Waraana Afgaanistan irratti US gatii hagamii baaste?

Loltoota US Kandahar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltootni US erga bara 2001 Afgaanistaan keessa turan

Duula waraana Afgaanistaanitti taasisaa turan guyyaa dhumaa dursuun humnootni US buufata waraanaa Kaaba Kabul keessa jiru gadhiisani bahaniiru.

Pireezidaanti Baayden loltoota US hanga Fulbaana 11tti Afgaanistaanii baasuu akka barbaadan himanii turan.

Erga waraanni kun eegalee US baasii hagam Afgaanistaan keessatti akka baaste ilaalleerra.

US humnoota kam ergite?

Akka gabaasa Associated Press’tti erga waraanni ba’ee booda, loltootni US 650 ta’an dippilomaatotaaf eegumsa kennuuf Afgaanistaan keessatti ni hafu jedhamee eegama.

Haleella 9/11 waliin kanneen hidhata qaban kan akka Osaamaa Biin Ladiin fi miseensota al-qayiida dhoksaa jiru jechuun Taaliban irratti tarkaanfi fudhachuuf US Onkololeessa 2001 keessa ture garasitti waraana kan ergite.

Hidhattoota Taalibaan loluuf mootummaan doolaara biiliyoonaan baasuu yeroo eegaletti lakkoofsi loltoota US guddachuu eegale, bara 2011 booda garuu lakkoofsi kun hir’isaa deeme.

Waggaa darbe loltoonni US, Afgaanistaan turan 4,000 turan Amajjii bara kanaatti gara 2,500tti hir’isani.

Ragaan mootummaa yerooo hunda humnoota addaa fi kanneen yeroof deeman of keessatti qabachuu dhiisuu mala.

Akkasumas dhabbilee nageenyaa dhuunfaa hedduu Afgaanistaan keessatti US’f hojjatan jiru. Kunis akka qorannoo Kongireesii UStti 2020 irraa eegalee, lammilee US 7,800 ta’an of keessatti qabata.

Akka gabaasa miidiyaalee UStti kontiraaktaroonni dhuunfaa hedduun akkuma mootummaatti yeroo waraanni gadhiisu isaanis ni ba’u jedhamee yaadama.

Akka waraanii US xiyyeeffannoo isaa duula haleellaa raawwachuurraa gara humnoota Afgaanistaan leenjisuutti geeddareen baasiin maallaqaa hir’iseera.

Bara 2010 fi 2012 gidduutti yeroof yemmuu loltooni US 100,000 ol ta’an Afgaanistaan keessa turanitti, baasiin waraanaa waggaatti gara doolaara biiliyoona 100 akka ture, gaabasi mootumma US ni ibsa.

Bara 2018tti waggaatti baasiin doolara biiliyoona 45 akka ture wagga darbe qodaalli olaanaa Pentagon Kongireesii US'f gabaaseera.

Akka gabaasa Ministeera Ittisaa US'tti, baasiin walii galaa waraanaa Afgaanistaan keessatti (Onkololeessa 2001- Fulbaana 2019tti) doolara biiliyoona 778 ga’ee ture.

Dabalataanis, mootummaan US – dhaabbata USAID fi dhaabbilee mootummaa biroo waliin hojii deebisanii ijaaruu irratti doolara biiliyoona 44 baaseera.

Akka gabaasa mootummaatti, utuu baasii Paakistan bakka hojii Afgaan waliin wal qabateef US akka wiirtuutti fayyadamtu keesatti ba’e utuu hin dabalatiin, bara 2001 fi 2009 gidduuttii doolara biiliyoona 822 baasteetti.

Qorannoon Biraawon Yunivarsitiin bara 2019 baasii waraanaa Afgaanistaanii fi Paakistaan irratti taasise akka himutti, US naannoo doolara biiliyoona 978 baasteetti (tilmaamni kun maallaqa bara 2020f karoorfamee ture of keessatti qabata).

Akka qorannoon kun jedhutti baasii guutummaa isaa sirritti tilmaamuun ni cima, sababiin isaas dhabbileen mootummaa adda addaa akkaataan isaan ittiin baasii galmeessan garaa gara waan ta’eefi akkasumas yeroodha yerootti waan geeddaramuufi.

Maallaqi kun eessa deeme?

Maallaqni Afgaanistaan keessatti ba’e harki caalaan isaa duula finciltoota loluu fi baasii wantoota loltoota US'f barbachisan kan akka nyaataa, uffataa, eegumsa fayyaa, kaffaltii addaa fi bu’aa irratti ba’e.

Loltoonni US buufata xiyyaara waraanaa keessa ba’uu isaani dura, Ajajaan Gidduugaleessaa US meeshalee 16,000 ta’an barbadeessuu isaa hima.

Erga bara 2002 as, US hojii deebisanii ijaaruu irratti doolara biiliyoona 143.27 Afgaanistaan keessatti baasuushee gabaasi mootummaa ni agarsiisa.

Loltuu US humna ibsaa ijaaruuf gargaaraa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Walakkaa ol (doolara biiliyoona 88.2),Waraana biyyaalessaa Afgaanii fi poolisii dabalatee humnoota nageenya Afgaan ijaaruu irratti ba’e.

Doolarri biiliyooan 36 ta’u ammo bulchiinsaa fi guddina irratti ba’ee, gaatiin xiqqaan ammo hojii farra-qorichaa sammuu hadochuu fi gargaarsa namoomaa irratti ba’e.

Maallaqa kana keessa hangi tokko hannaa fi aangoo qisaaseessun badeera.

Onkololeessa 2020tti gabaasa Kongiresii US’f dhiyaateen, gartuun hojii deebisanii ijaaruu Afgaanistaan keessatti taasifamu to’atu, doolarrri biiliyoona 19 ta’u Caamsaa 2009 fi Mudde 31, 2019 giduutti yakka akkanaan badeera jedha.

Lubbuun namootaa aarsaa ta’ewoo?

Bara 2001tti gartuu Talibaan irratti waraanni erga eegalee as, loltoonni US 2,300 ol du’anii loltoonni 20,660 ta’an ammo madaa’aniiru.

Bakka awwaalaa US'tti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Lakkoofsi miidha US irra ga’ee humnootaa fi lammilee nagaa Afgaan waliin yoo wal biratti madaalamu xiqqaadha.

Bara 2019tti Pireezdaant Ashraaf Gaanii akka jedhanitti waggoota shan durse inni angootti ba’uu isaa irraa eegale miseensonni humna nageenya Afgaan 45,000 ta’an ajjeefamaniiru.

Qorannoon Yunivarsitii Biraawon, erga waraanni Onkoleessa 2001tti eegalee as loltooti fi poolisootni Afgaan 64,100 ol ta’an du’uu isaani tilmaameera.

Akka Dhaabbata UN'tti Duulli Gargaarsaa Afgaanistaan (Unama) jedhutti, bara 2009tti gabaasa baaseen erga waraanni eegalee lammileen nagaa Afgaan 111,000 ol ta’an du’aniiru ykn mada’aniiru.