Seenaa shamarree xiqqoo 'Taalibaanoota' maatiishee fixan qawween jilbiinfachiifte dhageessanii?

Suuraan Nuriyaa qabbee abbaa ishee qabattee kaateedha

Madda suuraa, GHOR DISTRICT GOVERNMENT

Shamarreen kun Nuuriyaa jedhamti. Afigaanistaan kutaa baadiyaa keessa jiraatti.

Guyyaa tokkoo galgala keessa gareen hidhattootaa 'Mujaahiidiin' ofiin jedhan gara mana isaanii dhaqan.

Nuuriyaanis qawwee Raashiyaatti hojjetame, AK-47 jedhamu kaasuun itti dhukaafte. Isaan keessaayis lama du'anii sadii ammoo garmalee madaa'an.

Mootuummaan jidduugala Afgaanistaanis nageenya isheetiif jecha battalumaatti bakka jirtuu fudhuun gara hin beekamneetti dabarseen.

Mootummaanis mucattii xiqqoo kana TV irratti dhiyeessuun 'akkasiitti malee gotummaan' jechaa jira.

Suuta sutaan garuu gaaffiiwwan tooko tokko ka'uu eegalan. Namoota Nuuriyaan ajjeeftee keessaa tokko abbaawwarraashee akka ta'e barame.

Dhugaan halkan sana ture maaliidhaa?

'Abbaan warraashee maatii waliin waldhabeera ture'

Yeroonsaa halkan ture. Garee qabsaa'ootaa ofiin jedhan kunneenis yeroo sana gara mana ishee kan dhaqan.

Halkaniin kan dhaqanis 'eebbaaf' akka hin turree yaadama.

Dhugaattis abbaan Nuuriyaa jaarsa biyyaa turan. Jaarsa biyyaa mootummaa jiddugalaatiin deegaramu jechuudha. Dhufaatiin jarattiis abbaa Nuuriyaa dirqisiisuun fudhatanii deemuuf ture.

Nuuriyaan akka jettuutti, karri manaa halkan keessaa sa'aatii 7tti humnaan cabsamee baname.

Gudddattuu waggaa 15 kan taatee Nuuriyaanis raftee turte. Karri cabuu akkuma dhageesseen utaaltee siree irraa ka'uun qawwee ishee butatte.

Sagaleeshee balleessuunis eeggachuu eegalte. Jalqaba kan gara samusheetti dhufes obboleessa quxusuu waggaa sadiin caltudha.

Innis mana cisichaasaa keessa rafaa ture.

Gareen kun wayita maatiishee qabanii bahan ni dhagahama ture. Manni isaaniis lafa ol ka'aa wayirra ture.

Isaan booda maal akka uumamee Nuuriyaan BBC'tti akkasiin himte.

"Akkuma abbaafi haadha kiyya qabanii bahaniin dhukaasni dhagahame, ni ajjeesan.'' Achiin Nuuriyaan utaalte baate.

Kan guddattes naannoo hidhattoonni irra deddebiin haleellaa keessatti qaqabsiisaniitti waan ta'eef akkuma shamarran Afigaansitaan kaan sagaleensheetuu osoo hin dhagahamiin ija cabsattee guddatte.

Kana jechuun garuu meeshaa waraanaa hin hidhattu jechuu miti. Qawwee attamiin qabachuuf dhukaasuun akka danda'amu haalaan kan baratte fakkaatti.

Abbaanshee sirriitti leenjiisanii jiru.

Nuuriyaan halkan sana abbaafi haadha isheerrtti miidhaan qaqabnaan akka shamarran umuriishee kaanii borootti deebitee Ykn dhokachuuf hin yaalle.

Qawweeshee qabachuun gara hidhattoota maatii ishe ajjeesaniitti qajeelte. Hanga rasaasaa keessaa fixatuuttis ittuuma roobsite.

Rasaasa fixattee gara manaatti deebiite galte. Hidahttoonni lubbuun hafanis baqachuu eegalan.

Sa'aatii muraasaan boodas reeffa namoota shaniitu karrasaanii irratti argame. Shanan keessaas lama kan maatiishee yoo ta'u, kan biraa nama hollaa saanii tokko.

Kan kanneen hafan lamaa ammalleen adda hin baane.

Nuuriyaan BBCtti akkas jette, ''Waanti hundi fokkisaa ture. Abbaan kiyya miidhamaa qaamaa turan. Haatii kiyyaa wanti beektu omtuu hin turre. Ofii haati kiyya maal isaan goote?''

Nuriyaan magaalaa guddoo bakka eegunsa itti argatuutti geeffamte jirti

Madda suuraa, Getty Images

Waan hireen shamarran Afigaanistaan fakkaatu

Biyyattii keessatti bara dheeraaf nagaan hin jiru. Dhaloonni ammaa baayyeenis gamoojjii keessatti ulfa'anii walwaransa jidduutti dhalatan.

