Loltoota US Afgaanistaan keessaa baasuun dhiibbaansaa guddaadha jedhan Hilarii Kilintan

Loltoota Afgaanistaan keessaa baasuun shororkeessitootaaf karaa saaquudha jedhan Hilarii Kilintan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Afgaanistaan keessaa baasuun shororkeessitootaaf karaa saaquudha jedhan Hilarii Kilintan

Ministirri Haajaa Alaa duraanii US Hilarii Kilintan, murteen Pirezidaant Joo Baayidan loltoota US Afgaanistaan keessaa baasuu ilaalchisuun dabarsan ''dhiibbaa hamaa qaba'' jechuun akeekkachiisan.

Loltoonni US nageenya Afgaanistaan eegsisuuf ramadaman bakka gadi dhiisanii baanaan sochii shorokeessitootaaf daandii saaqa jechuun CNN irratti dubbatan.

Loltoonni US bara 2001 gara Afgaanistaan bobbaafamuun garee Taalibaan irra aanuusaa kan kaasan Kilintan, loltoonni kunneen baanaan gareen kun bakkasaatti deebi'a jedhan.

US hanga Fulbaana 11 bara 2021'tti loltootashee Afgaanistaan keessaa baastee xumuruuf karoorfattee jirti.

Gareen Taalibaan garuu ammallee humna cimaa ijaarrachuun haleellaa raawwachuu itti fufee jira.

Akkuma Pirezidaant Joo Baayidan paartii Dimokiraat keessaa kan ta'an Hilarii Kilintan, haleellaa 9/11 bara 2001 raawwate booda loltoonni US Afgaanistaan akka seenan nama haalaan deggeraniidha.

Pirezidaant Baayidan waggaa 20ffaa guyyaa haleellaan kun itti raawwateetti loltaata isaanii Afgaanistaan keessaa baasuuf karoorfatanii jiru.

Yeroo ammaa loltoonni US 2,500 ta'an Afgaanistaan keessatti ramadamanii jiru, loltoonni kunneenis qaama humna nagaa eegsistootaa Nato'n ramade 9,600 ta'aniiti.

Akka pirezidaantichi jedhanitti US loltootashee deebisuuf kan murteessite, erga kanaan booda humnoonni alaa haleellaa warra dhihaa irraan ga'uu akka hin dandeenye mirkanaa'eeti jedhu.

Murtee pirezidaant Joo Baayidan kana akkamiin ilaaltu jedhamanii kan gaafataman Hilarii Kilintan, ''Mootummaan keenya dhiibbaa hamaa mudachuu malu lama ilaaluu qaba. Tokkoffaa garee finxaaleyyii kunneen bakkatti deebi'u. Lammaffaa biyyattiin nagaa dhabnaan lammiileen hedduun ni baqatu,'' jedhan.

Mootummaan Afgaanistaan dadhabaa deemuu fi gareen Taalibaan ammoo of-cimsaa jiraachuu kan kaasan Hilarii Kilintan, Taalibaan aangoo qabannaan biyyattiin waraana waliinii hamaa keessa seenti jedhan.

Loltoonni US seeraan Afgaanistaan gadi dhiisuun kan jalqaban ji'a kana (Caamsaa) gaafa tokkoo ture.

Wayita loltoonni kunneen biyyattii gadi dhiisanii ba'uu eegalan hookkara hamaatu ture.

Humnoonni nageeyaa Afgaanistaan gamasaaniin gareen hidhattootaa Taalibaan haleellaa hamaa raawwachuu danda'u jechuun sodaa fi yaaddoo qaban ibsuu eegalaniiru.

Qondaalli Afgaanistaan tokko akka dubbatanitti, kaleessuma yoo xiqqaate loltoonni Afgaanistaan torba haleellaa gareen hidhattoota Taalibaaniin raawwatameen ajjeefamaniiru jedhan.

Hidhattoota Taalibaan

Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinken akka jedhanitti hojiin loltoota US Afgaanistaan jiran baasuu xiyyeeffannaa fi karaa nageenyummaansaa mirkanaa'een kan raawwatuudha jedhan.

Ameerikaan garuu ammas taanaan mootummaa Afgaanistaan akka deggertu ibsaniiru.

"Loltoonni keenya achii haa bahaniyyuu malee, bakkicha guutummaatti gadi dhiisaa hin jirru. Tasuma biyyattii lagataa hin jirru. Loltoonni keenya osoo achii hin ba'in kan haleelaman yoo ta'e tarkaanfii ni fudhanna.'