'Waraanicha irra aanneerra, Ameerikaan injifatamteetti' jedhe gareen Taalibaan

Afgaanistaan keessatti gamtaadhaan qabsoo hidhannoo gaggeessuun kan beekamu gareen Taalibaan akka riphee lolaa biyya kaaniitti osoo hin taane aangoo kan mootummaa biyya bulchuun gadi hin taane qaba.
Qondaalli Taalibaan gameeyyiin kanneen akka Haji Hikmat, kan kutaa kaaba biyyattii Balkh jedhamtu harkaa qabu, mootummaa ta'uuf eeggachaa akka jiran ofitti amanamummaan dubbatu.
Qondaalli bara 1990oota keessa hidhatee garee Taalibaan keessa ture, amma meeshaa lafa kaa'ee hooggana naannawa Balkh ta'ee jira.
Miseensonni garee kanaa humna waraanaan cimoo akka ta'an himatu, loltoota mootummaa fi kan Ameerikaa irratti olaantummaa gonfatanii jiraachuus himatu.
Ajajoota garee hidhattootaa kana keessa tokko kan ta'e Baryalai akkas jedhe: ''Loltoonni mootummaa daka sana, naannawa gabaa jiru. Bakka buufatasaanii keessaa gadi hin ba'an. Naannoon nuti qabannee jirru kun itti hin bu'amu, kan wareegamtootaa (mujaahidootaati).''
Loltoonni mootummaa Afgaanistaan magaalota gurguddoo fi giddu-galeessa biyyaa qabatanii jiru, hidhattoonni Taalibaan ammoo baadiyyaa biyyattii hundarraan itti marsanii jiru.
Hidhattoonni Taalibaan kellaawwan irratti nama dhaabuun sakatta'u, kanarraa gareen kun baay'inaan jiraachuunsaa mirkanaa'a.
Qondaalli basaasaa garee Taalibaan Amiir Saahib Ajmal, garee BBC odeessa kana qindeessaa ture karaarratti dhaabsisuun, wayita isaan maaliif jedhanii gaafatan, namoota mootummaa waliin hidhata qaban sakattaana jedheen.
"Qabnee mana hidhaatti geessina. Mana murtii keenyatti dhiyeessuun adabbiin itti kennama,'' jedhe.
Gareen Taalibaan kun lola gaggeessaa jiran injifachuu himatu, Haji Hikmat akkas jedha: ''Nuti waraanicha irra aanneerra. Ameerikaan injifatamteetti.''
Pirezidaantiin US Joo Baayidan, yeroon waraanni biyyasaanii Afgaanistaan keessaa ba'uun irra jiru inni dhumaa Caamsaa dhufu gaafa 1, 2021 ta'ee osoo jiruu, Fulbaanatti dabarsuun ammoo garee Taalibaan irraa mufii guddaa kaasiseera.
"Waan hundaafuu nuti qophiidha. Nageenya buusuuf qophii guutuu qabna, wareegama kaffaluufis (jihaad) akkasuma,'' jedha Haji Hekmat.

Gareen Taalibaan karaan isaan qabatanii irratti cichaniif irratti wareegamuuf kutatan (jihaad) akkaan falmisiisaa ture.
Gareen kun haleellaa jaarmiyaalee idil-addunyaa irratti raawwatu dhaabuun bara darbe US waliin waliigaltee mallatteessee ture.
Garuu mootummaa haleeluu itti fufe. Haji Hikmat garuu dubbiin akkas miti jedhan.
"Mootummaa Islaamaa seera Shari'aan bulu feena. Haga fedhiin keenya fudhatama argatutti wareegamuu ittuma fufna.''
Gareen Taalibaan qondaaltota siyaasaa mootummaa Afgaanistaan waliin aangoo qooddachuurratti ejjennoo akkamii qaba kan jedhuuf, ''waan isaan murteessan kamuu fudhachuuf qophiidha,'' jedha Haji Hikmat.
Gareen Taalibaan akka riphee lolaa qofatti osoo hin taane akka mootummaa taayitaarra ba'uuf yeroo eeggataa jiruutti of ilaalu.
''Mootummaa Islaamaa Afgaanistaan'' jedhanii of moggaasaniiru, bara 1996 irraa kaasee hanga haleellaa 9/11tti wayita aangoo ture gareen kun maqaa kanaan of waamaa ture.
Erga aangoorraa buufamee as riphee lolaa ta'ee kan itti fufe gareen Taalibaan yeroo ammaa garuu gara aangoo mootummaa qabachuutti ce'aa jira.
Iddoowwan to'annoosaanii jala jiran keessatti caasaa mataasaanii ijaaranii of cimsanii jiru.
Haji Hikmat, manneen barnootaa bara bulchiinsa isaanii turan, kan deggersa UN qaban BBC'tti agarsiisan.
Bara Taalibaan aangoorra ture shamarran akka baratan hin eeyyamamu, gareen kun garuu kana ni haala.
Qondaalli Taalibaan kan dhimma barnootaa harkaa qabu Mawlawi Salahuddin, ''hanga hijaaba uffatanitti barachuu danda'u, barnooti isaaniifis ni barbaachisa,'' jedhe.
''Garuu barsiisota dubaraa qofatu daree seenee shamarran barsiisuu qabu. Uffata dheeraa uffachuun. Yoo seera shari'aa hordofan rakkoon hin jiru.''

