon isaa magaalaa gudditti Afgaan Kaabuul irratti cichee loluu ykn hidhattootatti harka kennachuudha.
Ameerikaan hojjettoota imbaasii ishee Kaabuul jiran baasuu eegalteetti. Dilbata gara buufata xiyyaaraa geeffamanii, achii xiyyaarota geejjiba waraanaa gurguddoo jaha koraa turan.
Mootummaan Ameerikaa kan loltoota isaa Afgaanistaan keessaa baasee ture, hojjettoota imbaasii baasuuf irra deebiin loltoota 5000 garasitti bobbaaseera.
Murtee loltoonni Ameerikaa guutummaatti Afgaanistaan keessaa akka bahan murteessan ilaalchisee Joo Baayidan, sababni amansiisaan "loltoonni Ameerikaa waraana biyya biraa keessa, yeroo dhuma hin qabneef turaniif hin jiru" jedhan.
Jalalabaaditti maaltu ta'e?
Gabaasaaleen Dilbata bahaa jiran, Taalibaan dhukaasa tokko malee magaalaa Jalalabaad - magaalaa guddittii kutaa biyyaa Nangarhaar to'achuu mul'isu.
"Ammatti lolli Jalalabaad keessatti adeemaa hin jiru. Sababni isaas bulchaan kutaa biyyaa Taalibaanitti harka kennachuu isaati," qondaalli bulchiinsa naannichaa tokko Rooyitarsitti himeera.
"Taalibaan akka darbu hayyamuun karaa tokkicha ittiin lubbuu namoota nagaa baraaran ture."
Gaazexeessaan biyyattii Tariq Ghazniwal suuraa wayita bulchaan kutaa biyyaa to'annoo iddichaa dabarsee Taalibaanitti kennu agarsiisu tiwiit godhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Jalalabaad to'achuu jechuun Taalibaan daandii biyyattii Paakistaan waliin qunnamsiisu to'ate jechuudha.
Sa'aatiiwwan muraasa dura magaalaan guddoon kitaa biyyaa Baalkih, Mazar-i-Sharif irra hedduu lola malee Taalibaaniin to'atamte.
Magaalaan kun magaalaa Afgaanistaan guddinaan afraffaarra jirtudha.
Jiraataan magaalatti tokko loltoonni biyyaalessaa Afgaan dursa harka kennatanii jennaan, kanneen humna mootummaa deeggaruun lolan akkasumas milishoonnis harka kennatanii jedha.

Kaabuulitti maaltu ta'aa jira?
Lola Taalibaanii fi humnoota mootummaa Afgaaniin namoonni nuusa miliyoonaa ta'an qe'eerraa buqqa'anii Kaabuul buufatanii jiru.
Kanneen bakkeewwan Taalibaan to'aterraa baqatan tokko tokko hidhattoonni Taalibaan maatiin ijoollee durbaa hin heruumin qaban loltoota isaaniif haadha warraa akka ta'an dabarsanii akka kennan dirqisiifamuu dubbatu.
Shamarranii fi dubartoonni hedduun dirqiin loltoota Taalibaaniif haadha warraa ta'uu baqatanii Kaabuul jiru.
Dubartoonni kunneen uffata qaamaa fi fuula isaanii haguuguu 'burka' akka uffatan dirqisiifamuu fi hidhattoonni namoota seerota hawaasummaa cabsan reebuu himu.
Jiraattonni Kaabul hedduun baankii fuuldurattii hiriiranii maallaqa isaani baafachaa jiru. Dameeleen tokko tokko maallaqa fixachuun gabaafamaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Mana hidhaa guddicha qarqara magaalattii keessa jiru keessatti hokkorri ka'ee, dhukaasni dhagaahamuus jiraattonni ni himu.
Ibsa waraabamee TV irratti gadhiifameen pireezidant Ashraaf Gaanii, dhimmi dursi kennamuuf humnoota Afgaan jabeessanii badiin dabalataa akka hin dhaqqabne deebisanii bobbaasuudha jedhan.
Pireezidantichi aangoo gadi dhiisuu mala jedhamee wayita shakkamaa turetti ibsi kun bahe.
Taalibaan kan duraan Afgaanistaan bulchaa ture bara 2001 haleellaa 9/11 al-Qaa'edaan Ameerikaa irratti raawwate hordofuun waraana Ameerikaatiin aangoorraa ari'ame.
Yeroos Taalibaan hogganoota al-Qaa'edaa akka Osaamaa Bin Laaden fi kaaniif dawoo tahee ture.
Waggoota 20 booda Ameerikaan loltoota ishee fi kan NATO guutuu akka baastu, Taalibaan ammoo garee amantii fiinxaleessan kamiifuu dahoo akka hin taane, akkasumas naannoo to'atee jiru keessa akka hin sochoone akka hin hayyamne waliigalaniiru.
Guyyaan loltoonni guutummaatti akka bahan qabames Fulbaana 11, waggaa 20ffaa haleellaa 9/11tti ture.














