Afgaanistaan: Hogganaan Taalibaan miseensootaan haadha warraa baayyee hin fuudhiinaa jedhe

Dubartootaa islaamaa fuulasaanii haguggattan

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan garee Taaliibaan Afgaanisaaniitti argamu miseensonni hoggansaafi komaandaroota waraanaa akka haadha warraa baayyee hin funne labsii dabarse.

Hoggannaan garee kun, ''Diinoota keenya irraa qeequmsa olaanaatu nurratti ka'aa jira,'' jechuun komaandaroonni waraanaa haadha warraa tokkoo ol fudhuuf jechaa baasii hedduu taasisuurraa akka of qusataniif ajajusaanii gabaasaan BBC Kudayii Nuur Naasir gabaaseera.

Akka amantii Islaamaatti dhiiroonni hanga haadha warraa afurii fudhuu kan danda'an yoo ta'u, biyyoota akka Afgaanisataan, Paakistaaniifi kanneen biroo hordoftoota amantii Isilaamaa ta'an keessatti haadha warraa tokkoo ol godhachuun seeraan fudhatama qaba.

Haata'u malee, sababii baasii uwwiisaa ykn gabbaraan wal qabatee taasifamuun komaandaroonni waraanaa olaanoon baasiif saaxilamaniiru jedhuun labsiin kun akka bahu taasifamuu maddeen Taaliibaan BBCtti himaniiru.

Kaffaltiin gabbaraa kunis Afgaanistaafi Paakistaan kan sabni Pashtun keessatti argamaniitti kan raawwatamu yoo ta'u, kunis maalaqqa akka gaa'ilichi toluuf jecha maatii inatalaatiif kaffalamudha.

Labsiin kun Taalibaanotaaf wayita garichi haala egeere biyyattii ilaalchisuun aanga'oota biyyattii waliin marii taasisaa jiruttti kan dhufedha.

Maddeen akka jedhanittis, haanga'oonni Taalibaan himannaa malaammaltummaa miseensoonni maatii guddaa ykn baayyee qabaniif baasii isaanii haguugguuf jecha maallaqqa walitti qabaa jiru jedhuun dhagahuun kan yaadda'an ta'uu himu.

Dureewwan gameeyyiin Taaliibaan hedduun haadha warraa tokkoo ol kan qaban yoo ta'u, labsiin haaraa kunis duubatti deebi'ee isaan irraatti dhiibbaa omaa kan hin qabaannee ta'uun himameera.

Qondaalli Taalibaan Mulaah Abdul Ghaanii Baaraadaar haadha warraa sadii qabu

Madda suuraa, Anadolu

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalli Taalibaan Mulaah Abdul Ghaanii Baaraadaar haadha warraa sadii qabu

Labsichi maala jedha?

Labsiin fuula lama qabu kunis maqaa hogganaa garee Taalibaan Mulaah Hiibaatulaahtiin mallattaa'ee kan bahee yoo ta'u, haadha warraa hedduu fuudhuu kallattiin hin dhorkine.

Haata'u malee, baasii olaanaa cidhaafi gabbaraaf taasifamuun morkattootaa irraa qeequmsaafi balaalleeffannaa nurraan gahaa jira waan ta'eef, walumaagaltti miseensoonni haadha warraa takkaan ol akka hin funee kan jedhu qabateera.

''Osoo hoggansiifi dureewwan waraanaa haadha warraa tokkoon ol fudhuu irraa of qusatanii gochawwan seeraan alaa kan akka malaammaltuummaa keessatti akka hin hirmaannee ni gargaara,'' jedha labsichi.

Gama biraatiin ammoo haalawwan addaa dhiiroonni itti haadha warraa takkoo ol fuudhuu itti danda'anis qabateera labsiin kun.

Haaluma kanaanis dhiiroonni dhala hin qabne, kan ilma dhiiraa hin qabne, kanneen dubartii abbaan warraa irraa du'e fudhaniifi kanneen qabeenyaa qaban haadha warraa tokkoon ol fudhuu ni danda'u.

Dhiiroonni ulaagaalee kanneen guutanis haadha warraa takkoon ol fudhuuf wayita barbaadaniitti, itti-gaafatamtoota isaanii irraa hayyama argachuun akka haal-dureetti kaa'ameera.

Haala odeeffannoo BBC Taalibaanii argateetti, xalayyichi aanga'oota Afgaanistaaniifi Paakistaan sadarkaalee oggansa garaa garaa irratti argaman harka gaheera jedhame.