Rakkoon shamarran akka Nuuriyaa irra gahaa jiruuf bifaa baayyee qaba.

Carraan barnoota argachuulleen baayyee rakkisaadha. Shamarraniif carraan qaban heeruma qofaadha.

Hawaasichi ilaalcha olaantumaa dhiiraatiin kan guutameedha.

Waraanni mootummaaf Taalibaanoota jidduutti gaggeefamaa jirus kan itti fufu fakkaata. Erga eegalees waggoota 25 lakkoofsiseera.

Humnootiin mootummaas magaalaa Kaabuliifi kanneen gurguddoo ta'an biroo to'ataaniiru. Taalibaanoonni ammoo daangaawwaniifi garreen, sululawwaniifi baadiyyaa biyyattii keessa ballinaan socho'u.

Shamarran akka Nuuriyaa fa'i ammoo garee lamaaniinuu ni harkifamu.

Naannoo maatiin Nuuriyaa jiraatan keessatti gareen hidhattoota Taalibaan halkan keessa dhufuun namoota ajjeesanii akka deebii'an himama.

Obboleessi angafaa Nuuriyaa BBC'tti akka himeetti, abbaansaanii haleellaan kan irratti rawwatameef waan mootummaa jidduugaleessaa caalchiifatuuf.

Obbooleessi buddeenaa Nuuriyaa miseensa poolisii ta'uun hojjata. Nageenyi isaas yeroo hunda balaarra jira.

Nuriyaafi obbolaan ishee lamaan gara hilikoptara loltuutti wayita galan

Madda suuraa, LOCAL AFGHAN AUTHORITIES

Nuriyaan abbaa manaashee ajjeeftee ta'innaa?

Shamarree xiqqoon kurnis erga guyyaa hidhattoota maatiishee ajjeesan galaafateen booda maqaanshee ballinaan ka'aa jira.

Haata'u malee, suuta suutaan ragaaleen waldhahan bahaa jiru.

Obboleessishee guddaan kan himu, mootummaan kan jedhu, poolsiin naannoo kan jedhu, kan warri taalibaan jedhan addaa adda.

Ragaan BBC’n maddeen gara garaa irraa argate akka mul’isutti, namoota Nuuriyaan halakan sana ajjeefte keessaa tokko abbaa warraashee ta'uu hin oollee jedhama.

Odeeffannoo wal dha’u akka jiraatuuf sababni ijoon tokko, dubartoonni baadiyyaa Afgaanistaan rakkoo cimaa keessa jiran dhoksuuf yaalii taasifameen ta’uu mala.

Dubartoota biyyattii abbaan warraa akka cunqursuuf aadaafi ilaalcha deeggarutu jira.

Barnoonni hammayyaa isaan irraa baayyee fagoodha. Bakkeewwan tokko tokkootti sirummayyuu qaaniidha. Namni attamii barataa? jechuu gareen barnoota ammayyaa tufatan jiru.

Halkan sanatti hidhattoonni Taalibaan maalif mana Nuuriyaa fa’aa dhaqanii? kana jedhu irraa kaaseeti sababii sirriin kan hin baramneef.

Guyyaa gaafa sanaa garuu magaalaa baadiyyaa naannichaatti dhiyootti argamu tokkootti dhukaasni turuutu amanama.

Nuuriyaan akka jettuutti halkan sana gareen hidhattootaa sun kan dhufan abbaashee balaa irraan gahuuf ture. Taalibaanoonni garuu kana ni haalu.

Guyyaa walitti bu'iinsi akka ture himuun, shamarreen kunis miidhaa kamiyyu Taalibaan irraan akka hin geenye, du'aatiinis akka hin raawwatiin falmu.

‘’Guyyaa sana kan irratti kiyyeeffanne poolisoota keellaa naanichaa irratti argaman irratti ture. Haleellaa sanaanis looltoonni Taalibaan madaa'aniiru malee namni nu jalaa du'e tokkoyyu hin jiru,'' jedhu.

Mootummaan Afgaanisataaniifi poolisoonni gama isaanitiin garee Taalibaan guyyaa sana haleellaa raawwachuuf ture barbadaa'eera jedhu.

Nuuriyaatiinis, ''gootittii xiqqoo,’’ jechuun leellisu.

Isheenis biyyattii keessatti badhaasa meedaaliyaa gootumaa namoota Taalibaanirratti qawwee kaasaniif keennamu badhaafamuuf kan jalqabaa miti. Mootummaanis Taalibaanoota irratti waraana xiinsammuu labsuuf tooftaa kanatti fayyadama.

Kanaaf jecha, namoonni bulchiinsa Asharaaf Gahaanii cimsanii qeeqan kan jiran.

