Somaalilaand gudeeduu hambisuuf seera jalqabaa baaste

Madda suuraa, AFP
Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf biyyi ofumaan biyya ofiin jette Somaalilaand seera gudeeduu itti himachuun danda'amu baaste.
Duraan maatiin dubartoonni jalaa gudeedamte qaanii jalaa bahuuf jecha nama isaan gudeedetti akka heeruman dirqu ture.
Namoonni yakka gudeeduu raawwatan yoo xiqqaate hidhaan waggaa 30 itti murtaa'a.
Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaa irraa adda bahuun biyya ofiin jettuus akka idila-addunyaatti beekkamtiin biyyaa hin kennamneef. Hanga yoonaa Somaaliyaa keessatti seerri gudeeduu yakku hinjiru.
Dubbii himaan paarlaamaa Somaalilaand, Bashe Mohaammad Faarah, dhimmi yakka gudeeduu waan baay'ateef seerri haaraa bahe kana dhorkuu akka danda'au abdii qabu.
''Yeroo ammaa namoonni gareedhaan yeroo dubartii gudeedan dhageenya.''
''Seerri haaraa yakka gudeeduu akkuma jiruun hambisuufi.''
Seerri haaraan kuni waggoota muraasaaf lellistoonni mirga daa'immaniifi dubartootaan seerri akka bahu yaadicha deeggarani erga dubbataa turani booda bahe.
Faa'isaa Alii Yusuuf Fooramii dhimma Dubartootaa irraa BBC'tti akka dubbatanitti seera akkanaa arguuf yeroo dheeraa eegan.
Gaazexessituun BBC Aane Sooy akka ibsitetti seerri bahe biyyattiin ija biyyoota idila-addunyaa biratti biyya dimookiraasii dhaabbileen mirga lammiiliee eeguu danda'an akka jiranif agarsiisuufi.













