Gaazexeessituu beekamtuu aduu guyyaa ajjeefamteef haqni gaafatame

Minaa Maangaal

Madda suuraa, AfghanPresidential Inofrmation Coordination Center

Minaa Maangaal gorsituu siyaasaa osoo hin ta'in dura dhiheessituu Televijiniirraa turte.

Gaafa dheengadaa (Sambata) magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabulitti guyyaa keessa bakka dhihoorraa ajjeefamte.

Poolisiin kan qorataa jiru yoo ta'u ammallee ajjeechaa ishii duuba eenyu akka jiru hin baramne.

Ibsa Ministeerri biyya Keessaa biyyattii gaafa Sambataa baaseen Aadde Maangaal hojii isaanii gorsituu komishinii dhimmoota aadaa paarlaamaa Afgaanistaan isa hojjetanif osoo deemani ajjeefamu ibseera.

Manni murtii olaanaa biyyattii, dhaabbilee hawaasaafi kaan ajjeechaan ishii akka qoratamu gaafataniiru.

Aadde Maangaal dhihodhuma kana lubbuu isheef akka sodaattuufi dorsiisi irra gaha akka jiru fesbuukii irratti barreessuu ishee rogeettiin beekamtuu mirga dubartootaa tiwitara irratti barreessiteetti.

Maaliif akka doorsifamte ifa miti. Dubbii himaan poolisii miidiyaa rooyitarsiif akka dubbatanitti waldhabdee maatii keessaas qorataa jiru.

Erga isheen duute miidiyaaleen hawaasummaa Afgaanistaan waan raawwate balaaleffataa jiru. Sadarkaa ajjeechaa dubartoota irratti biyyattii keessa raawwatuus qeeqaa jiru.

Inumaa muraasni ajjeechaan dubartoota beekamoo irratti Afgaanistaanitti raawwatu guyyaa keessaafi lafa magariisa Kaabul keessaa akka ta'e barreessaniiru.

''Dubartiin guyyaa adii kan ajjeefamtu dhiirri ajjeefamun isheef mala waan jedheefi,'' jechuun Waazmaa Firoog barreessite.

Erga ajjeefamtee booda yeroo reeffi ambulaansiin geeffamu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeechaan kuni guyyaa adii Kaabul, Afgaanistaanitti raawwate

Dhaabbileen mirga namoomaa keessumaa bakkeewwan Taalibaanin to'atamanitti haleellaan koorniyaa bu'uura godhate akka raawwatu galmeessaniiru.

Dhaabbanni 'Reporters Without Borders' jedhamullee bara 2018 Afgaanistaan biyya gaazexessitootaaf hintaane akka taate ibseera.