Mana barnootaa dabalatee jaarmiyaalee tajaajila hawaasaaf kennan hedduu keessatti baajata kan ramadu mootummaadha, kaan ammoo jaarmiyaalee gargaarsaan deggeramu, gareen Taalibaan kanneenirrattis olaantummaa qabaachuu hima.
Namoonni BBC'n dubbise hundinuu garee kanaaf deggersa qabaachuu himan, gareen kun nageenya fooyyessuu fi yakka hir'isuu isaatti hedduu gammadoodha.
"Wayita naannoon keenya kun to'annaa mootummaa jala turtetti, uummanni keenya baay'een hidhamaa turan. Mana hidhaatii gadi dhiisuuf ammoo matta'aa gaafatamu. Uummanni keenya baay'ee miidhamaa ture. Haala amma jirutti gammadneerra,'' jedhan jaarsi biyyaa tokko.

Haji Hikmat bara 1990oota keessa miseensa waraana Taalibaan ture, kanaan dura wayita nama kansaanii hin taanee fi kaameeraa suuraa kaasu argan fuulasaanii golgu, suuraan ka'uunis dhorkaa ture.
Haji Hikmat jalqaba wayita kaameeraa BBC argu fuulasaa xiqqoo dhokfachuu yaalee ture, garuu yeroo xiqqoo booda ''kun amala dulloomaadha'' jedhee dhiise.
Fuulasaa guutummaatti mul'isee kaameeraa BBC'n waraabamuuf eeyyamamaa ta'e.
Yeroo aangoorra turan dogoggoraa turanii? Moo ammas haaluma sanaan itti fufu laata?
Haji Hikmat akkas jedha: ''Taalibaan durii fi ammaa tokkuma. Wanti jijjiirame hin jiru. Garuu amala dhuunfaarratti jijjiiramni jiraachuu danda'a. Namni tokko tokko amala nama sodaachisu qabaachuu danda'a, kaan ammoo tasgabbaa'aa ta'uu danda'a, kun waanuma jiruudha.''
Yeroo ammaa gareen Taalibaan waan sodaa qaban hin fakkaatan, keessattuu erga mootummaan US loltoota isaa baasuuf walii galee akkaan tasgabbaa'anii jiru.
Yoo loltoonni Ameerikaa guutummaatti biyyattii keessaa ba'an gareen Taalibaan humna waraanaa biyyattii harka galfachuu danda'a sodaan jedhu garuu lammiilee Afgaanistaan biraa nu mul'ata.
Haji Hikmat mootummaa Afgaanistaan kan isaan ''bulchiinsa Kaabul'' jedhanii waaman, yakka malaammaltummaan himatan. Mootummaan Kaabul jiru mootummaa Islaamaa miti ittiin jedhan.
Bulchaan akkasii uummata waliin walitti araarama jedhanii eeguun rakkisaadha jedhan.
''Kun jihaadiidha, kadhannaadha. Aangoof jennee miti kan qabsaa'aa jiru, Allaah fi seera isaaf jenneeti. Seera Shari'aa biyya kana keessatti mirkaneessuufi. Nama faallaa kanaa dhaabbate kamuu ofirraa qolachuuf qophiidha.''













