Loltoonni Ameerikaa hundi Afgaanistaan keessaa akka bahan Taalibaan gaafate

Madda suuraa, EPA
Loltoonni biyyoota alaa hundi guyyaa qabamee booda Afgaanistaan keessatti hafan akka weerartootaatti ilaalamu jechuun Taalibaan BBC'tti himeera.
Ameerikaan loltootashee guutummaatti Afgaanistaan keessaa baasuuf waliigaltullee, loltoonni muraasni imbaasiiwwani fi buufata xiyyaaraa eeguuf hafuu malu jechuu ishee hordofeeti Taalaibaan kana kan jedhe.
Ergamni waraanaa NATO kan ganna 20f ture xumuramee waliigaltee Qaataar irratti taasifameen loltoonni NATO Afgaanistaan keessaa bahuu eegalanii jiru.
Haata'u malee loltoonni NATO bahuu eegaluu hordofee Taalibaan lafa hedduu to'achuu isaan hokkorri babal'achuu eegaleera.
Humnoonni mootummaa Afgaan kophaa isaanii nageenya biyyattii eeguuf wayita qophaa'aa jiran, egereen nageenya magaalaa guddoo biyyattii Kaabul yaaddessaa ta'eera.
Dubbi himaan Taalibaan Suheel Shahiin BBC'tti akka himetti garuu Taalibaan ammatti yaada Kaabul to'achuu hin qabu.
Haa ta'u malee humnooti biyya alaa kamuu - kontiraaktaroota waraanaa dabalatee magaalattii keessatti hafuu hin qaban jechuun waajjira Taalibaan Qaataar jirurraa BBC'tti dubbate dubbi himaan kun.
"Waliigaltee Doohaa cabsuun loltoota isaanii asitti hambisanii kan bahan yoo ta'e, tarkaanfii itti aanu hogganni keenya mari'atee murteessa," jedhe.
Taalibaan kan duraan Afgaanistaan bulchaa ture bara 2001 haleellaa 9/11 al-Qaa'edaan Ameerikaa irratti raawwate hordofuun waraana Ameerikaatiin aangoorraa ari'ame.
Yeroos Taalibaan hogganoota al-Qaa'edaa akka Osaamaa Bin Laaden fi kaaniif dawoo tahee ture.

Madda suuraa, Reuters
Waggoota 20 booda Ameerikaan loltoota ishee fi kan NATO guutuu akka baastu, Taalibaan ammoo garee amantii fiinxaleessan kamiifuu dahoo akka hin taane, akkasumas naannoo to'atee jiru keessa akka hin sochoone akka hin hayyamne waliigalaniiru.
Guyyaan loltoonni guutummaatti akka bahan qabames Fulbaana 11, waggaa 20ffaa haleellaa 9/11tti.
Haa ta'u malee Ameerikaan loltoota 1000 ta'an imbaasiiwwan fi buufata xiyyaaraa Kaabul akka eegan hambisuu malti jedhamuun Taalibaan hin gammachiifne.
Taalibaan dippiloomaatonni, NGO'wwan fi lammilee biyyoota alaa kaan hin miidhu, eegumsi addaa isaaniif barbaachisu hin jiru jedhe Taalibaan.
Taalibaan ammaan kana godinaalee 400 biyyattiin qabdu keessaa nuusa ykn 1/4ffaa kan ta'u to'atee jira.
Loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa bahuun biyyattiin guutummaatti Taalibaan harkatti akka kuftu taasisa sodaan jedhu jiraatullee, pireezidantiin Afgaan Ashraaf Gaanii loltoonni isaa nageenya biyyattii eeguuf gahumsa akka qaban dubbatu.














