Somaalilaand oduu waa'ee Itoophiyaa barreessan jechuun gaazexeessitoota waggaa lama itti murteessite

Madda suuraa, TONY KARUMBA
Manni murtii naannoo Somaalilaand olola ooftaniittu jedhamuun himanni kan irratti baname gaazexessitoota lama irratti adabbi hidhaa waggaa lamaa murteesse.
Mohaammad Abdillaahi fi Ahmad Diire gaazexeessitoonni jedhaman alaabaa biyyattii salphisaniiru jechuun akka yakkaman 'Human Right Center' jedhamuun kan beekamu dhabbanni mirga namaaf falmu beeksiseera.
Gaazexeessitoonni kun gaazexaa qabeenyaa dhuunfaa kan ta'e 'Xeegonews' jedhamuu irratti hidhattoonni lammii Itoophiyaa ta'an Somaalilaand bakka Awudaal jedhamutti leenjii godhaa jiru jedhanii barreessaniiru jechuun ture kan hidhaman.
Dhaabbanni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ'n akka beeksiisetti immoo barreefamni akkas jedhu himata irratti baname waliin dhihaatus, marsariitii irrattis ta'e maxxansa gaazeexaa kanaa irratti argamuu hindandeenye.
Abbootiin qabeenyaa gaazexichaas dhimma kanaaf deebi hin kennine.
CPJ'n gaazexeessitoonni kun akka gadi dhiifaman gaafateera.
Akka dhaabbanni mirga namoomaa 'Human Rights Center (HRC)' ogeessa seeraa gaazexeessitootaaf falmu irraa dhagahe jedhetti gaazexeessitoonni ol iyyannoo gaafatu.
Somaalilaand biyya ofiin akka biyyaatti of waamtu malee beekkamtii idil-addunyaa hinqabdu.