Qeeqxoonnis ''intala durbaa omaa hin beekne akkasi holola siyaasaatiif itti fayyadamuu gara jabummaa akkamiiti?'' jedhu.

‘’Daa’imni carraa dhabeettiin gartuu wal waraanan lama giddutti of argite kun maal beekti, isheetti hololaaf fayyadamuun sirriidhaa?’’ jedhanii kanneen gaaffii kaasan heddumataniiru.

Kaanneen, ''Nuuriyaan dhuguma goota. Kana addunyaatti himuun balleessaa attamii qabaata?'' jedhanis jiru.

Namni tokkoos tiwiitararratti ''Nuuriyaan fakkeenya dubartoota goota ta'aniiti. Lubbuushee olfachuuf deeggarsa nama kamuu gaaafchuun ishee hin barbaachisu,'' jedheera.

Bakka namoonni ajjeefaman itti awwaalaman

Nuuriyaan eenyu fa’aa ajjeefte?

Qondaalli poolisii naannicha jiru tokko "qorannoo namoota ajjeefaman irratti gaggeeffameen deeggartoota Taalibaan ta'unsaanii biraa gahameera,’’ jechuun BBCtti hime.

Namni sadaffaan madaaa cimaan irra qaqqabe ammoo komaadara Taalibaan beekamaa, Maasum Kaamiraan kan jedhamu jechuun poolisiin kan dubbate.

Garuu dhimma kana qaama walabaarraa qulqulleeffachuun hin danda’amne.

Obbolessashee quxisuu wajjin Nuuriyaa Pirezedant Asharaaf Gahaaniitti simannaa gootaa taasifameefii turan. Sana booda gabaasni waldha’u kan dhagame.

Badhaasa meedaliyaa erga fudhattee guyyoota muraasa booda namoota du’an keessaa tokko abbaa warraashee akka ture odeeffannoon bahuu eegale.

Kun dhugaadhaa? Maaliif ajjeeffte?

Firri dhiyoon Nuuriyaa BBCtti akka himetti, namoota ajjeefaman keessa tokko abbaan warraashee nama Raahim jedhamu ture. Halkan sana gara mandaraa kan dhufeefis isa dura maatiin intalasaanii dabarsanii kennuu waan didaniif ishee fudhachuuf ture.

Isaan dura fudhatee isa biraa gara maatiitti akka deebiite himama.

Shammarree Nuuriyaan garuu kana hin fudhattu. ''Lakkii nuti walitti heerumneetu hin beeknu'' jetti.

Namoonni dhimmicha akka beekan himan ammoo Nuuriyaan sirna gaa'ilaa Afgaanistaanitti maatiin ijoolleesaanii durbaa wal jijjiruu raawwatamuu keessa jirtu jedhu.

Akkaata kanaatiin Raahim Nuuriyaa akka haadha warrasaatti yoo fudhe, Abbaan Nuuriyaa ammoo fira Raahim keessaa dubartii biiraa akka haadha warraa lammaffaatti fuudhu jechuudha.

Dhimmicha mirkaneessuuf jechas BBCn haadha Raahim kan ta'an Aaddee Shaafaqan bilbilaan gaafateera.

Shaafaqanis dhuguma ilmisaanii Nuuriyaa akka fuudhee ture himan. Ilimisaanii ajjeeffame kunis Nuuriyaan osoo shamarree ganna 12 jirtuu akkaa fuudhe himte.

Jijjirraa kanaatiif ammoo abbaan Nuuriyaa ijoollee obboolaa Raahim keessaa dubartii tokko fudhuuf waliigalteen akka ture himan. Garuu maal godha ''lamaan isaanituu halkan tokkotti du'aniiru'' jette.

Abbaan Nuuriyaa waliigaltee kana cabsuun akka tasaa waggaa lamaan dura intalasaanii deebiisanii fudhatan. Raahimis halkan sana haadha warraasaa Nuuriyaa deebifachuu ture.

''Ilmii koo mana warra Nuuriyaa kan dhaqe balaa buusuuf miti, jaarsummaaf ture. Nuti hiyyeeyyiidha. Mucaan koo shugguuxiidhumaa harkaan qabatee hin beeku,'' jedhan wayita BBC'tti himan. Kanaafuu, ilmisaanii miseensa taalibaan ta'uusaa haalaniiru.

Waan halkan sana mudatee ture sirnaan hubachuun rakkisaa ta'eera.

Garuu ammoo waa'ee Nuuriyaa ta'e, ijoolleen durbaa biyyattii gita ishee ta'an kamiiyyu jireenya mataa aanii kan hin qabaneedha. Yeroo jiranitti hafee, yeroo du'anittillee of ta'uuf rakkataniiru.